LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w13 7/15 ful. 32
  • “Fakkicha Ilaali!”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Fakkicha Ilaali!”
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yeroo Har’aa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufa’i?
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Walgaʼiiwwan Gumiirratti Wal Jajjabeessaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Fakkiiwwanirraa Guutummaatti Fayyadami
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Walgaʼii Keenyaaf Akka Gaariitti Qophaaʼuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
w13 7/15 ful. 32

“Fakkicha Ilaali!”

Yommuu maxxansa haaraa barruu kanaa bantee ilaaltu, ofiinis ta’e warra kaaniin akka armaan olii jettee beektaa? Fakkiiwwaniifi suuraawwan babbareedoon of eeggannoodhaan qophaa’an, kaayyoodhaan kan kaa’amanidha. Deggersa barnootaa akka yaannu godhaniifi garaa keenya tuqanidha. Keessumaa yeroo Qayyabannaa Masaraa Eegumsaatiif qophoofnuufi irratti hirmaannu nu fayyaduu danda’u.

Fakkeenyaaf, fakkiin jalqaba mataduree qayyabannaa tokkoorra jiru maaliif akka filatame irratti yaadi. Fakkichi ergaa maalii qaba? Mataduree qayyabannichaa ykn caqasa ijoo matadurichaa wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba? Fakkiiwwan kaanis barumsichaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabaniifi jireenyakee akkamitti akka tuqan irratti yaadi.

Obboleessi Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa geggeessu, fakkichi barumsichaa wajjin akkamitti akka wal qabatu ykn dhuunfaadhaan akkamitti akka isaan tuqe yaada akka kennan obboloota afeeruu barbaada ta’a. Darbee darbee, keeyyata ta’e tokkoo wajjin wal qabsiisuuf fakkicha biratti ibsi ni kennama. Yeroo tokko tokkommoo, obboleessi qayyabannicha geggeessu keeyyata kamirratti waa’ee fakkichaa mari’achuun akka wayyu murteessa ta’a. Yeroo kanatti, obboloonni hundi namni barreeffamicha dubbisu qophii barumsa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru yaadaan akka ilaaluuf godhamerraa guutummaatti faayidaa argachuu danda’u.

Obboleessi tokko, “Fakkiin barumsa baay’ee dinqisiisaa ta’e tokkoof kenname, akkuma kireemii keekiitti dibaniiti” jechuudhaan ibseera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi