Saanduqa Gaaffii
◼ Barataa Macaafa Qulqulluu guddina argisiisaa jiru yeroo hangamiitiif qayyabsiisuu qabna?
Barataa akkasii, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi kitaaba “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa” jedhamu hanga xumurutti qayyabsiisuun keenya gaariidha. Kitaabota kana lamaan utuu hin fixin yoo cuuphamellee, qayyabannaasaa akka itti fufu gochuu qabna. Erga cuuphamee booda saʼaatii, deddeebii gaaffiifi qayyabannaa gabaasuu dandeenya. Babalʼisaan qayyabannaa sanarratti nuu wajjin hirmaatus saʼaatii qabachuu dandaʼa.—Tajaajila Mootummaa, Bitootessa 2009 ful. 2 ilaali.
Namoota haaraa qayyabsiisuu dhaabuu keenya dura, dhugaa keessatti akka jabaataniif hundee cimaa akka qabaatan gochuun barbaachisaadha. Qorumsa isaanirra gaʼu moʼuuf, Kiristositti ‘hundeesaanii gad fageeffachuudhaan amantiitti dhaabamuu’ isaan barbaachisa. (Qol. 2:6, 7; 2 Xim. 3:12; 1 Phe. 5:8, 9) Karaa buʼa qabeessa taʼeen namoota kaan barsiisuufis, ‘dhugaa beekuu bira gaʼuu’ qabu. (1 Xim. 2:4) Namoonni kun kitaabota kana akka xumuran yoo goone, ‘karaa gara jireenyaatti geessu’ irratti hundee cimaa akka qabaatan isaan gargaaraa jirra jechuudha.—Mat. 7:14.
Jaarsoliin namni tokko akka cuuphamu heyyamuusaanii dura, barumsawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu sirriitti hubachuusaafi haala barumsichaa wajjin walsimuun jiraachuusaa mirkaneessuu qabu. Keessumaa baratichi kitaaba isa jalqabaa hin xumurre taanaan of eeggannoo gochuu qabu. Namni tokko cuuphamuuf gaʼumsa kan hin qabne yoo taʼe, jaarsoliin gara fuulduraatti cuuphamuuf gargaarsi barbaachisu isaaf godhamuusaa mirkaneessuu qabu.—Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu jedhamu, ful. 216-218 ilaali.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 2rra jiru]
Namoonni haaraan, dhugaa keessatti hundee cimaa qabaachuunsaanii barbaachisaadha