Amalawwan Yihowaatiif Dinqisiifannaa Guddaa Qabaadhaa
“Akka ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqayyoo fudhadhaa!”—EFE. 5:1.
1. (a) Kiristiyaanni tokko amalawwan Yihowaa warra kam qoruu dandaʼa? (b) Amalawwan Waaqayyoo qoruudhaan faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
WAA’EE amala Yihowaa yommuu yaaddan amalawwan kamtu gara sammuu keessaniitti dhufa? Sammuu baayʼee keenyaatti kan dhufu jaalala, firdii qajeelaa, ogummaafi humnadha. Haataʼu malee, Yihowaan amalawwan jaallatamoo taʼan hedduu akka qabus ni beekna. Amalawwan Yihowaa barreeffamoota keenyarratti ibsaman addaddaa 40 ol caqasuun ni dandaʼama. Qayyabannaa dhuunfaa ykn qayyabannaa maatii keenyarratti amalawwan Yihowaa dinqisiisoo taʼan qoruudhaan gammachuu hangamii argachuu akka dandeenyu tilmaamaa! Qayyabannaa akkasiirraa faayidaa akkamii argachuu dandeenya? Abbaa keenya isa samiitiif dinqisiifannaa guddaa akka qabaannu nu gargaaruu dandaʼa. Dinqisiifannaa guddaa qabaachuun keenyammoo, caalaatti Yihowaatti dhihaachuufi fakkeenyasaa hordofuuf nu kakaasa.—Iya. 23:8; Far. 73:28.
2. (a) Dinqisiifannaa amalawwan Yihowaatiif qabnu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe fakkeenyaan ibsi. (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?
2 Haataʼu malee, waan tokko “dinqisiifachuu” jechuun maal jechuudha? Mataduree kana keessatti, faayidaa waan tokko hubachuu argisiisuuf itti hojjetameera. Dinqisiifannaan suuta suuta guddachaa kan deemudha. Fakkeenyaaf, nyaata nyaannee hin beekne tokko, urgaasaa yommuu fuunfannu, afaan kaaʼanne yommuu alanfannuufi ofuma keenyaa qopheessinee yommuu nyaannu dinqisiifannaan nyaata sanaaf qabnu guddachaa deema. Haaluma wal fakkaatuun, amalawwan Yihowaa yommuu barru, irratti xiinxalluufi jireenya keenya keessatti yommuu argisiisnu, dinqisiifannaan keenya guddachaa deema. (Efe. 5:1) Matadureen kuniifi ittaanan lamaan, dinqisiifannaa amalawwan Yihowaa warra amalawwansaa gurguddoo taʼanii gad akka taʼanitti yaadamaniif qabnu akka guddifannu nu gargaaru. Tokkoon tokkoon mataduree kanaa keessatti gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii arganna: Hiiknisaa maalidha? Yihowaan amala kana kan argisiise akkamitti? Amala kana argisiisuurratti fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
YIHOWAAN KAN ITTI DHIHAATAMUDHA
3, 4. (a) Nama itti dhihaatamu tokko akkamitti ibsita? (b) Yihowaan kan itti dhihaatamu taʼuusaa kan nuu mirkaneesse akkamitti?
3 Mee jalqaba kan itti dhihaatamu jechuun maal jechuu akka taʼe haa ilaallu. Nama itti dhihaatamu tokko akkamitti ibsita? ‘Nama gaarii, kan namatti of dhiheessuufi itti dubbachuun namatti hin ulfaanne’ jettee deebista taʼa. Namni tokko kan itti dhihaatamu taʼuufi dhiisuusaa, yeroo baayʼee wanta inni dubbatu dhaggeeffachuufi sochii fuulasaafi qaamasaa gara biraatiin argisiisu ilaaluudhaan beekuu dandeenya.
