LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 7/15 ful. 32
  • “Abjuunkoo Naa Dhugoomeera”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Abjuunkoo Naa Dhugoomeera”
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Akka Isaan Jaallattu Isaanitti Himi
    Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
  • Xalayaa Dominikaan Riippuubliikiirraa Ergame “Jaalala Akkasii Argee Hin Beeku”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 7/15 ful. 32

“Abjuunkoo Naa Dhugoomeera”

Eemiliyaan waggaa 15 dura qajeelchituu kan turte taʼus, yeroo booda garuu tajaajila yeroo guutuu ni dhaabde. Waggoota dhihoo asitti garuu, qajeelchaa ennaa turtetti gammachuu guddaa argachaa akka turte yeroo baayʼee kan yaaddu siʼa taʼu, ammas tajaajilarratti caalaatti hirmaachuu barbaadde.

Eemiliyaan hojiisheerratti saʼaatii baayʼee dabarsuunshee gammachuu akka dhabdu ishee godhe. Yeroo tokko, namoota wajjin hojjetan duratti sagaleeshee guddistee, “Saʼaatii muraasa qofa utuun hojjedhee natti tola!” jette. Hoggantuunshee yaada kana waan dhageesseef itti siqxee kun dhugaa taʼuusaa gaafatteen. Eemiliyaanis dhugaa taʼuusaa mirkaneessiteef. Taʼus, hojjettoonni kaampaanichaa marti guutummaatti of kennuu akka qaban seerrisaanii waan gaafatuuf, wanta isheen gaafatte kana qindeessaanshee mirkaneessuu qaba. Obboleettiin kun qindeessichaa wajjin mariʼachuuf kan qophoofte siʼa taʼu, nagaafi ija jabina argachuufis kadhannaa dhiheessiteetti.

Eemiliyaan yeroo isaa wajjin mariʼattutti malaan garuu ija jabinaan saʼaatii muraasa qofa hojjechuuf akka isheedhaa heyyamamu gaafatte. Saʼaatii hirʼifamuuf kanatti fayyadamtee namoota gargaaruu akka barbaaddu akkas jettee ibsite: “Dhugaa Baatuu Yihowaa waanan taʼeef, karaa hafuuraa namootan gargaara. Yeroo harʼaa amalli namoota hedduu mancaʼeera. Kanaaf amala gaarii horachuufi seera qajeelinaa beekuu waan qabaniif, wantin Macaafa Qulqulluurraa barsiisuun baayʼee isaan fayyada. Sochiin yeroo hojiitiin ala godhu qulqullina hojiikoorratti dhiibbaa akka godhu hin barbaadu; garuu namoota gargaaruuf saʼaatii dabalataa argachuun barbaada. Saʼaatiin hojiirratti dabarsu akka naa hirʼifamu kanan barbaades kanaafidha.”

Qindeessichi xiyyeeffannaadhaan kan ishee dhaggeeffate siʼa taʼu, innis yeroo tokko hojii gargaarsaarratti hirmaachuuf yaadee akka ture dubbate. Achiis, “Sababni ati dhiheessite quubsaa waan taʼeef, gaaffiikee guutuu akkan qabu natti dhagaʼama. Haataʼu malee mindaa xinnoon akka sii kaffalamu hubatteettaa?” jedheen. Isheenis mindaashee akka xinneessu akka beektuufi barbaachisaa taanaan akkaataa jireenyaashee salphaa gochuu akka dandeessu ibsiteef. Itti dabaluudhaanis, “Galmikoo inni guddaan wanta gaarii tokko namootaaf gochuudha” jetteetti. Qindeessichis akkas jedheen: “Namoota ofittummaa tokko malee yeroosaanii warra kaaniif aarsaa godhan nan dinqisiifadha.”

Kaampaanicha keessaa eenyuyyuu mirga akkasii argatee hin beeku. Yeroo ammaa Eemiliyaan torbanitti guyyaa afur qofa hojjetti. Taʼus mindaadhuma duraan kaffalamuuf argachuunshee ishee ajaaʼibsiiseera. “Abjuunkoo naa dhugoomeera; deebiʼees qajeelchaa taʼuu dandaʼeera!” jetteetti.

Haala keerratti sirreeffama gochuudhaan, qajeelchaa taʼuu ykn deebitee qajeelchaa taʼuuf yaaddeettaa?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 32⁠rra jiru]

Qindeessichis akkas jedheen: “Namoota ofittummaa tokko malee yeroosaanii warra kaaniif aarsaa godhan nan dinqisiifadha”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi