Yeroo Har’aa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufa’i?
1. Birooshura Yeroo Har’aa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufa’i? jedhamu gumiirratti yoomii kaasee qayyabanna? Kana gochuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?
1 Torban Sadaasa 14, 2014 jalqabuu kaasee, birooshurri Yeroo Har’aa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufa’i? jedhamu Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumiirratti ni qayyabatama. Birooshurri haaraan kun, walga’ii koonyaa “Yaadakee Ba’eessa Godhii Eeggadhu!” jedhurratti kan ba’e si’a ta’u, barattoota Macaafa Qulqulluu jaarmiyaa Yihowaa wajjin wal barsiisuuf kan qophaa’edha. Barreeffama kana qayyabachuun keenya, dinqisiifannaa kutaa jaarmiyaa Yihowaa ta’uu keenyaaf qabnu nuu guddisa. Kana malees, birooshuura tajaajilaaf baay’ee nu fayyadu kana akka gaariitti beekuuf nu gargaara.—Far. 48:13.
2. Birooshurri kun gumiirratti kan qayyabatamu akkamitti?
2 Akkaataa Itti Qayyabatamu: Obboleessi qayyabannaa kana geggeessu, barumsa hunda qixxeetti waliin ga’uu akka danda’uuf sa’aatiisaa hihhiruu qaba. Gaaffiiwwan akka matadureetti dhihaatan dubbisuudhaan barumsa 28 hunda jalqaba. Achiis, obboleessi dubbisu keeyyata seensarra jiru erga dubbisee booda obboleessi geggeessu gaaffii keeyyatichaaf qopheesse dhaggeeffattoota gaafata. Sana booda, kutaan jalqabasaarratti hima qubee fufurdaadhaan barreeffame qabu hundi tokko tokkoon dubbifamee irratti mari’atamuu qaba. Kutichi erga dubbifamee booda, obboleessi geggeessu kutaan sun gaaffii mataduree barumsichaa ta’eef deebii akkamii akka kennu gaafata. Birooshurichi fakkiiwwan yaada irratti kennuun danda’amu hedduus qaba. Yeroon yoo jiraate caqasoonni ijoo ta’an dubbifamuu qabu. Obboleessi geggeessu, barumsa itti aanutti darbuusaa dura gaaffiiwwan xumura fuulichaarra jiran gaafachuudhaan yaadasaa irra deebi’a. Barumsi irratti mari’atamaa jiru, saanduqa “Caalaatti Baradhu” jedhu qaba taanaan, akka dubbifamu gochuudhaan dhaggeeffattoonni, namni Macaafa Qulqulluu qayyabatu tokko, yaada achirratti ibsame hojiirra oolchuudhaan akkamitti fayyadamuu akka danda’u akka ibsan afeera. Obboleessi qayyabannaa kana geggeessu, yoo yeroon isaaf heyyame, xumurarratti gaaffiiwwan akka matadureetti dhihaatanitti fayyadamee barumsa hunda irri deebi’uu danda’a. Yeroo dhuunfaatti namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu mala kanatti fayyadamuun dirqama akka hin taane yaadadhaa.
3. Qayyabannaa birooshura kanaarraa faayidaa guutuu argachuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Faayidaa guutuu argachuuf sirriitti qophaa’aa kottaa. Hirmaannaa gochuuf yaalii godhaa. Mareen yommuu godhamu, birooshurichi barattoota Macaafa Qulqulluutiif faayidaa akkamii akka kennu yaadaa. Birooshura haaraa kana qayyabachuun keenya, namoonni kaanis jireenya barabaraa argachuu akka danda’aniif nu faana hiriiruudhaan fedha Waaqayyoo akka raawwatan gargaaruuf kan nu qopheessu akka ta’u hawwina.—1 Yoh. 2:17.