4 Yihowaan kan itti dhihaatamu taʼuusaa kan argisiise akkamitti? Yihowaan uumaa uumama cufaa yoo taʼeyyuu, kadhannaa keenya dhaggeeffatee deebii kennuuf, fedhiifi hawwii akka qabu nuu mirkaneesseera. (Faarfannaa 145:18; Isaayaas 30:18, 19 dubbisi.) Hamma barbaanneefi yeroo ykn iddoo barbaannetti Waaqayyotti dubbachuu ni dandeenya. Kana gochuu keenyaan matumaa akka nu hin tuffanne waan beeknuuf bilisaan isatti dhihaachuu dandeenya. (Far. 65:2; Yaq. 1:5) Macaafni Qulqulluun, namoonni akka isatti dhihaatan kan barbaadu taʼuusaa argisiisuuf, Yihowaan qaama namoonni qaban akka qabutti ibsa. Fakkeenyaaf, Daawit faarfatichi, “Iji Waaqayyoo gara” keenya akka taʼeefi ‘harkisaa mirgaa qajeelchee akka ol nu qabu’ barreesseera. (Far. 34:15; 63:8) Isaayaas raajichi, Yihowaa tikseetti fakkeessuudhaan, “Ilmoolees harka isaatiin walitti in sassaaba, kaasuutti isaan in baata” jedheera. (Isa. 40:11) Mee yaadaa! Yihowaan, akkuma tikseen tokko ilmoo hoolaa kaasuutti baatutti akka isatti dhihaannu barbaada. Dhugumayyuu abbaan keenya baayʼee kan itti dhihaatamudha. Gama kanaan fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
AMALA IDDOO GUDDAA QABU
5. Jaarsoliin kan itti dhihaataman taʼuunsaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
5 Dhiheenya kana Dhugaa Baatonni ardii addaddaa keessa jiran gaaffii, “Amala jaarsi gumii tokko qabu keessaa isa kam baayʼee dinqisiifatta?” jedhu gaafatamanii turan. Baayʼeensaanii, “Kan itti dhihaatamu” jechuudhaan deebisaniiru. Kiristiyaanonni hundi amala kana qabaachuun kan isaanirraa eegamu taʼus, keessumaa jaarsoliin kan itti dhihaataman taʼuunsaanii barbaachisaadha. (Isa. 32:1, 2) Obboleettiin tokko amalli kun maaliif barbaachisaa akka taʼe yommuu ibsitu, “Amalawwan gaggaarii jaarsi tokko qaburraa faayidaa argachuu kan dandeenyu, kan itti dhihaatamu yoo taʼe qofadha” jetteetti. Sababii yaanni kun itti kenname hubatteettaa? Haataʼu malee, namni tokko kan itti dhihaatamu akka taʼu kan godhu maalidha?
6. Kan itti dhihaataman taʼuuf wanti murteessaa taʼe maalidha?
6 Kan itti dhihaataman taʼuuf wanti murteessaa taʼe tokko, namootaaf xiyyeeffannaa kennuudha. Jaarsi tokko warra kaaniif kan yaaduufi isaaniif kan of kennu taanaan, ijoollee dabalatee obboloonnisaa hundi amalasaa kana hubachuunsaanii hin oolu. (Mar. 10:13-16) Kaarlos inni umriinsaa waggaa 12 taʼe, “Galma Mootummaa keessatti jaarsoliin fuula ifaafi gaarummaa obbolootatti yommuu argisiisan nan ilaala; kana gochuunsaaniis natti tola” jedheera. Jaarsi tokko ‘natti dhihaadhaa’ jechuu qofa utuu hin taʼin, amala kana argisiisuu akka qabu beekamaadha. (1 Yoh. 3:18) Kana gochuu kan dandaʼu akkamitti?
7. Yeroo baayʼee kaardii walgaʼii koonyaa qomarratti godhachuun maree kan kaasu maaliifi? Kanarraa barumsa akkamii arganna?
7 Mee kana fakkeenyaan haa ilaallu. Dhiheenya kana obboleessi tokko walgaʼii koonyaa biyya alaatti godhamerratti hirmaatee xiyyaaraan yommuu deebiʼu, kaardii walgaʼii koonyaa qomarratti kaaʼatee ture. Namni xiyyaaricharraa keessummeessu barreeffama kaardicharra jiruufi “Mootummaan Waaqayyoo Haa Dhufu!” jedhu yommuu argu, “Eeyyee, haa dhufu, waaʼee kanaa balʼinaan haasaʼuu qabna” isaan jedhe. Sana booda maree kan godhan siʼa taʼu, namni sunis barruulee keenya fudhateera. Muuxannoon akkasii baayʼee keenya mudateera. Kaardiin walgaʼii koonyaa yeroo baayʼee maree kan kaasu maaliifi? Akka fakkeenyaatti, “Natti dhihaachuu hin sodaatinaa. Eessa akkan deemu na gaafadhaa” waan jedhuufidha. Kaardiin qomarratti kaaʼatamu, waaʼee amantii keenyaa namootatti himuuf fedhii qabaachuu keenya ifatti beeksisa. Jaarsoliinis, namoota hidhata amantiisaanii taʼaniin, “Natti dhihaachuu hin sodaatinaa” akka jedhan argisiisuu barbaadu. Mallattoowwan kana keessaa tokko tokko maalfaʼi?
