Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
Gaaffileen kanaa gad jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii torban Ebla 25, 2011 jalqabutti kan irratti mariʼatamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barumsawwan torban Bitootessa 7 jalqabee hanga Ebla 25, 2011tti dhihaatanirratti hundaaʼee irra deebicha daqiiqaa 20f geggeessa.
1. Yaanni, “namoota biyya sanaa keessaa baaʼeen. . . qomoo isaanii Yihudiitti in geddaratan” jedhu hiika maalii qaba ture? (As. 8:17) [w06 3/1 ful. 11 key. 3]
2. Seexanni Yihowaa dura akka dhaabatu kan isaaf heyyamame maaliifi? (Iyo. 1:6; 2:1) [w06 3/15 ful. 13 key. 6; it-2 ful. 16 key. 4]
3. Gaaffii Seexanni, “Iyoob waa malee si Waaqayyoon sodaataa ree?” jechuudhaan kaase maal kan argisiisudha? (Iyo. 1:9) [w94 11/15 ful. 11 key. 6]
4. Yihowaan ‘ogummaa gad fagoo kan qabuufi aango-qabeessa’ taʼuusaa beekuun keenya amanannaa akka qabaannu kan nu godhu maaliifi? (Iyo. 9:4) [w07 5/15 ful. 25 key. 16; it-2 ful. 1190 key. 3]
5. Eliifaaz, waaʼee nama “yakka hojjechuu akka bishaanii dheebotu” ilaalchisee dubbate yaada Seexanaa argisiisa kan jennu maaliifi? (Iyo. 15:16) [w10 2/15 ful. 20 key. 1-2]
6. Seenaa Iyoob 19:2rra jiruufi Iyoob booʼicha cimaa booʼuusaa ibsurraa barumsa maalii arganna? [w94 10/1 ful. 32 key. 1-5]
7. Iyoob amanamummaasaa akka eegu kan isa gargaare maalidha? (Iyo. 27:5) [w09 4/15 ful. 6 key. 17]
8. Namoota gargaarsi barbaachisu gargaaruu ilaalchisee fakkeenya Iyoob hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (Iyo. 29:12, 13) [w02 5/15 ful. 22 key. 19; w94 9/15 ful. 24 key. 2]
9. Gorsi Eliihuu michoota Iyoob sadanirraa adda kan ture karaa kamiini? (Iyo. 33:1, 6) [w95 2/15 ful. 29 key. 3]
10. Hojii Yihowaa isa dinqisiisaarratti xiinxaluun keenya maal hubachuuf nu gargaara? (Iyo. 37:14) [w06 3/15 ful. 16 key. 4]