Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Gaaffiin kanaa gad jiru, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Muddee 27, 2010 jalqabutti kan irratti mari’atamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barreeffamoota, gaaffilee irra deebii torban Sadaasa 1 hanga Muddee 27, 2010 jalqaburratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 20f irra deebicha geggeessa.
1. Akkaataa Lewwoonni faarfattoota ta’an galata itti dhiheessaniifi 1 Seenaa 16:34rratti argamurraa maal barachuu dandeenya? [w02 1/15 ful. 11 key. 6-7]
2. Akka 1 Seenaa 22:8rratti ibsametti, Yihowaan manasaa akka isaa hin ijaarre dhowwuunsaa, waraanni Daawit godhe dogoggora akka ture argisiisaa? Ibsi. [it-2 ful. 987 key. 1]
3. Daawit Mootichi, ilmisaa Solomoon Waaqayyoon ilaalchisee maal akka hubatu barbaada ture? (1 Sen. 28:9) [w08 10/15 ful. 7 key. 18]
4. Bakka gaaniin bishaanii irra taa’u ijaaruuf fakkeenya korommiitti fayyadamuun sirrii kan ture maaliifi? (2 Sen. 4:2-4) [w05 12/1 ful. 19 key. 3; w98 6/15 ful. 16 key. 17]
5. Saanduqa kakuu keessa gabatoota dhagaa lama qofamoo mi’oonni gara biraanis jiru turan? (2 Sen. 5:10) [w06 1/15 ful. 31]
6. Solomoon nama ‘gara mana kanaatti garagalee si waammatu’ hundaaf kadhannaasaa dhaga’i jedhee yommuu Yihowaa gaafatu maal jechuusaa ture? (2 Sen. 6:21, 32, 33) [it-1 ful. 137 key. 1]
7. Jechi “kakuu soogiddaa” jedhuufi 2 Seenaa 13:5rratti argamu maal jechuudha? [w05 12/1 ful. 20 key. 2; it-2 ful. 842 key. 7]
8. Seerri bu’uuraa 2 Seenaa 17:9, 10rra jiru tajaajila keenyaaf kan hojjetu akkamitti? [w09 6/15 ful. 12 key. 7]
9. Sabni Waaqayyoo yeroo har’aa jiran, 2 Seenaa 20:17 wajjin haala walsimuun deddeebi’uu kan danda’an akkamitti? [w03 6/1 ful. 21-22 key. 14-17]
10. Seenaa waa’ee of gurguddisuu Uziyaa Mootichaa dubbaturraa barumsa maalii argachuu dandeenya? (2 Sen. 26:15-21) [w99 12/1 ful. 26 key. 1-2]