8. Jaarsoliin warra kaaniif garaadhaa akka yaadan kan argisiisan akkamitti? Kun gumiirratti dhiibbaa akkamii geessisa?
8 Biyyaa gara biyyaatti aadaan garaagara akka taʼe beekamaadha. Taʼus, fuula ifaa argisiisuu, miira hoʼaadhaan harka qabuufi tasgabbiidhaan obboloota keenya nagaa gaafachuudhaan, dhugumaan akka isaaniif yaannu argisiisna. Gama kanaan dursa fudhachuu kan qabu eenyudha? Fakkeenya Yesus hubadhaa! Maatewos, Yesus bartootasaa wajjin yommuu wal arge, “gara isaaniitti dhiʼaatee” akka isaanitti dubbate barreesseera. (Mat. 28:18) Jaarsoliin yeroo harʼaa jiranis, dursa fudhatanii obbolootasaaniitti dhihaachuudhaan isaan haasofsiisu. Kun gumiirratti dhiibbaa geessisuu kan dandaʼu akkamitti? Maanguddoon umriinsaanii waggaa 88 taʼeefi qajeelchituu taʼan tokko, “Yommuun Galma Mootummaa seenu, jaarsoliin miira hoʼaadhaan na simachuufi yaada nama jajjabeessu naa kennuunsaanii akkan isaan jaalladhu na taasiseera” jedhaniiru. Obboleettiin tokkommoo, “Akka laayyootti ilaalamuu kan dandaʼu taʼus, jaarsi tokko bakka walgaʼiitti miira hoʼaadhaan na simachuunsaa ergaa guddaa naa dabarsa” jetteetti.
OBBOLOOTAAF YEROO RAMADUUFI KAN ITTI DHIHAATAMAN TAʼUU
9, 10. (a) Yihowaan fakkeenya gaarii akkamii nuu taʼa? (b) Jaarsoliin warra kaaniif of dhiheessuu kan dandaʼan akkamitti?
9 Hojiidhaan kan qabamnu taanaan, obboloonni nutti dhihaachuun akka isaanitti ulfaatu beekamaadha. Gama kanaan Yihowaan fakkeenya gaarii nuu taʼa. “Waaqayyo hunduma keenyattii fagoo miti.” (HoE. 17:27) Karaa jaarsoliin obbolootaaf itti of dhiheessan keessaa inni tokko, yeroo ramaduudhaan walgaʼii duraafi booda dargaggootas taʼan maanguddootaa wajjin haasaʼuudha. Obboleessi qajeelchaa taʼe tokko, “Jaarsi tokko nagaa na gaafatee, waanan dubbadhu yommuu na dhaggeeffatu akkan jaallatame natti dhagaʼama” jedheera. Obboleettiin gara waggaa 50tiif Yihowaa tajaajilte tokko, “Jaarsoliin walgaʼii booda yeroo muraasa fudhatanii yommuu na haasofsiisan akkan jaallatamu natti dhagaʼama” jetteetti.
10 Jaarsoliin hojii hojjetan garabiraas akka qaban beekamaadha. Haataʼu malee, bakka walgaʼiitti hunda caalaa xiyyeeffannaan kennamuufii kan qabu obbolootaafidha.
YIHOWAAN NAMA WAL HIN CAALCHISU
11, 12. (a) Nama wal caalchisuu dhiisuun maal dabalata? (b) Yihowaan nama kan wal hin caalchifne taʼuurratti fakkeenya kan nuu taʼu akkamitti?
11 Nama kan wal hin caalchifne taʼuun amalawwan Yihowaa jaallatamoo taʼan keessaa isa tokkodha. Kan nama wal hin caalchifne jechuun maal jechuudha? Kana gochuun loogiirraa walaba taʼuu kan dabalatudha. Nama wal caalchisuu dhiisuun karaa lamaan jechuunis, ilaalchaafi gochaan kan argisiifamudha. Wantoonni kun lamaan kan barbaachisan maaliifi? Namni tokko namoota hundumaa karaa loogiirraa walaba taʼeen qabuu kan dandaʼu, gama kanaan ilaalcha sirrii yoo qabaate qofadha. Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii keessatti, yaanni ‘kan nama wal hin caalchifne’ jedhu, kallattiidhaan “fuula ilaalee kan hin loogne” jechuunis fuula tokko isa kaanirra kan hin caalchifne jechuudha. (HoE. 10:34) Kanaaf, namni nama wal hin caalchifne, bifa ykn haala nama tokkoo isa bakkeedhaan mulʼatuuf utuu hin taʼin, amala nama sanaatiif xiyyeeffannaa kenna.
12 Yihowaan kan nama wal hin caalchifne taʼuurratti fakkeenya hunda caaludha. Macaafni Qulqulluun, Yihowaa ilaalchisee, kan “nama wal hin caalchifne,” akkasumas “nama wal hin caalchisu” jechuudhaan ibsa. (Hojii Ergamootaa 10:34, 35; Keessa Deebii 10:17 dubbisi.) Haalli bara Museetti uumame tokko kana kan argisiisudha.
Intaloonni Zelofehaad Waaqayyo akka nama wal hin caalchifne hubataniiru (Keeyyata 13fi 14 ilaali)
13, 14. (a) Intaloonni Zelofehaad shanan haalli akkamii isaan mudatee ture? (b) Yihowaan akka nama wal hin caalchifne kan argisiise akkamitti?
13 Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamtetti galuusaanii yeroo muraasa dura, shamarran gaaʼela hin godhanneefi obbolaa taʼan shan haalli rakkisaan tokko isaan mudatee ture. Haalli kun maalidha? Akkuma maatiiwwan Israaʼeloota kaanii, maatiinsaaniis lafa gaʼee abbaasaanii taʼe fudhachuu akka dandaʼan beeku turan. (Lak. 26:52-55) Haataʼu malee, yeroo kanatti abbaansaanii Zelofehaad inni gosa Minaasee taʼe duʼeera. Akka seerasaatti dhaala Zelofehaad fudhachuu kan dandaʼu ilmaansaa siʼa taʼan, inni garuu intaloota qofa qaba ture. (Lak. 26:33) Maaticha keessaa dhiirri lafa sana fudhatu waan hin jirreef, lafti maatichaa firootasaatiif kennamee, intaloonni sun dhaala maatichaa utuu hin argatin hafuu laata?
14 Obboleettonni shanan kun Musee bira dhaquudhaan, “Obboloota abbaa keenyaa gidduudhaa dhaala nuuf kennaa malee, egaa maaliif sababiidhuma ilma hin godhatiniif, maqaan abbaa keenyaa qomoo isaa keessaa balleeffama?” jedhanii kadhatan. Yeroo kanatti Museen, ‘Kana akkan godhu seerri naa hin heyyamu’ jedhee deebisee? Lakki, kanaa mannaa, “dubbii isaanii Waaqayyo duratti in dhiʼeesse.” (Lak. 27:2-5) Deebiin Yihowaa maal ture? “Dubbiin intaloota Zelofehaad kun qajeelaa dha; ati obboloota abbaa isaanii gidduudhaa gaʼaa dhaalaa kenniif, dhaalli abbaa isaaniis isaaniif akka darbu godhi!” jechuudhaan Museetti dubbate. Yihowaan wanta dabalataas raawwateera. “Namni tokko ilma utuu hin godhatin yoo duʼe, dhaalli isaa intala isaaf akka darbu godhaa!” jedhee Musee ajajuudhaan wanti kun seera taʼee akka itti fufu godheera. (Lak. 27:6-8; Iya. 17:1-6) Sana booda, dubartoonni Israaʼel haalli akkasii isaan mudate hundi eegumsa argataniiru.
15. (a) Yihowaan keessumaa sabasaa warra rakkina keessa jiran kan qabu akkamitti? (b) Seenaawwan Macaafa Qulqulluu Yihowaan akka nama wal hin caalchifne ibsan garabiraan kamfaʼi?
15 Murtoon kun gaarummaarratti kan hundaaʼeefi loogiirraa walaba ture. Yihowaan shamarran rakkina cimaa keessa turan kana akkuma Israaʼeloota haala gaarii keessa jiranii kabajaan qabeera. (Far. 68:5) Kun, seenaawwan Yihowaan tajaajiltootasaa akka wal hin caalchifne ibsaniifi Macaafa Qulqulluu keessa jiran hedduu keessaa tokko qofadha.—1 Sam. 16:1-13; HoE. 10:30-35, 44-48.
FAKKEENYA YIHOWAA HORDOFUU NI DANDEENYA
16. Nama wal caalchisuurraa fagaachuuf ejjennoo keenya cimsachuu kan dandeenyu akkamitti?
16 Nama kan wal hin caalchifne taʼuurratti fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Nama wal caalchisuu dhiisuun kallattii lamaan kan argisiifamu taʼuusaa yaadadhaa. Namoota karaa loogiirraa walaba taʼeen qabuu kan dandeenyu, nama kan wal hin caalchifne yoo taane qofadha. Hundi keenya ilaalcha balʼaa qabaachuufi namoota kan wal hin caalchifne taanee argamuu akka barbaannu beekamaadha. Haataʼu malee, miira keenya sirriitti madaaluun yeroo hundaa salphaa akka hin taanes ni hubanna taʼa. Kanaaf, nama kan wal hin caalchifne taʼuufi dhiisuu keenya beekuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Yesus namoonni waaʼeesaa maal akka jedhan beekuu yommuu barbaadetti, michootasaa amanamoo taʼan, “Namoonni ilma namaatiin eenyu jedhu?” jechuudhaan gaafatee ture. (Mat. 16:13, 14) Nuyis haaluma kanaan fakkeenya Yesus hordofuu dandeenya. Nama kan wal caalchifnu taʼuufi dhiisuu keenya beekuuf michoota keenya amanamoo taʼan gaafachuu dandeenya. Gama qomoo, hawaasummaa ykn dinagdeetiin hamma tokko akka nama wal caalchifnu yoo isaanitti dhagaʼame maal gochuu qabna? Yihowaan ilaalcha keenya sirreessinee, guutummaatti ilaalchasaa qabaachuuf akka nu gargaaru, cimsinee isa kadhachuun keenya barbaachisaadha.—Mat. 7:7; Qol. 3:10, 11.
17. Nama akka wal hin caalchifne karaawwan kamiin argisiisuu dandeenya?
17 Gumii Kiristiyaanaa keessatti obbolootaafi obboleettota keenya hunda kabajaafi gaarummaadhaan qabuudhaan, fakkeenya Yihowaa hordofuu akka barbaannu argisiisuu dandeenya. Fakkeenyaaf, afeerraa yommuu qopheessinu, namoota akkaataa guddinaa nurraa adda taʼe qaban, harka qalleeyyii taʼan, abbaan manaa irraa duʼe ykn haati manaa jalaa duute dabalatee obboloota keenya hunda waamuu barbaanna. (Galaatiyaa 2:10; Yaaqoob 1:27 dubbisi.) Kana malees, namoota biyya kan biraatii dhufan dabalatee, namoota hundaaf misiraachoo Mootummichaa labsuudhaan namoota akka wal hin caalchifne argisiisuu dandeenya. Barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan gara afaan 600tiin argachuun keenya baayʼee nu gammachiisa. Kun ragaa qabatamaa namoota akka wal hin caalchifne argisiisu mitii?
18. Kan itti dhihaatamuufi nama kan wal hin caalchifne taʼuurratti amala Yihowaan qabu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
18 Yihowaan kan itti dhihaatamuufi nama kan wal hin caalchifne taʼuusaa yeroo fudhannee yommuu xiinxallu dinqisiifannaan isaaf qabnu ni guddata. Dinqisiifannaa guddaa qabaachuun keenyammoo, namoota hidhata amantii keenyaa taʼaniifi warra misiraachoo isaaniif labsinuu wajjin haala wal qabateen amala Yihowaa guutummaatti argisiisuuf nu kakaasa.
“Waaqayyo warra isa waammatan hundumaatti . . . dhiʼoo dha.”—Far. 145:18 (Keeyyata 9 ilaali)
“Waaqayyo gooftaan keessan . . . nama wal hin caalchisu.”—Kes. 10:17 (Keeyyata 17 ilaali)