LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/11 ful. 4-7
  • Guyyaa Lamaaf Karaa Hafuuraa Jajjabina Arganna

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Guyyaa Lamaaf Karaa Hafuuraa Jajjabina Arganna
  • Tajaajila Mootummaa—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Walgaʼiin Koonyaa Keenya—Dhugaadhaaf Ragaa Cimaa Dhiheessa
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • Amala Waaqayyoof Ulfina Fidu
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • “Akki Isin Warra Saba Waaqayyoo Hin Taʼin Keessa Itti Jiraattan Gaarii Haa Taʼu!”
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • Yeroo Nyaata Hafuuraa Soorachuudhaan Itti Gammannu
    Tajaajila Mootummaa—2008
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2011
km 4/11 ful. 4-7

Guyyaa Lamaaf Karaa Hafuuraa Jajjabina Arganna

1. Walgaʼii koonyaa waggaa kanaarraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

1 Addunyaa Seexanaa isa karaa hafuuraa ongeedhaan rukutame kana keessatti Yihowaan tajaajiltootasaa jajjabeessuusaa itti fufeera. (Isa. 58:11) Qophii Yihowaan nu jajjabeessuudhaaf itti fayyadamu keessaa inni tokko walgaʼii koonyaati. Walgaʼiin koonyaa waggaa kanaa yeroo dhihaate kanatti karaa hafuuraa jajjabina argachuufi namoota kaan jajjabeessuuf qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti?—Fak. 21:5.

2. Qophiiwwan xumuruun nurra jiru tokko tokko kamfaʼi?

2 Hamma ammaatti akkas hin goone taanaan, walgaʼii koonyaa guyyaa lamaanirratti argamuuf ammuma yeroo fudhadhaatii sagantaa hojii dhuunfaa keessanirrattis taʼe hojii qacaramtanii hojjettanirratti qabdan mijeessuuf yaalaa. Utuu sagantaan hin jalqabamin achi gaʼuufi teessuma argachuu akka dandeessanitti yeroo kamitti deemuun akka isin barbaachisu herregdaniittuu? Nyaata hafuuraa nama jajjabeessuufi Yihowaan nuu qopheesse kamiiyyuu akka nu jala darbu hin barbaannu! (Isa. 65:13, 14) Qophiiwwan mana bultiifi geejjibaaf isin barbaachisan hunda xumurtaniittuu?

3. Yaadawwan nus taane maatiin keenya saganticharraa guutummaatti fayyadamuuf nu gargaaran kamfaʼi?

3 Yommuu walgaʼiin godhamu wanti xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuuf isin gargaaru maalidha? Kan dandaʼamu yoo taʼe, galgala guyyaa walgaʼichaatti akka gaariitti boqodhaa. Iji keessan nama haasaa dhiheessurratti akka xiyyeeffatu godhaa. Yommuu caqasoonni dubbifaman Macaafa Qulqulluu keessan baasaatii ilaalaa. Yaadannoo gabaabaa qabadhaa. Maatiin ijoolleensaanii xiyyeeffanaadhaan akka dhaggeeffatan gargaaruuf waliin taaʼuunsaanii gaariidha. (Fak. 29:15) Tarii galgala galgala maatiidhaan yaadawwan ijoo sagantichaarratti mariʼachuu dandeessu. Maatiin keessan walgaʼicha boodallee karaa hafuuraa jajjabina argachuusaa akka itti fufuu dandaʼutti, qabxiiwwan maatiin keessan hojiirra oolchuu qaburratti mariʼachuuf sagantaa Waaqeffannaa Maatii galgalaa keessanirratti yeroo ramaduu dandeessu.

4. Gumii keenya keessatti namoonni kaan karaa hafuuraa jajjabina akka argatan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

4 Namoonni Kaan Jajjabina Akka Argatan Gargaaraa: Namoonni kaanis karaa hafuuraa jajjabina akka argatan barbaanna. Babalʼistoonni maanguddoota taʼaniifi namoonni walgaʼicharratti argamuuf gargaarsi isaan barbaachisu jiruu? Atoo isaan gargaaru dandeessaa? (1 Yoh. 3:17, 18) Jaarsoliin, keessattuu ilaaltonni olaanaa tuutaa babalʼistoonni akkasii gargaarsa isaan barbaachisu argachuusaanii mirkaneessuu qabu.

5. Waraqaa afeerrii walgaʼii koonyaa kan raabsinu akkamitti? (Saanduqa fuula 5⁠rratti argamu ilaali.)

5 Akkuma kanaan duraa, guyyaan walgaʼiin kun itti godhamu gaʼuusaa torban sadii duraa jalqabee duula namoonni kaan walgaʼicharratti akka argaman afeeruurratti ni hirmaanna. Gumiiwwan hamma dandaʼame waraqaa afeerrii isaanii kenname raabsuufi naannoo tajaajilasaanii keessaa baayʼeesaa waliin gaʼuuf galma baafachuu qabu. Maatiin keessan waraqaa afeerrii duula sanarraa hafe yoo qabaate, magaalaa walgaʼichi itti godhamutti namoota karaa alidilee taʼeen mariʼachiistan ittiin afeeruu akka dandeessanitti waraqaa kana gara walgaʼichaatti fidaa. Waraqaa afeerrii kana akkamitti akka itti fayyadamnu gaafa Sanbadduraa walgaʼicharratti yaanni nuu kennama. Magaalaa walgaʼichi itti godhamutti waraqaan afeerrii maatii keessanirraa hafe yoo jiraate, yommuu gara walgaʼichaa dhaqxan keessumsiistota keessaa tokkoof kennaa. Haasaa xumuraa gaafa Dilbataa dhihaatuuf waan isin gargaaruuf waraqaa afeerrii kana koppii tokko dhuunfaa keessaniif hambifadhaa.

6. Walgaʼii koonyaarratti naamusa gaarii argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamfaʼiini?

6 Naamusni Gaariin Warra Kaan Ni Jajjabeessa: Yeroo namoonni hedduun “ofittoo” taʼaniifi miira namoota kaaniitiif of hin eegne kanatti, Kiristiyaanota hidhata keenya taʼaniifi naamusa gaarii argisiisuuf carraaqan gidduutti argamuun baayʼee nama jajjabeessa! (2 Xim. 3:2) Ganama saʼaatii 2:00⁠tti yeroo balballi banamu suuta jennee seeraan gara bakka walgaʼichi itti godhamutti seenuudhaan, akkasumas namoota mana keenya jiraataniif, nu waliin konkolaataa tokkotti fayyadamaniif ykn namoota yeroo ammaatti Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu qofaadhaaf teessuma qabuudhaan naamusa gaarii akka qabnu argisiisna. Qajeelfama dura taaʼaan sagantichaa teessuma keenya qabannee muuziqaa ceʼumsaa sagantichaa akka dhaggeeffannu nuu kennu hordofuu qabna. Yeroo sagantichi geggeeffamu moobaayilii ykn peejarii keenya cufuudhaan namoonni kaan akka hin jeeqamne gochuun keenya naamusa gaarii akka qabnu argisiisa. Akkasumas, yeroo sagantaan geggeeffamu utuu hin barbaachisin asaasuu, ergaa walii barreessuu, nyaachuu ykn asiifi achi deemuurraa of qusachuudhaan naamusa gaarii argisiisuu dandeenya.

7. Yommuu obboloota keenyaa wajjin yeroo dabarsinu karaa hafuuraa jajjabina argachuufi isaan jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti?

7 Obbolootaa Wajjin Taʼuun Nama Jajjabeessa: Walgaʼiin koonyaa tokkummaa Kiristiyaanummaafi waldaa obbolootaa karaa hafuuraa nama jajjabeessu argachuuf carraa nuu bana. (Far. 133:1-3) Obbolootaafi obboleettota gumii biraatii dhufan simachuudhaan ‘garaa isaanitti balʼachuuf’ dursa fudhachuu dandeessaa? (2 Qor. 6:13) Guyyaa guyyaadhaan nama haaraa tokko ykn maatii haaraa tokkoo wajjin walbaruuf galma baafachuu dandeessa. Boqonnaan laaqanaa, kana gochuuf carraa gaarii sii bana. Kanaaf, laaqana bitachuuf ykn nyaachuuf gara mana nyaataa dhihootti argamu deemu mannaa, nyaata salphaa taʼe fiduudhaan namoota kaanii wajjin nyaachuufi isaanii wajjin yeroo gaarii dabarsuu dandeessa. Kunimmoo hiriyoota haaraa akka argattu carraa sii bana.

8. Walgaʼicharratti hojiiwwan tokko tokko hojjechuuf fedhiidhaan of dhiheessuu kan qabnu maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

8 Obboloota hidhata amantii keenya taʼan waliin taʼuudhaan tajaajila qulqulluurratti hirmaachuun baayʼee nama jajjabeessa! Hojiiwwan achitti hojjetaman keessaa tokkorratti ykn hojii qulqullinaa gumii keessaniif ramadamerratti hirmaachuuf of dhiheessuu dandeessuu? (Far. 110:3) Hojii tokkorratti akka hirmaattu hin ramadamne taanaan, Kutaa Tajaajila Fedhaa walgaʼichaatti beeksisuu dandeessu. Gamtaadhaan hojjechuun, hojii tokko gammachuufi salphaatti raawwachuuf nama gargaara.

9. Yeroo walgaʼii koonyaatti amala keenyaaf akkasumas akkaataa uffannaafi miidhagina keenyaaf xiyyeefannaa kennu kan qabnu maaliifi?

9 Amalli Keenya Namoota Kaan Ni Jajjabeessa: Bakka buutota walgaʼii koonyaa kan taane guyyoota lamaan hundatti malee saganticharratti qofa miti. Namoonni magaalaa walgaʼichi itti godhamutti argaman garaagarummaa nuufi namoota Dhugaa Baatota hin taane gidduu jiru hubachuunsaanii hin oolu. (1 Phe. 2:12) Bakka walgaʼichi itti godhamutti, mana bultii keenyattis taʼe mana nyaataatti akkaataan uffannaafi miidhagina keenyaa Yihowaadhaaf ulfina kan fidu taʼuu qaba. (1 Xim. 2:9, 10) Kaardii qomarratti maxxanfamu yoo godhanne namoonni nu ilaalan Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keenya ni hubatu. Kunimmoo waaʼee walgaʼii keenyaa itti himuufi dhugaa isaanii baʼuuf carraa garabiraa nuu bana.

10. Hojjetoonni hoteelaa walgaʼii keenyaaf ilaalcha gaarii akka qabaatan gochuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Namoota hoteela keessatti hojjetanii wajjin walii galtee qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? Obboloonni kaan kutaa ciisichaa akka dhaban gochuufi hoteelicha kasaarsuu waan dandaʼuuf kutaa ciisichaa nu barbaachisu caalaa qabuun nurra hin jiru. Yommuu hoteela seennuufi achi keessaa baanu namni kan baayʼatu yoo taʼe, obsaafi gaarummaa argisiisuu qabna. (Qol. 4:6) Namoota hoteelicha keessatti miʼa keenya nuu baataniif, namoota kutaa ciisichaa keenya nuu qulqulleessaniifi haala garaagaraatiin nu tajaajilaniif qarshii xinnoo kennuufii qabna.

11. Muuxannowwan amalli Kiristiyaanummaa keenyaa dhugaa baʼuuf akka nu gargaaru argisiisan kamfaʼi?

11 Amalli gaariin walgaʼii koonyaarratti argisiisnu warra kaanirratti dhiibbaa akkamii geessisa? Namni hoteela obboloonni walgaʼii koonyaatiif dhufan itti boqotan tokko keessatti itti gaafatamaa taʼee hojjetu tokko, “Namoonni kun baayʼee kan gad of deebisanidha. Waggaa waggaadhaan isaan argachuu keenyatti baayʼee gammanna” jechuudhaan akka dubbate matadureen gaazexaa tokko ibseera. Waggaa darbe namni Dhugaa Baatuu hin taane tokko hoteela obboloonni walgaʼii koonyaatiif dhufan itti fayyadaman keessatti boorsaan maallaqaa jalaa bade. Yommuu boorsaan maallaqaa kun wanta keessa jiru hundaa wajjin itti gaafatamaa hoteelichaatiif deebifamu, itti gaafatamaan kunis namichaan, “Hoteelichi Dhugaa Baatota Yihowaa walgaʼii koonyaa gochaa jiraniin kan guutame ture. Utuu akkas taʼuu baatee boorsaan maallaqaakee sii hin deebiʼu ture” jedheen.

12. Yommuu walgaʼichi dhihaachaa dhufutti kaayyoon keenya maal taʼuu qaba? Maaliif?

12 Walgaʼiin koonyaa waggaa kanaa baayʼee dhihaachaa jira. Sagantaa qopheessuufi haalli walgaʼichaa kan nama jajjabeessu akka taʼu gochuuf yerooniifi humni hedduun baʼeera. Guyyaa lamaanuu walgaʼicharratti argamuufi qophii Yihowaafi jaarmiyaansaa isinii godhanirratti hirmaachuuf galma baafadhaa. Naamusa gaarii qabaachuudhaan, namoota kaanii wajjin yeroo gaarii dabarsuufi amala gaarii argisiisuudhaan warra kaan jajjabeessuuf murtoo godhaa. Dhugaa Baatuun tokko waggaa darbe walgaʼii koonyaarratti argamuudhaan “Muuxannoowwan nama gammachiisan akkasii argadhee hin beeku” jechuudhaan barreessiteetti; isinis akkasuma isinitti dhagaʼamuu dandaʼa.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 4rra jiru]

Akkuma kanaan duraa, guyyaan walgaʼiin kun itti godhamu gaʼuusaa torban sadii duraa jalqabee duula namoonni kaan walgaʼicharratti akka argaman afeeruurratti ni hirmaanna

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 6rra jiru]

Bakka walgaʼichi itti godhamutti, mana bultii keenyattis taʼe mana nyaataatti akkaataan uffannaafi miidhagina keenyaa Yihowaadhaaf ulfina kan fidu taʼuu qaba

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 7rra jiru]

Naamusa gaarii qabaachuudhaan, namoota kaanii wajjin yeroo gaarii dabarsuufi amala gaarii argisiisuudhaan warra kaan jajjabeessuuf murtoo godhaa

[Saanduqawwan fuula 4-7rratti argaman]

YAADACHIISAWWAN WALGAʼII KOONYAA 2011

◼ Saʼaatii Sagantichaa: Sagantichi guyyaa lamaanuu ganama saʼaatii 3:20⁠tti jalqabama. Balballi bakki walgaʼiin itti godhamu saʼaatii 2:00 boodadha. Muuziqaan sagantichi jalqabamuusaa argisiisu yeroo beeksifamu, sagantichi haala sabrii qabuun akka jalqabamuuf hundi keenya iddoo qabaachuu qabna. Sagantichi gaafa Sanbadduraa saʼaatii 10:55⁠tti, Dilbatammoo 9:40⁠tti xumurama.

◼ Bakka Konkolaataan Dhaabatu: Bakki konkolaataan dhaabatu muraasa waan taʼeef, hanga dandaʼametti gareedhaan konkolaataa tokkotti fayyadamuun barbaachisaadha. Akkasumas, walgaʼii koonyaa gumiin keessan itti ramadamerratti argamuuf carraaqqii akka gootan isin jajjabeessina.

◼ Teessuma Qabachuu: Teessuma qabuun kan dandaʼamu, namoota konkolaataa tokkoon wajjin deemtan ykn mana tokko keessa jiraattan ykn namoota yeroo ammaatti Macaafa Qulqulluu qayyabsiisaa jirtan qofaafidha.—1 Qor. 13:5.

◼ Laaqana: Boqonnaa laaqanaatti nyaata barbaacha ala deemuu mannaa, laaqana keessan fidattanii akka dhuftan isin jajjabeessina. Qodaan nyaataa keessan karaa akka hin cufneef teessoo keessan jala kaaʼamuu kan dandaʼu taʼuu qaba. Wanta salphaatti cabuufi dhugaatii alkoolii bakka walgaʼii koonyaa fidanii dhufuun matumaa dhorkaadha.

◼ Buusii: Hojii addunyaa maratti hojjetamuuf, Galma Mootummaattis taʼe bakka walgaʼii koonyaatti fedhiidhaan buusii gochuudhaan dinqisiifannaa keenya argisiisuu dandeenya. Cheekiin bakka walgaʼii koonyaatti buusii godhamu hundi “Yeyihowa Misikiroch” jedhamee akka kaffalamu ibsamuu qaba.

◼ Balaafi Dhukkuba Yeroo Namaa Hin Laanne: Namni tokko bakka walgaʼiitti dhukkuba yeroo namaa hin laanneen akka tasaa yoo dhukkubsate, kutaa Yaaliin Fayyaa Jalqabaa itti kennamu akka isinitti argisiisuuf keessumsiisaa dhihoo keessanitti argamutti himaa.

◼ Qoricha: Qorichi ogeessa fayyaatiin isiniif ajajameefi fudhachaa jirtan yoo jiraate, bakka walgaʼichaatti waan hin argamneef, hamma isin gaʼu qabadhaa kottaa.

◼ Kophee: Waggaa waggaadhaan balaawwan qophee wajjin wal qabatan hedduun ni gaʼu. Rakkoo tokko malee fooqii, riqichaafi bakkawwan balaa geessisan kaanirra deemuu akka dandeenyuuf kophee mijaaʼaafi nutti taʼu kaaʼachuun keenya gaariidha.

◼ Namoota Gurrisaanii Dhagaʼuu Dadhabe: Sagantichi bakka walgaʼichaa iddoo tokko tokkotti raadiyooniidhaa ni tamsaafama. Sagantaa kana dhaggeeffachuuf, raadiyoo xinnoo dhagaa baatiriitiin hojjetuufi meeshaa gurratti kaaʼatanii itti dhaggeeffatan fidachuun barbaachisaadha.

◼ Gaarii Daaʼimmaniifi Barcuma Bashannanaa: Gaarii daaʼimmaniifi barcuma bashannanaa, bakka walgaʼiin koonyaa itti godhamu fidamanii dhufuun hin heyyamamu. Haataʼu malee, barcuma ijoolleef qophaaʼeefi bakka warrisaanii taaʼanitti hidhamu fayyadamuun ni dandaʼama.

◼ Manneen Nyaataa: Manneen nyaataatti amala keessan isa gaariitiin maqaa Yihowaaf ulfina kennaa. Namoota nu keessumsiisaniif qarshii xinnoo kennuun waanuma baramedha.

◼ Galma Mootummaatti Fayyadamuu: Galma Mootummaa akka mana ciisichaatti fayyadamuun filatamaa miti. Galma Mootummaa keessa buluuf wanti dirqisiisu yoo jiraate garuu, hundumtuu qulqullinasaa eeguuf itti gaafatamummaan akka isaanirra jiru itti dhagaʼamuu qaba. Sireen irra ciisame kaafamuu, wanti lafatti dhangalaʼe yerooma sana qulqulleeffamuu, waraqaaniifi kosiin kaan guuboo ykn qodaa faayidaa kanaaf kaaʼame kan biraa keessatti gatamuu qaba.

◼ Qulqulleessuu: Kutaan Qulqullinaa sagantaa itti qulqulleeffamu kan qindeesse taʼuyyuu, sadarkaa qulqullinaa guddaa Yihowaan sabnisaa akka eegan barbaaduuf gumaacha gochuu dandeenya. Kanaaf, yeroo kamittiyyuu waraqaan ykn kosiin lafa buʼe kan biraan galma walgaʼiin koonyaa godhamu keessatti dhiifamuu hin qabnu. Yeroo walgaʼiin koonyaa godhamutti ykn yeroo boqonnaatti, bakka walgaʼii koonyaa itti goonu akka hin fokkisiisneef, kosiin yeruma sana qodaa kaayyoo kanaaf qopheeffame keessatti gatamuu qaba. Akkasumas, bakka teenyee turre deemuu keenya dura wanti lafa buʼe ilaaluudhaan kaasuun keenya gaariidha.

◼ Foormii Hordofaa Gargaaraa (S-43) Jedhamu: Foormiin kun, yeroo walgaʼiin koonyaa godhamu karaa alidilee taʼeen waaʼee nama dhugaa baaneefi fedhii argisiise tokkoo odeeffannoo kennuuf gargaara. Foormiin guutame Kutaa Barreeffamaa walgaʼii koonyaatti ykn barreessaa gumii keessanitti kennuu dandeessu.

◼ Tajaajila Fedhaa: Gammachuun walgaʼiiwwan koonyaarratti argannu, tajaajila fedhiidhaan kennamurratti yoo hirmaanne caalaatti ni dabala. (HoE. 20:35) Tajaajila akkasiirratti hirmaachuu kan barbaadan hundi Kutaa Tajaajila Fedhaatti himuu qabu. Ijoolleen umriinsaanii waggaa 16 gadi taʼanis, warrasaanii ykn namoota gurguddaa wajjin taʼuudhaan hojii kanarratti hirmaachuu ni dandaʼu.

[Saanduqa fuula 5rra jiru]

Waraqaa Afeerrii Raabsuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Naannoo tajaajilaa keenya waliin gaʼuuf seensa keenya gabaabsuu qabna. Akkas jechuu dandeessa: “Harka fuune! Waraqaa afeerrii addunyaa maratti raabsamu raabsuurratti hirmaachaa jirra. Kun gaʼee keeti. Odeeffannoo dabalataa waraqaa afeerrii kanarraa argachuu dandeessa.” Fuulli jalqabaa waraqaa afeerrii kanaa fedhii namaa waan kakaasuuf, fuula kana itti argisiisii kenniif. Miira hoʼaadhaan dubbadhu. Guyyoota Sanbadduraafi Dilbataa waraqaa afeerrii yommuu raabsitan barruulees wajjin raabsuu dandeessu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi