LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 12/15 ful. 18
  • Ni Yaadattaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ni Yaadattaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Guyyicha, Yerichas Hin Beektan”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • 2 Qabeenya Kee Eeggadhu
    Dammaqaa!—2022
  • Yesus Gad Of Deebisuudhaan Fakkeenya Taʼeera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Nama Hundumaaf Deebii Kennuu Kan Qabnu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 12/15 ful. 18

Ni Yaadattaa?

Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼan akka gaariitti dubbisteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaali:

Ibidda arraba toʼannaa hin qabnee dhaamsuu kan dandeenyu akkamitti?

Garaa keenya qoruu qabna. Obboleessa keenya shakkuu mannaa, ilaalcha gadhee maaliif akka isaaf qabaannu qoruun keenya barbaachisaadha. Tarii wanti nuyi raawwannu kan warra kaaniirra caalee akka mulʼatu waan barbaannuufidhaa? Obboloota keenya shakkuun haalli sun caalaatti akka badu gochuu dandaʼa.​—8/15, fuula 21.

Guyyaan Yihowaa dhufuusaa dura wantoota akkamiitu raawwatama?

Labsiin, “Nagaa dha, gabii dhas!” jedhu ni labsama. Mootummoonni, Baabilon Guddittii loluudhaan ishee balleessu. Achiis saba Waaqayyoorratti lola banu. Yeroo kanatti waraanni Armaagedoon kan jalqabu yommuu taʼu Seexanniifi hafuuronni hamoon iddoo isa lafa jalaatti gad darbatamu.​—9/15, fuula 4.

Guyyaa dhumni itti dhufu sirriitti beekuu dhiisuun keenya faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

Guyyicha sirriitti beekuu dhiisuun keenya wanta dhugumaan garaa keenya keessa jiru mulʼisuuf nu gargaara. Garaa Yihowaa ciibsuuf carraa nuu bana. Fedhii keenya aarsaa gochuuf, akkasumas Waaqayyoofi Dubbiisaatti caalaatti amanamuuf nu gargaara. Hunda caalaammoo rakkoowwan yeroo harʼaa jiran ejjennoo keenya cimsachuuf carraa nuu banu.​—9/15, fuula 24-25.

‘Urjoonni torban’ harka Yesus isa mirgaa keessa jiraniifi Mulʼata 1:16, 20⁠rratti caqasaman eenyuun argisiisu?

Adda durummaadhaan Kiristiyaanota dibamoo gumii keessatti ilaaltota olaanaa taʼan, akkasumas ilaaltota olaanaa hunda kan argisiisanidha.​—10/15, fuula 14.

Isaayaas 50:4, 5⁠rratti akka ibsame, Yesus amala gad of deebisuu kan argisiise akkamitti?

Caqasni kun Yesus ‘dubbii barbaachisu akka dubbatuufi isarraa akka hin garagalle’ ibsa. Yesus gad of deebisuudhaan wanta Abbaansaa isa barsiiseef xiyyeeffannaa kenneera. Amala gad of deebisuu Yihowaan ilmaan namootaa cubbamoo taʼanitti argisiise qabaachuuf fedhii guddaa qaba ture.​—11/15, fuula 11.

Waaqayyo namoota cubbuu hojjetanii qalbii geddarataniif dhiifama kan godhuufi kan irraanfatu akkamitti?

Yihowaan namoota faara tolaadhaan ilaaluuf, “Ani yakka isaanii isaaniif nan dhiisa, cubbuu isaaniis deebiʼee isaanitti hin lakkaaʼu” jechuudhaan abdii kenneera. (Er. 31:34) Yihowaan karaa aarsaa furichaa cubbuu namootaatiif dhiifama ni godha. Yihowaan yommuu dhiifama godhu ni irraanfata; jechuunis nu ceephaʼuuf jedhee cubbuu hojjenne lammata hin yaadatu.​—Onk.-Mud. fuula 14.

Dinqiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffaman amanuu kan qabnu maaliifi?

Dinqiiwwan hedduun kan raawwatama bakka namoonni baayʼeen argamanitti malee dhoksaatti miti. Dinqiiwwan sun salphaadhumatti kan raawwatamanidha. Namoonni dinqii kana kan raawwatan, namootaaf utuu hin taʼin Waaqayyoof ulfina fiduu ture. Dinqiiwwan addaddaa kan raawwataman yommuu taʼu, mormitoonni yommuu dinqiin kun raawwatamu argan dhugaa taʼuusaa hin shakkine. Wantoonni kun, dinqiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffaman amanuuf ragaa kan taʼanidha.​—Onk.-Mud. fuula 19.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi