LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w19 Ebla ful. 20-25
  • Gargaarsa Yihowaatiin Hafuurota Hamoo Mormaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gargaarsa Yihowaatiin Hafuurota Hamoo Mormaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • HAFUURONNI HAMOON NAMOOTA KAN GOWWOOMSAN AKKAMITTI?
  • HAFUUROTA HAMOO MORMUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
  • EEBBA NAMOONNI GARGAARSA YIHOWAA FUDHATAN ARGATAN
  • Qaamonni Hafuuraa—Nu Miidhuu Kan Dandaʼan Akkamitti?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Seexanaafi Haxxummaasaatiin Mormi
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Gochi Hafuurota Xuraaʼoo Wanta Miidhaa hin Qabnedhaa?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Hafuurota Hamoorraa Of Eegi
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
w19 Ebla ful. 20-25

MATA DUREE QOʼANNAA 17

Gargaarsa Yihowaatiin Hafuurota Hamoo Mormaa

“Qabsoon keenya . . . humnoota hafuurota hamoo iddoo samii keessa jiranii wajjini dha.”—EFE. 6:12.

FAARFANNAA 55 Isaan hin Sodaatinaa!

QABIYYEEa

1. Akkuma Efesoon 6:10-13 irratti ibsame, karaan Yihowaan akka nuuf yaadu itti argisiise keessaa inni hunda caalu isa kami dha? Ibsi.

KARAAWWAN Yihowaan nu tajaajiltoota isaatiif akka yaadu itti argisiise keessaa tokko diinota keenya akka morminu nu gargaaruu dha. Diinonni keenya warri guguddaan Seexanaa fi jinniiwwani dha. Yihowaan waaʼee diinota kanaa nu akeekkachiiseera, isaaniin mormuudhaaf wanta nu barbaachisus nuuf kenna. (Efesoon 6:10-13 dubbisi.) Gargaarsa Yihowaan kennu yommuu fudhannuu fi guutummaatti yommuu isatti amanamnu mormii Diiyaabilosii wajjin goonu irratti milkaaʼina argachuu ni dandeenya. Nutis amanannaa Phaawulos ergamaa wajjin wal fakkaatu qabaachuu ni dandeenya. Phaawulos, “Waaqayyo nuu wajjin yoo taʼe, eenyutu nu mormuu dandaʼa?” jedhee barreesseera.—Rom. 8:31.

2. Mata duree kana keessatti maal qorra?

2 Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, Seexanaa fi jinniiwwan irratti garmalee hin xiyyeeffannu. Caalaatti kan xiyyeeffannu waaʼee Yihowaa barachuu fi isa tajaajiluu irratti dha. (Far. 25:5) Haa taʼu malee, wantoota guguddaa Seexanni raawwatu tokko tokko beekuu nu barbaachisa. Maaliifi? Akka inni nu hin gowwoomsine of eeggachuu akka dandeenyuufi. (2 Qor. 2:11) Mata duree kana keessatti karaa Seexannii fi jinniiwwan namoota gowwoomsuuf yaalan isa guddaa ilaalla. Kana malees, akka gaariitti isaan mormuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe qoranna.

HAFUURONNI HAMOON NAMOOTA KAN GOWWOOMSAN AKKAMITTI?

3-4. (a) Gochi hafuurota hamoo maali dha? (b) Gocha hafuurota hamootti amanuun hangam babalʼateera?

3 Karaan Seexannii fi jinniiwwan namoota gowwoomsuuf itti yaalan inni guddaan gocha hafuurota hamoo ti. Namoonni gocha hafuurota hamoo raawwatan, wantoota namoonni kaan hin beekne akka beekan ykn akka toʼatan dubbatu. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko hoodatti ykn urjii lakkaaʼuutti fayyadamuudhaan waaʼee gara fuulduraa beekuu akka dandaʼan dubbatu. Warri kaan immoo namoota duʼanii wajjin dubbachaa waan jiran fakkeessuu dandaʼu. Namoonni tokko tokko falfala raawwatu, akkasumas nama kan biraatti moruuf yaalu.b

4 Gocha hafuurota hamootti amanuun hangam babalʼateera? Qorannoon biyyoota Laatiin Ameerikaa 18 fi Kaariibiyaanitti godhame, namoota qorannoon irratti godhame 3 keessaa 1, gargaarsa jinniitiin waa raawwachuu fi falfalatti akka amanu kan dubbate siʼa taʼu, namoonni hammuma kanaa taʼan immoo namoota duʼanii wajjin walitti dhufeenya gochuun ni dandaʼama jedhanii akka amanan argisiiseera. Qorannoon kan biraan immoo biyyoota Afriikaa 18 keessatti godhamee ture. Bakka kanatti, namoota qorannoon irratti godhame keessaa giddu galeessaan, walakkaadhaa ol kan taʼan falfalatti akka amanan dubbataniiru. Dhugaa dha, eessa iyyuu yoo jiraanne gocha hafuurota hamoo irraa of eeggachuu qabna. Hunda caalaa immoo Seexanni “guutummaa lafaa” gowwoomsuu barbaada.—Mul. 12:9.

5. Yihowaan gocha hafuurota hamoo ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama?

5 Yihowaan, “Waaqa dhugaa” ti. (Far. 31:5, NW) Kanaafuu gocha hafuurota hamoo ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama? Ni jibba! Yihowaan Israaʼelootaan akkas jedheera: “Namni ilma isaa yookiis intala isaa aarsaa gubamuuf dhiʼeessu, namni hooda dubbatu, namni duumessa ilaalee ayyaana hedu, beekaan, namni qoricha namatti godhus tokko illee si keessatti hin argamin! Namni nama dawweessu, namni ekeraa dubbisu, qaalluun yookiis namni warra duʼan waamu si keessatti hin argamin! Eenyu illee kana yoo godhe Waaqayyo duratti ciiggaʼamaa in taʼa.” (Kes. 18:10-12) Kiristiyaanonni kan jiran Seera Yihowaan Israaʼelootaaf kenne jala miti. Haa taʼu malee, miirri inni gocha hafuurota hamootiif qabu akka hin jijjiiramne ni beekna.—Mil. 3:6.

6. (a) Seexanni namoota miidhuuf gocha hafuurota hamootti kan fayyadamu akkamitti? (b) Akkuma Lallaba 9:5 irratti ibsame, haala namoonni duʼa keessa jiran ilaalchisee dhugaan isaa maali dha?

6 Yihowaan, Seexanni namoota miidhuuf gocha kanatti akka fayyadamu waan beekuuf, gocha hafuurota hamoo ilaalchisee akeekkachiisa kenneera. Seexanni, soba warri duʼan bakka kan biraa jiraachaa jiru jedhu dabalatee, gocha hafuurota hamoo, soba babalʼisuuf itti fayyadama. (Lallaba 9:5 dubbisi.) Kana malees Seexanni, gocha hafuurota hamoo, namoota sodaachisuu fi Yihowaa irraa garagalchuuf itti fayyadama. Kaayyoon isaa namoonni gocha hafuurota hamoo raawwatan, Yihowaa mannaa, hafuurota hamoo akka amanatan gochuu dha.

HAFUUROTA HAMOO MORMUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

7. Yihowaan maal nutti himeera?

7 Akkuma olitti ibsame, Seexanaa fi jinniiwwaniin akka hin gowwoomfamne of eeggachuuf, Yihowaan wanta beekuu qabnu nutti himeera. Mee lola Seexanaa fi jinniiwwan wajjin goonu irratti wantoota gochuu dandeenyu tokko tokko haa ilaallu.

8. (a) Karaan hafuurota hamoo itti morminu inni guddaan kami dha? (b) Faarfannaa 146:4 namoota duʼan ilaalchisee soba Seexanni babalʼisu kan saaxilu akkamitti?

8 Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluu. Soba hafuuronni hamoon babalʼisan irraa karaan itti fagaannu inni guddaan kana dha. Dubbiin Waaqayyoo goraadee qara qabuu fi soba Seexanni babalʼisu kutuu dandaʼuu wajjin wal fakkaata. (Efe. 6:17) Fakkeenyaaf, Dubbiin Waaqayyoo soba warri duʼan namoota jiranii wajjin walitti dubbachuu dandaʼu jedhu ni saaxila. (Faarfannaa 146:4 dubbisi.) Akkasumas waaʼee gara fuulduraa raajii dhugaa dubbachuu kan dandaʼu Yihowaa qofa akka taʼe nu yaadachiisa. (Isa. 45:21; 46:10) Dubbii Waaqayyoo yeroo hunda kan dubbisnuu fi kan irratti xiinxallu yoo taʼe, soba hafuuronni hamoon akka amannu barbaadan irraa fagaachuu fi jibbuuf qophaaʼoo taana.

9. Gochawwan hafuurota hamoo kamfaa irraa fagaachuu qabna?

9 Wanta gocha hafuurota hamoo wajjin wal qabate kam iyyuu raawwachuu irraa fagaadhaa. Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, gocha hafuurota hamoo gosa kam iyyuu matumaa hin raawwannu. Fakkeenyaaf nama ekeraa dubbisu hin gaafannu ykn karaa kan biraa kamiin iyyuu namoota duʼanii wajjin walitti dubbachuuf hin yaallu. Akkuma mata duree darbe irratti ibsame, aadaa awwaalchaa, warri duʼan bakka kan biraa jiraachaa jiru amantii jedhu irratti hundaaʼe irratti hin hirmaannu. Akkasumas waaʼee gara fuulduraa beekuuf, urjii lakkaaʼuutti ykn hooda dubbachuutti hin fayyadamnu. (Isa. 8:19) Gochawwan akkasii hundi garmalee hamoo akka taʼanii fi Seexanaa fi jinniiwwanii wajjin akka wal qunnamnu akka nu taasisan ni beekna.

Kiristiyaanonni jalqabaa kitaabota isaanii waaʼee gocha jinniiwwanii ibsan walitti sassaabanii gubaniiruu

Wantoota hafuurota hamoo wajjin wal qabatan kan qabdan yoo taʼe, balleessuu fi bohaartii gocha hafuurota hamoo qabu irraa fagaachuudhaan fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa hordofaa (Keeyyata 10-12 ilaali)

10-11. (a) Namoonni jaarraa jalqabaatti turan tokko tokko yommuu dhugaa baratan maal godhan? (b) Akkuma 1 Qorontos 10:21 irratti ibsame, fakkeenya Kiristiyaanota jalqabaa hordofuu kan qabnu maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

10 Miʼawwan gocha hafuurota hamoo wajjin wal qabatan hunda balleessaa. Jaarraa jalqabaatti namoonni Efesoon keessa jiraatan tokko tokko gocha hafuurota hamoo raawwatu turan. Dhugaa yeroo baratanitti garuu tarkaanfii cimaa fudhatan. “Namoonni gargaarsa jinniitiin wantoota tokko tokko hojjetan hedduunis, kitaabota isaanii walitti qabanii namoota hunda duratti guban.” (HoE. 19:19) Namoonni kun hafuurota hamoo mormuudhaaf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhaniiru. Kitaabonni kun qarshii hedduu baasu turan. Haa taʼu malee, kitaabota kana namootaaf kennuu ykn warra kaanitti gurguruu mannaa, ni guban. Isaan qarshii kitaabonni sun isaaniif argamsiisan caalaa Yihowaa gammachiisuu irratti xiyyeeffatanii turan.

11 Fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa kana akkamitti hordofuu dandeenya? Wantoota gocha hafuurota hamoo wajjin wal qabatan kan qabnu yoo taʼe guutummaatti balleessuun keenya ogummaa dha. Kunis kudhaama, faayaawwan ykn miʼawwan kan biroo namoonni hafuurota hamoo irraa ittiin of eeguuf godhatan ykn mana keessa kaawwatan dabalata.—1 Qorontos 10:21 dubbisi.

Obboleessi tokko callee mormaa qodaa kosii keessatti gata; hiriyoonni gaaʼelaa tokko beeksisa fiilmii waaʼee hafuurota xuraaʼoo ibsu bira yommuu darban

12. Bohaartii keenya ilaalchisee gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu qabna?

12 Bohaartii keessan of eeggannoodhaan qoraa. Akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Kitaabota, barreeffamoota ykn mata dureewwan Intarneetii irratti baʼanii fi gocha hafuurota hamoo wajjin wal qabatan nan dubbisaa? Muuziqaan ani dhaggeeffadhu, fiilmiiwwanii fi sagantaan televijiinii ykn taphni viidiyoo ani ilaalu hoo? Wanta ani itti bohaaru keessaa kam iyyuu gocha hafuurota hamoo wajjin kan wal qabate jiraa? Wantoota akka vaampaayerii fi zoombii kan of keessatti qabatedhaa? Gargaarsa jinniitiin waa raawwachuu, moruu, ykn abaarsa miidhaa hin geessisne fakkaatu argisiisaa?’ Dhugaa dha, bohaartiiwwan hawwii qabatamaa hin taane ykn oduu durii irratti hundaaʼan hundi gochawwan hafuurota hamoo wajjin kan wal qabatani dha jechuu miti. Bohaartii keessan yommuu gamaaggamtan filannoon gootan wanta Yihowaan jibbuu irraa fagaachuuf kan isin gargaaru taʼuu isaa mirkaneessaa. Waaqayyo duratti ‘qalbii qulqulluu qabaannee’ jiraachuuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuu barbaanna.—HoE. 24:16.c

13. Maal gochuu irraa fagaachuu barbaanna?

13 Oduu waaʼee jinniiwwanii dubbatu odeessuu irraa fagaadhaa. Gama kanaan fakkeenya Yesuus nuuf kaaʼe hordofuu barbaanna. (1 Phe. 2:21) Yesuus gara lafaa dhufuu isaa dura samii keessa jiraachaa waan tureef, waaʼee Seexanaa fi jinniiwwanii waan hedduu beeka ture. Haa taʼu malee, wanta hafuuronni hamoon kun raawwatan hin dubbatu ture. Yesuus Seexana beeksisuu utuu hin taʼin, dhugaa baatuu Yihowaa taʼuu barbaada ture. Oduu waaʼee jinniiwwan ibsu babalʼisuu dhiisuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu dandeenya. Kanaa mannaa, ‘garaan keenya kan guutame dubbii gaariidhaan,’ jechuunis dhugaadhaan akka taʼe wanta dubbannuun ni argisiisna.—Far. 45:1.

Yesuus Mootii keenya isa samii aangoo guddaa qabu taʼuudhaan raayyaa maleekotaa geggeessaa jira

Hafuurota hamoo sababii itti sodaannu tokko illee hin qabnu. Yihowaan, Yesuusii fi maleekonni humna isa kan isaanii irra baayʼee caalu qabu (Keeyyata 14-15 ilaali)d

14-15. (a) Hafuurota hamoo garmalee sodaachuu kan hin qabne maalifi? (b) Yihowaan yeroo harʼaa saba isaatiif eegumsa akka godhu ragaan argisiisu maali dha?

14 Hafuurota hamoo garmalee hin sodaatinaa. Addunyaa yeroo harʼaa jiru keessatti wanti hamaan nu irra gaʼuu dandaʼa. Balaan, dhukkubni ykn duuti illee akka tasaa nu mudachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, wanta hamaa kana kan geessisan hafuurota hamoo dha jennee yaaduu hin qabnu. Kitaabni Qulqulluun, “yeroonii fi walitti dhufuun” nama kam irra iyyuu gaʼuu akka dandaʼu ibsa. (Lal. 9:11, hiika bara 1899) Yihowaan jinniiwwan caalaa humna guddaa akka qabu argisiiseera. Fakkeenyaaf, Seexanni Iyoobiin akka ajjeesu Waaqayyo isaaf hin heyyamne. (Iyo. 2:6) Bara Museetti Yihowaan luboota Gibxii warra humna hafuurota hamootti fayyadaman caalaa humna guddaa akka qabu argisiiseera. (Bau. 8:18; 9:11) Yesuus inni ulfina gonfate, aangoo Yihowaa biraa argateen, Seexanaa fi jinniiwwan samii keessaa gara lafaatti darbachuudhaan isaan irratti aangoo akka qabu argisiiseera. Yeroo dhihoo keessatti immoo, boolla qilee keessatti waan darbatamaniif sana booda nama kamiin iyyuu miidhuu hin dandaʼan.—Mul. 12:9; 20:2, 3.

15 Yihowaan saba isaa yeroo harʼaa jiraniif eegumsa akka godhu ragaan argisiisu hedduun jira. Mee waaʼee kanaa yaadaa: Kutaa addunyaa hunda irratti dhugaa lallabaa fi barsiisaa jirra. (Mat. 28:19, 20) Kanaan kan kaʼes, hojii Diyaabilos isa hamaa ni saaxilla. Seexanni utuu ni dandaʼa taʼee, hojii keenya hunda akka dhaabsisu hin shakkisiisu, taʼus hin dandeenye. Kanaafuu, hafuurota hamoo garmalee sodaachuun nu hin barbaachisu. ‘Waaqayyo guutummaa biyya lafaa akka ilaaluu fi warra garaa isaanii guutuu isa amanatan akka gargaaru’ ni beekna. (2 Sen. 16:9) Yihowaadhaaf amanamoo yoo taane jinniiwwan miidhaa itti fufiinsa qabu nu irraan geessisuu hin dandaʼan.

EEBBA NAMOONNI GARGAARSA YIHOWAA FUDHATAN ARGATAN

16-17. Ija jabina hafuurota hamoo mormuun gaafatu ilaalchisee fakkeenya tokko kenni.

16 Keessumaa yeroo firoonni ykn michoonni keenya nuuf yaadan nu morman hafuurota hamoo mormuun ija jabina gaafata. Taʼus, Yihowaan namoota ija jabina akkasii argisiisan ni eebbisa. Mee fakkeenya obboleettii Eriikaa jedhamtuu fi Gaanaa keessa jiraattuu ilaalaa. Eriikaan yeroo Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabde umuriin ishii waggaa 21 ture. Abbaan ishii luba gargaarsa jinniitti fayyadamu waan tureef, aadaa gocha hafuurota hamoo wajjin wal qabatee fi aarsaa foonii sirna taʼe hordofuudhaan waaqolii abbootii ishiitiif dhihaate nyaachuun ishii irraa eegama ture. Eriikaan aadaa sana irratti hirmaachuu yommuu diddu waaqolii akka tuffattetti lakkaaʼan. Kanaafuu, maatiin ishii waaqoliin dhukkuba sammuu fi qaamaa isaanitti fiduudhaan isaan adabuu akka dandaʼan amanan.

17 Maatiin Eriikaa aadicha akka ishiin hordoftu ishii dirqisiisuuf kan yaalan taʼus, mana gadhiistee akka baatu kan ishii taasisu yoo taʼe illee ishiin tole hin jenne. Dhugaa Baatonni tokko tokko isaan bira akka jiraattu ishiidhaaf heyyaman. Karaa kanaan Yihowaan, maatii haaraa akka obbolootaa fi obboleettota ishiitti lakkaaʼaman ishiidhaaf kennuudhaan ishii eebbiseera. (Mar. 10:29, 30) Firoonni ishii kan ishii gananii fi miʼa ishii kan guban taʼus, Eriikaan Yihowaadhaaf amanamtuu taʼuudhaan kan cuuphamte siʼa taʼu, yeroo ammaa qajeelchituu yeroo hundaa taatee tajaajilaa jirti. Ishiin sodaa jinniiwwaniitiif hin moʼamne. Eriikaan maatii ishii ilaalchisee, “Maatiin koo eebba Yihowaa akka argatanii fi bilisummaa Waaqa keenya isa jaalala qabeessaa taʼe tajaajiluudhaan argamu akka qabaatan nan kadhadha” jetteetti.

18. Yihowaa amanachuun eebbawwan akkamii nuuf argamsiisa?

18 Qorumsi amantii akkasii kan gaʼu hunda keenya irra miti. Haa taʼu malee, hundi keenya hafuurota hamoo mormuu fi Yihowaa amanachuu nu barbaachisa. Kana kan goonu yoo taʼe, eebbawwan hedduu arganna, akkasumas soba Seexanaatiin gowwoomfamuu irraa of eegganna. Kana malees, sodaa jinniiwwaniitiin hin romʼinu. Hunda caalaa immoo, michummaa Yihowaa wajjin qabnu cimsanna. Yaaqoob baratichi, “Waaqayyoof bitamaa; Diyaabilosiin garuu mormaa, innis isin irraa ni baqata. Gara Waaqayyootti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata” jechuudhaan barreesseera.—Yaq. 4:7, 8.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Hafuuronni hamoon namoota kan gowwoomsan akkamitti?

  • Yihowaan hafuurota hamoo mormuu irratti kan nu gargaaru akkamitti?

  • Hafuurota hamoo mormuun eebbawwan akkamii argamsiisa?

FAARFANNAA 150 Fayyina Argachuuf Waaqayyoon Barbaaddadhaa

a Yihowaan waaʼee hafuurota hamoo fi miidhaa isaan geessisan jaalalaan nu akeekkachiiseera. Hafuuronni hamoon namoota dogoggorsuuf kan yaalan akkamitti? Hafuurota hamoo mormuudhaaf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu dandeenya? Mata dureen kun dhiibbaa isaanii irraa fagaachuuf, Yihowaan akkamitti akka nu gargaaru ibsa.

b IBSA JECHAA: Gocha hafuurota hamoo jechuun, amantiiwwanii fi gochawwan jinniiwwanii wajjin wal qabatan argisiisa. Gochi kun namni tokko foon isaa erga duʼee booda hafuurri isaa jiraachuu ishii itti fufti akkasumas warra jiranii wajjin karaa nama ekeraa dubbisuutiin hariiroo uumuu ishii itti fufti yaada jedhu dabalata. Gochi hafuurota hamoo falfala raawwachuu fi hooda dubbachuus ni dabalata. Mata duree kana keessatti akka itti hojjetametti, gargaarsa jinniitiin waan tokko tokko raawwachuun, abaaruu ykn moruus ni dabalata. Haa taʼu malee, gowwoomsaa namoonni tokko tokko bohaartiidhaaf jedhanii harka isaanii saffisaan sochoosuudhaan raawwatan kan argisiisu miti.

c Jaarsoliin bohaartii ilaalchisee seera baasuuf aangoo hin qaban. Kanaa mannaa, tokkoon tokkoon Kiristiyaanaa wanta dubbisu, ilaalu ykn taphatu yommuu filatu, qalbii isaa isa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼetti fayyadamuu qaba. Mataawwan maatii ogeeyyii taʼan, wanti maatiin isaanii itti bohaaran qajeelfama Kitaaba Qulqulluu wajjin kan wal simu taʼuu isaa ni mirkaneessu.—Mata duree jw.org/om irra jiruu fi “Dhugaa Baatonni Yihowaa Viidiyoowwan, Kitaabotaa fi Muuziqaawwan Adda Baasanii Dhorkan Qabuu?” jedhu, WAAʼEE KEENYA > GAAFFIIWWAN YEROO BAAYʼEE GAAFATAMAN jalaa ilaali.

d IBSA FAKKII: Fakkii, Yesuus inni Mootii keenya isa samii taʼe raayyaa maleekotaa tokko utuu geggeessuu argisiisu. Teessoon Yihowaa isaanii ol jira.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi