LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w13 9/15 ful. 3-6
  • Yaadawwan Walbira Qabamanii Ibsamanirraa Faayidaa Argadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yaadawwan Walbira Qabamanii Ibsamanirraa Faayidaa Argadhaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • YAADAWWAN WALBIRA QABAMANII IBSAMANIRRAA FAAYIDAA ARGADHAA
  • Dandeettii Ittiin Barsiistu Guddifadhu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • ‘Waaqayyo Tokkichi’ Maatiisaa Walitti Qabaa Jira
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Tokkummaan Kiristiyaanotaa Waaqayyoof Ulfina Fida
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Dukkanarraa Fagaachuudhaan Ifa Keessa Jiraadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
w13 9/15 ful. 3-6
[Fakkii fuula 3⁠rra jiru]

Yaadawwan Walbira Qabamanii Ibsamanirraa Faayidaa Argadhaa

Yesus Barsiisaa guddicha namoota hanga har’aatti jiraatan hunda caalu ta’uusaarratti walii hin galtuu? Gaaffiiwwaniifi fakkeenyotatti fayyadamuudhaan akkaataa inni itti barsiise hordofuuf yaalteetta ta’a. Yommuu barsiisu yaadawwan walbira qabamanii ibsamanitti yeroo baay’ee akka fayyadamehoo hubatteettaa?

Namoonni hedduun ennaa haasa’an yaadawwan walbira qabamanii ibsamanitti ni fayyadamu. Atumtiyyuu utuu itti hin yaadin yeroo baay’ee yaada akkasiitti ni fayyadamta ta’a. Tarii, “Isaan kuduraan hundi bilchaateera jedhanii turan, warri kun garuu hin bilchaanne.” Yookiin, “Isheen ni saalfatti turte, amma garuu baay’ee namatti siqxi” jettee dubbatta ta’a.

Haala akkasii keessatti jalqaba dhugaa jiru dubbatta; achiis yaada walbira qabaman ibsuuf jechoota haata’u malee, ta’us, garuu, kanaa mannaa ykn karaa garabiraatiin jedhanitti fayyadamta. Yaadicharratti odeeffannoo dabaluudhaan walbira qabdee ibsita ta’a. Haala kanaan yommuu dubbattu dubbiinkee gurratti kan tolu, akkasumas wanti ati jettu kan hubatamu ta’a.

Yaadawwan walbira qabamanii ibsaman, afaan ykn aadaawwan tokko tokko keessatti beekamoo ta’uu baatanis, faayidaasaanii hubachuun keenya baay’ee gaariidha. Maaliif? Hedduunsaanii Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame keessatti waan argamaniifidha. Yesus yeroo baay’ee yaadawwan kanatti ni fayyadama ture. Mee warra armaan gadii hubadhu: “Homtinuu ibsaa qabsiisee guuboo jala hin kaa’u, baattuu ibsaa irra kaa’a malee.” “Ani [Seericha] raawwachuudhaafan dhufe malee, diiguudhaaf hin dhufne.” “‘Hin ejjin’ jedhamee akka himame dhageessaniittu. Ani garuu isinittan hima, namni ija hawwaatiin dubartii ilaale . . . ” “‘Qooda ijaa, iji; qooda ilkaanii ilkaan haa kennamu!’ jedhamee akka himame dhageessaniittu. Ani garuu isinittan hima, isa hamaadhaan hin morkatinaa! Namni maddii kee isa mirgaa yoo si kabale, isa gara kaaniis itti qabi!”—Mat. 5:15, 17, 27, 28, 38, 39.

Kutaa Macaafa Qulqulluu kanneen biroo keessas yaadawwan walbira qabamanii ibsaman jiru. Yaadawwan kun yaada tokko hubachuuf ykn yaada isa fooyya’aa ta’e addeessuuf si gargaaruu danda’u. Warra yoo taatan mee yaada kanarratti xiinxalaa: “Isin immoo abboota nana! Adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa malee, isaan aarsuudhaaf isaan hin tuttuqinaa!” (Efe. 6:4) Phaawulos ergamaan, abbaan (ykn haati) tokko mucaasaanii adaba Waaqayyootiin guddisuunsaanii ogummaafi sirrii akka ta’e ibsuusaati. Yaadni, ‘Barsiisa gooftaatiin isaan guddisaa malee, aarsuudhaaf isaan hin tuttuqinaa!’ jedhu walbira qabamee ibsamuunsaa ergaansaa caalaatti ifa akka ta’u godha.

Phaawulos boqonnaa kanarratti ittaansuudhaan, “Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wal’aansoo wal qabna miti; garuu humnoota . . . bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal’aansoo wal qabna” jedheera. (Efe. 6:12) Yaadni walbira qabamee ibsame kun wal’aansoo cimaa gochuu akka qabdu hubachuuf si gargaara. Wal’aansoon kun kan godhamu, namootaa wajjin utuu hin ta’in hafuurota hamoo wajjinidha.

YAADAWWAN WALBIRA QABAMANII IBSAMANIRRAA FAAYIDAA ARGADHAA

Macaafa Efesoonirraa, caqasoota yaadawwan walbira qabamanii ibsaman qabaniifi Phaawulos itti fayyadame hedduu argatta. Yaadawwan kanarratti xiinxaluun keenya, yaada Phaawulos dubbates ta’e wanta raawwachuu qabnu caalaatti hubachuuf nu gargaara.

Chaartii mataduree kanaa wajjin jiru isa yaadawwan walbira qabamanii ibsamaniifi Efesoon boqonnaa 4fi 5⁠rratti argaman qabu qoruunkee kan si gammachiisuufi kan si fayyadu ta’ee argatta. Yaadawwan kana hunda yommuu dubbistu jireenyakee wajjin walbira qabii ilaali. Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Dhugumaan ilaalchikoo akkamidha? Haalli akkasii ykn kanaa wajjin wal fakkaatu yoo na mudate maalan godha? Namoonni kaan waa’eekoo ibsuuf yaadawwan walbira qabamanii ibsaman keessaa isa kamitti fayyadamu?’ Yaadawwan kana keessaa keessumaa wanti ati irratti hojjechuu qabdu akka jiru kan si hubachiisu jira taanaan, kana gochuuf carraaqqii godhi. Yaadawwan walbira qabamanii ibsaman kanarraa faayidaa argadhu.

Yookiin chaartii kana waaqeffannaa maatiirratti itti fayyadamuu dandeessa. Jalqaba, miseensonni maatiikee hundi yaadawwan kana dubbisuu danda’u. Achiis tokkoon keessan yaada isa jalqabaa erga dubbistanii booda, warri kaanimmoo yaada ijoo kutaa lammaffaa yaada walbira qabamee ibsame sanaa akka yaadatan gochuu dandeessu. Kunis, karaa kutaa lammaffaa yaada walbira qabamee ibsame sana hojiirra oolchuu itti dandeessan ilaalchisee maree gammachiisaa gochuuf isin gargaaruu danda’a. Eeyyee, yaadawwan akkasii qoruun, dargaggoonnis ta’an maanguddoonni amala Kiristiyaanaa iddoo hundaatti mul’isuuf isaan gargaara.

[Fakkii fuula 6⁠rra jiru]

Kutaa lammaffaa yaada walbira qabamee ibsamee caqasuu dandeessaa?

Faayidaa yaanni walbira qabamee ibsamu qabu caalaatti beekuunkee, yaada Macaafa Qulqulluu keessa jiru akkasii akka gaariitti hubachuudhaan tajaajilarratti itti fayyadamuuf si gargaara. Fakkeenyaaf nama haasofsiistu tokkoon akkas jechuu dandeessa: “Namoonni hedduun, namni hundi lubbuu hin duune akka qabu dubbatu; ta’us wanta Macaafni Qulqulluun asirratti dubbatu ilaali.” Yookiin qayyabannaa Macaafa Qulqulluu yommuu geggeessitu akkas jettee gaafachuu dandeessa: “Namoonni naannoo kanaa hedduun Waaqayyoofi Yesus tokko akka ta’an amanu; garuu Macaafni Qulqulluun maal jedha? Atoo maal jettee amanta?”

Eeyyee, Caaffanni Qulqullaa’oon yaadawwan walbira qabamanii ibsamaniifi Waaqayyoo wajjin deddeebi’uuf nu gargaaran hedduu qabataniiru. Namoonni kaan dhugaa Macaafa Qulqulluu akka hubatan gargaaruuf yaadawwan akkasiitti fayyadamuu dandeenya.

Yaadawwan Walbira Qabamanii Ibsamaniifi Efesoon Boqonnaa 4⁠fi 5⁠rra Jiran Muraasa

Waaqeffannaa maatii keessanirratti chaartii kanatti fayyadamuuf yaalaa!

[Fakkii]

‘Nuyi si’achi namoota axaarotaan, haxxummaasaanii isa gowwoomsaadhaan raawwatamuunis fudhataman hin taanu.’​—4:14.

“Kanaa mannaa jaalalaan dubbii dhugaa dubbachaa, kottaa karaa hundumaan gara isa mataa nuuf ta’ee, gara Kristositti in guddannaa!”​—4:15.

[Fakkii]

‘Sababii mata jabina isaaniitiif [saboonni] sammuunsaanii dukkaneeffameera.’—4:18, 19.

“Isin garuu Kristosin akkasitti hin barre. Silaa waa’ee isaa dhaga’uun keessan, . . . maqaa isaatiin barsiifamuun keessan hin oolle!”​—4:20, 21.

[Fakkii]

“Yaada namummaa moofaa isa dur itti jiraachaa turtan . . . of keessaa baasaa!”​—4:22.

“Hafuura yaada garaa keessanii keessattis haareffamaa! Namummaa haaraa . . . uffadhaa!”​—4:23, 24.

[Fakkii]

“Inni hatu deebi’ee hin hatin.”​—4:28.

“Hojii waa’ee baasu harka isaatiin itti dadhabee haa hojjetu malee.”​—4:28.

[Fakkii]

“Dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin ba’in!”​—4:29.

“Dubbii gargaaru, yeroo barbaachisutti kan cimsu . . . malee.”​—4:29.

[Fakkii]

“Hadhaa’ummaan, dheekkamsi, aariin, waci, maqaa wal balleessuun, hamminni hundinuu isin irraa haa fagaatu!”​—4:31.

“Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta’aa; . . . waliif dhiisaa!”​—4:32.

[Fakkii]

“Halalummaan, xuraa’ummaan hundinuu, sassatis isin gidduutti hin dhaga’amin iyyuu.”​—5:3.

“Dubbii galateeffachiisu malee.”​—5:4.

[Fakkii]

“Isin dur dukkanaa’oo turtan.”​—5:8.

“Amma garuu karaa gooftaa iftaniittu.”​—5:8.

[Fakkii]

“Hojii dukkanaa, isa wanti dhimma baasu keessaa hin baane . . . [irratti] hin hirmatinaa!”​—5:11.

“Bakkeetti baasaa malee.”​—5:11.

[Fakkii]

“Egaa attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! . . . akka warra ogeessota hin ta’iniitti hin jiraatinaa!”​—5:15.

“Akka warra ogeessotaatti [jiraadhaa] malee . . . Yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa!”​—5:15, 16.

[Fakkii]

“Wallaalota hin ta’inaa!”​—5:17.

“Jaalalli gooftaa maal akka ta’e hubadhaa malee.”​—5:17.

[Fakkii]

“Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa, isaanis of hin balleessinaa!”​—5:18.

“Qooda kanaa hafuura qulqulluudhaan guutamaa!”​—5:18.

[Fakkii]

‘[Kiristos] gumiin muudaa, dirmammuu ykn wanta kana fakkaatu akka hin qabaanne godhee ulfinaan of dura ishee dhaabuuf jedha.’​—5:27, NW.

‘Kana kan godhu garuu, qulqulluufi hir’ina kan hin qabne akka taatuufidha.’​—5:27, NW.

“Namni . . . takkaa foon isaa jibbee hin beeku.”​—5:29.

“In soora, in dhimmaaf malee, . . . Kristosis waldaadhaaf akkasuma godhe.”​—5:29.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi