Baʼuu
8 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Gara Faraʼoon dhaqiitii akkana isaan jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Akka na tajaajilaniif saba koo gadhiisi.+ 2 Isaan gadhiisuu yoo didde garuu, naannoo kee hundumaa dhaʼicha raachaatiin nan rukuta.+ 3 Lagni Abbayyaa raachaan ni guutama; isaanis achi keessaa baʼanii gara mana keetii fi gara kutaa ciisichaa keetii ni seenu; siree kee irratti ol ni baʼu; gara mana tajaajiltoota keetiitti ni seenu; saba kee irratti ol ni baʼu; akkasumas gara iddoo ibiddaa keetii fi gara qoda bukoo* keetii ni seenu.+ 4 Raachawwan sun si irratti, saba kee irrattii fi tajaajiltoota kee hundumaa irratti ol ni baʼu.”’”
5 Boodas Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Aaroniin akkana jedhi: ‘Harka kee isa ulee ittiin qabatte lagicha irratti, boʼoowwan Laga Abbayyaa irrattii fi caffeewwan irratti diriirsiitii raachawwan biyya Gibxii irratti akka baʼan godhi.’” 6 Kanaafuu, Aaron harka isaa bishaanota Gibxii irratti ni diriirse; raachawwanis ol baʼuu fi biyya Gibxii uwwisuu jalqaban. 7 Haa taʼu malee, luboonni falfaltoota taʼanis ogummaa isaanii isa dhokataadhaan wantuma kana fakkaatu raawwatan; isaanis raachawwan biyya Gibxii irratti akka baʼan ni godhan.+ 8 Achiis Faraʼoon Musee fi Aaroniin waamee, “Yihowaadhaaf aarsaa akka dhiheessaniif sabicha gadhiisuu waanan barbaaduuf, raachawwan sana anaa fi saba koo irraa akka balleessuuf Yihowaa naaf kadhadhaa”+ isaaniin jedhe. 9 Museenis Faraʼooniin, “Raachawwan kun si irraa, tajaajiltoota kee irraa, saba kee irraa fi manneen kee irraa akka balleeffaman akkan siif kadhadhu kan barbaaddu yoom akka taʼe atumti natti himi. Isaan Laga Abbayyaa keessatti qofa hafu” jedhe. 10 Yeroo kanatti inni, “Boru” isaan jedhe. Kanaafuu inni akkana jedhe: “Ati akka Waaqa keenya Yihowaa kan taʼe tokko illee akka hin jirre+ akka beektuuf, akkuma jette ni taʼa. 11 Raachawwan kun si irraa, manneen kee irraa, tajaajiltoota kee irraa fi saba kee irraa ni deemu. Isaan Laga Abbayyaa keessatti qofa hafu.”+
12 Kanaafuu, Musee fi Aaron Faraʼoon biraa ni baʼan; Museenis waaʼee raachawwan inni Faraʼoon irratti fide sanaa Yihowaa kadhate.+ 13 Yihowaanis akkuma Museen gaafate ni godhe; raachawwan sunis manneen, mooraawwanii fi dirreewwan keessatti duduʼuu jalqaban. 14 Isaanis iddoo hedduutti wal irra isaan tuulan; biyyattiinis ajaaʼuu jalqabde. 15 Faraʼoonis boqonnaa akka argate yommuu argu, garaan isaa didaa taʼe;+ akkuma Yihowaan jedhes isaan dhagaʼuu dide.
16 Yeroo kanatti Yihowaan Museedhaan, “Aaroniin, ‘Ulee kee diriirsiitii awwaara lafaa rukuti; innis guutummaa biyyattii keessatti bookee ni taʼa’ jedhi” jedhe. 17 Isaanis akkanuma ni godhan. Aaron harka isaa isa ulee ittiin qabate diriirsee awwaara lafaa rukute; bookeewwanis namaa fi horii irratti namʼan. Awwaarri lafa irraa hundis guutummaa biyya Gibxii keessatti bookee taʼe.+ 18 Luboonni falfaltoota taʼan ogummaa isaanii isa dhokataadhaan wantuma kana godhanii bookee uumuuf kan yaalan taʼus,+ hin dandeenye. Bookeewwan sunis namaa fi horii irratti namʼan. 19 Yeroo kanatti luboonni falfaltoota taʼan Faraʼooniin, “Kun quba Waaqayyoo ti!”+ jedhan. Faraʼoon garuu garaan isaa didaa taʼuu isaa itti fufe; akkuma Yihowaan jedhes isaan hin dhageenye.
20 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Ganama bariidhaan kaʼiitii Faraʼoon dura dhaabbadhu. Kunoo, inni gara bishaanichaatti gad ni buʼa! Atis akkana isaan jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Isaan akka na tajaajilaniif saba koo gadhiisi. 21 Saba koo hin gadhiistu taanaan garuu, ani si irratti, tajaajiltoota kee irratti, saba kee irrattii fi manneen kee irratti qarxaasaa* nan erga; manneen Gibxiis qarxaasaadhaan ni guutamu; lafa isaan* irra dhaabbatan illee ni uwwisu. 22 Guyyaa sanatti ani dhugumaan biyya Gooshen isa sabni koo keessa jiraatan sana addaan nan baasa. Achi keessa qarxaasaan hin jiraatu;+ kanaanis isin ani Yihowaan biyyattii keessa akkan jiru ni beektu.+ 23 Ani saba koo fi saba kee gidduu garaa garummaan akka jiraatu nan godha. Boru mallattoon kun ni raawwatama.”’”
24 Yihowaanis akkanuma ni godhe; tuutni qarxaasaa hedduun mana Faraʼoon, manneen tajaajiltoota isaa fi guutummaa biyya Gibxii weeraruu jalqabe.+ Biyyattiinis qarxaasaa sanaan kan kaʼe ni mancaate.+ 25 Dhuma irratti Faraʼoon Musee fi Aaroniin waamee, “Dhaqaatii biyyattii keessatti Waaqa keessaniif aarsaa dhiheessaa” isaaniin jedhe. 26 Museen garuu akkana jedhe: “Wanti Waaqa keenya Yihowaadhaaf aarsaa goonee dhiheessinu warra Gibxiitiif jibbisiisaa waan taʼeef,+ akkana gochuun keenya sirrii miti. Wanta warra Gibxiitiif jibbisiisaa taʼe ijuma isaanii duratti aarsaa goonee yoo dhiheessine, dhagaadhaan nu hin tumanii? 27 Adeemsa guyyaa sadii deemnee gara lafa onaa dhaquudhaan, akkuma inni nuun jedhe achitti Waaqa keenya Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessina.”+
28 Yeroo kanatti Faraʼoon, “Lafa onaa keessatti Waaqa keessan Yihowaadhaaf aarsaa akka dhiheessitaniif isin nan gadhiisa. Garuu fagaattanii deemuu hin qabdan. Anaafis kadhadhaa” jedhe.+ 29 Achiis Museen, “Amma ani si biraa deemee Yihowaa siif nan kadhadha; qarxaasaawwan sunis boru Faraʼoon irraa, tajaajiltoota isaa fi saba isaa irraa ni deemu. Faraʼoon garuu Yihowaadhaaf aarsaa akka dhiheessan sabicha gadhiisuu diduudhaan nutti taphachuu isaa dhiisuu qaba”+ jedhe. 30 Museenis Faraʼoon biraa ni baʼe; achiis Yihowaa kadhate.+ 31 Kanaafuu, Yihowaan akkuma Museen jedhe godhe; qarxaasaawwan sunis Faraʼoon irraa, tajaajiltoota isaa fi saba isaa irraa ni deeman. Qarxaasaan tokko illee hin hafne. 32 Haa taʼu malee, Faraʼoon ammas garaan isaa didaa taʼe; sabichas hin gadhiisne.