LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w17 Bitootessa ful. 32
  • Maqaa Kitaaba Qulqulluu Okkotee Bara Durii Irratti Barreeffame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maqaa Kitaaba Qulqulluu Okkotee Bara Durii Irratti Barreeffame
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maqaa Waaqayyoo
    Dammaqaa!—2017
  • Barbaachisummaa Maqaa Waaqayyoofi-Hiikasaa
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Maqaan Waaqayyoo Eenyu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • Addunyaa Mara Irraa—Oduu Baha Giddu Galeessaa Irratti Xiyyeeffate
    Dammaqaa!—2015
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
w17 Bitootessa ful. 32
Barreeffamni Kanaʼaanotaa okkotee suphee waggaa 3,000 galmeessise irratti barreeffame tokko maqaa Kitaaba Qulqulluu irra jiru tokko qabateera

Maqaa Kitaaba Qulqulluu Okkotee Bara Durii Irratti Barreeffame

Okkotee suphee waggaa 3,000 galmeessise

Caccabaan okkotee suphee waggaa 3,000 galmeessisee fi bara 2012⁠tti qotamee argame tokko, dhiheenyatti qalbii qorattootaa hawwateera. Argannoo kana wanti adda godhu maali dha? Caccabaa suphee argame sana utuu hin taʼin, wanta isa irratti barreeffame ture.

Qorattoonni caccabaa suphee sana yeroo walitti qabsiisanitti, barreeffama Kanaʼaanota durii argachuu dandaʼaniiru. Barreeffamichi “Esh-Baʼaal Been [ilma] Beedaa” jedha ture. Qorattoonni maqaa kana barreeffama durii irratti kan argatan yeroo jalqabaatiifi dha.

Esh-Baʼaal inni biraan Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasame immoo ilma Saaʼol Mootichaa ti. (1 Sen. 8:33; 9:39) Piroofeesarri Yooseef Gaarfiinkal jedhamanii fi qorannaa kana irratti hirmaatan akkana jedhaniiru: “Maqaan Esh-Baʼaal jedhamu Kitaaba Qulqulluu keessatti argamuun isaa nama dinqisiisa; qorannaa arkiʼooloojii irraa akka hubannutti immoo, maqichi bara bulchiinsa Daawit Mootichaa keessatti qofa ture.” Namoonni tokko tokko maqaan kun bara sanatti qofa akka ture yaadu. Kun fakkeenya arkiʼooloojiin Kitaaba Qulqulluu akka deggeru argisiisu kan biraa dha.

Kitaaba Qulqulluu iddoo biraa irratti immoo, “baʼaal” inni jedhu “bosheet” isa jedhuun bakka buufamuudhaan maqaan Esh-Baʼaal jedhu Ish-Bosheetitti geddarameera. (2 Sam. 2:10) Maaliif? Qorattoonni yeroo kana ibsan akkana jedhaniiru: “Saamuʼel Isa Lammaffaa keessatti maqaa Esh-Baʼaal jedhutti kan hin fayyadamne Baʼaal isa waaqa roobaa Kanaʼaanotaa taʼe sabicha yaadachiisa jedhamee waan yaadameef taʼuu hin oolu; haa taʼu malee, maqaan inni jalqabaa [Esh-Baʼaal] amma iyyuu kitaaba Seenaa Baraa keessatti ni argama.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi