Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
Gaaffileen kanaa gad jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii torban Ebla 30, 2012 jalqabutti kan irratti mariʼatamudha. Qabxiiwwan mariin irratti godhaman hundi guyyoonnisaanii kan ibsaman, torban torbaniin yommuu mana barumsichaatiif qophoofnu qorannoo akka goonuufidha.
1. Macaafni Ermiyaas nuuf faayidaa qaba kan jennu maaliifi? [Bit. 5, si ful. 3 key. 36]
2. Yihowaan ariʼatama yeroo ammaatti nurra gaʼurraa nu oolchuu kan dandaʼu akkamitti? (Er. 1:8) [Bit. 5, w06 1/1 ful. 9 key. 18]
3. Kiristiyaanonni dibamoon ‘daandii isa duriitti’ kan deebiʼan yoomiifi akkamitti? (Er. 6:16) [Bit. 12, w05-AM 11/1 ful. 24 key. 12]
4. Yeroo harʼaatti “wanti dibatan Giilʼaadin” jira jedhamuu kan dandaʼu akkamitti? (Er. 8:22) [Bit. 19, w10-AM 6/1 ful. 22 key. 3–ful. 23 key. 4]
5. Yihowaan firdii dabarsee turetti ni ‘gaabba’ jedhamuu kan dandaʼu akkamitti? (Er. 18:7, 8, hiika bara 1899) [Ebl. 2, w01-AM 11/15 ful. 13 key. 20; jr-E ful. 151 saanduqa]
6. Yihowaan Ermiyaasiin kan gowwoomse akkamitti? Kanarraa barumsa maalii arganna? (Er. 20:7) [Ebl. 2, w07-AM 3/15 ful. 9 key. 6; jr-E ful. 36 key. 8]
7. Labsiin Ermiyaas 22:30rra jiru mirga Yesus Kiristos teessoo Daawit dhaaluuf qabu kan dhabsiisudhaa? [Ebl. 9, w07 3/15 ful. 10 key. 9]
8. Yihowaan sabasaa duriitiin “gaarummaa kootiin ofitti si dhiʼeesse” jechuunsaa sirrii kan ture maaliifi? (Er. 31:3) [Ebl. 23, w04-AM 4/15 ful. 14 key. 11; jr-E ful. 142-145 key. 8-11]
9. Seerri Waaqayyoo garaa keessatti kan caafamu akkamitti? (Er. 31:33) [Ebl. 23, w07-AM 3/15 ful. 11 key. 2]
10. Waliigaltee miʼa tokko bituufi gurguruu ilaalchisee sababiin sanadii lama qopheessuun itti barbaachise maalidha? (Er. 32:10-15) [Ebl. 30, w07 3/15-AM ful. 11 key. 3]