Horii Sibiilaa Diddiimtuu Kan Akka Saantiima Lamaa
Karaa guddaan hojii Mootummichaa itti deggerru keessaa tokko, hojii lallabaa addunyaa maratti taasifamuuf buusii qarshii gochuudha. Harka qalleeyyii yoo taanehoo maal gochuu dandeenya?
Yeroo tokko Yesus, haadha hiyyeessaa qodaa buusii mana qulqullummaa keessa jiru keessa horii sibiilaa diddiimtuu kan akka saantiima lamaa utuu buustuu argee ture. Jaalalli isheen Yihowaadhaaf qabdu ‘danuu hiyyuma ishee keessaa, bultoo isheetiif waan qabdu hundumaa qodicha keessa buusuuf’ ishee kakaaseera. (Mar. 12:41-44) Yesus waaʼee haadha hiyyeessaa kanaa caqasuunsaa, buusii isheen goote Waaqayyo duratti gatii guddaa akka qabu kan argisiisu ture. Haaluma wal fakkaatuun Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan, tajaajilaaf deggersa qarshii gochuun itti gaafatamummaa obboloota sooreyyii qofa akka taʼe godhanii hin yaanne. Phaawulos fakkeenya obboloota Maqedooniyaa yeroo caqasu, “deegni isaanii badduu baasa yoo taʼe iyyuu gargaarsa kennuudhaaf . . . cimsanii nu kadhataniiru” jedheera.—2 Qor. 8:1-4.
Kanaaf, “horii sibiilaa diddiimtuu kan akka saantiima lamaa” qofa buusii yoo goonellee, buusii xixinnoo hedduun walitti qabamee qarshii baayʼee akka taʼu yaadachuu qabna. ‘Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu waan jaallatuuf,’ garaa guutuudhaan buusii gochuun keenya Abbaa keenya isa samii arjaa taʼe ni gammachiisa.—2 Qor. 9:7.