LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w19 Waxabajjii ful. 31
  • Maraan Barreeffama Durii Tokko Ni “Hiikame”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maraan Barreeffama Durii Tokko Ni “Hiikame”
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Faarfannaa Galaanaa” Barreeffama Durii, Bara Dheeraa Gidduusaanii Ture Duuche
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Kana Beektaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Hisqiʼel Ergaa Waaqayyoo Gammachuudhaan Labseera
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
w19 Waxabajjii ful. 31
Ciccitaa Eeyin Geedii gubate; ciccitaa Eeyin Geedii guutummaatti hiikame

Maraan Barreeffama Durii Tokko Ni “Hiikame”

Ciccitaan Eeyin Geedii inni gubatee ture erga argamee kaasee hanga bara 1970⁠tti hin dubbifamne ture. Meeshaan 3-D jedhamu Maraan kun maqaa Waaqayyoo isa dhuunfaa dabalatee, kutaa kitaaba Lewwootaa akka qabate ifa baaseera

Bara 1970⁠tti arkiʼooloojistoonni, Israaʼel keessa iddoo Eeyin Geedii jedhamuu fi qarqara dhiha Galaana Soogiddaa bira jirutti maraa barreeffamaa gubate tokko qotanii argatan. Maraa kana kan argatan mana sagadaa DH.K.B. jaarraa jaʼaffaatti yeroo naannoon sun gubatetti, balleeffamee taʼuu hin oolle tokko yeroo qotanii baasanitti ture. Maraan barreeffamaa kun garmalee mancaʼee waan tureef, qabiyyee isaa dubbisuun hin dandaʼamu ture; utuu hin miidhin diiguun illee hin dandaʼamu ture. Haa ta’u malee, meeshaa 3-D jedhamuu fi waa dubbisuuf gargaaruuf galanni haa ta’uutii maraa barreeffamaa kana “hiikuun” danda’ameera. Akkasumas meeshaa elektirooniksii ammayyaatiin gargaaramuudhaan qabiyyeen maraa sanaa dubbisuun danda’ameera.

Meeshaan kun maal ifa godhe? Maraan kun kutaa Kitaaba Qulqulluu kan qabate ture. Wantoota maraa kana irratti barreeffaman keessaa tokko tokko, caqasoota Kitaaba Lewwootaa gara jalqabaa irra jirani dha. Caqasoonni kun maqaa Waaqayyoo isa dhuunfaa qubee afaan Ibrootaa Teetiraagiraamaataniitiin barreeffame qabataniiru. Maraan argame kun umuriin isaa DH.K.B. jaarraa tokkoffaa gara boodaa fi DH.K.B. jaarraa afuraffaa gidduutti kan barreeffame taʼuu hin oolu; kunis maraan kun erga barreeffamni Qumran argamee booda Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa umurii dheeraa qabu akka taʼu isa godha. Giil Zoohaar Za Jerusaalem Poosti irratti akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Hamma ciccitaan Eeyin Geedii inni kitaaba Lewwootaa qabate dubbifametti, Maraa Galaana Duʼaa waggaa 2000 taʼe, isa yeroo bara Mana Qulqullummaa isa Lammaffaatti barreeffamee fi Aleeppoo Koodeeksii isa Dh.K.B. jaarraa 10⁠ffatti barreeffame gidduu garaagarummaa waggaa kumaatu jira ture.” Akka hayyoonni jedhannitti maraan hiikame kun Tooraan inni Maasooronni barreessan, “waggaa kuma tokkoo oliif utuu hin jijjiiramiin akka turee fi dogoggorri garagalchitoonni hojjetan akka itti hin seenne” argisiisa jedhaniiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi