LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/12 ful. 10
  • Akkaataa Dhiheenyaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Akkaataa Dhiheenyaa
  • Tajaajila Mootummaa—2012
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Dammaqaa! Caamsaa
Tajaajila Mootummaa—2012
km 4/12 ful. 10

Akkaataa Dhiheenyaa

Jiʼa Jiʼaan, Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru

“Yeroo rakkisaa taʼe kanatti, hundi keenya haalawwan nama dhiphisan maatii keessatti nu mudatu. Maarree qajeelfama amansiisaa jireenya maatii keenyaa gammachiisaa gochuuf nu gargaaru eessaa arganna jettee yaadda?” [Hanga deebii kennutti eegi.] Achiis Masaraa Eegumsaa Amajjii-Bitootessaa 2012 erga kenniteefii booda, matadureewwan xixiqqaa fuula 10fi 11⁠rra jiran keessaa tokko filachuudhaan irratti mariʼadhaa; caqasoota kennaman keessaa yoo xinnaate tokko dubbisaa. Barruulee sana erga kenniteefii booda, gaaffiiwwan hafan keessaa isa tokkorratti mariʼachuuf beellama qabadhu.

Masaraa Eegumsaa Amajjii-Bitootessaa

Qola baruu kanaa itti argisiisuudhaan akkas jedhii gaafadhu: “Waaqayyoon ilaalchisee wanti sitti himame soba akka taʼe utuu hubattee maaltu sitti dhagaʼama? [Hanga deebii kennutti eegi.] Yaada Yesus, dhugaa sobarraa addaan baasuuf gargaaru ilaalchisee dubbate kana ilaali. [Yohannis 17:17 dubbisi.] Kanaaf waaʼee Waaqayyoo dhugaasaa nutti himuu Macaafa Qulqulluu qofadha. Barruun kun, Waaqayyoon ilaalchisee sobawwan dubbataman shan saaxila.”

Dammaqaa! Caamsaa

“Namoonni haasofsiisne hundi jechuun ni dandaʼama, yeroo taʼe tokkotti dabni akka isaanirratti raawwatame dubbataniiru. Jalʼinni namootarratti raawwatamu furmaata argachuu dandaʼa jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Mee raajii bulchaa firdii qajeelaa kennu ilaalchisee dubbatame kana qalbeeffadhu. [Faarfannaa 72:11-14 dubbisi.] Barruun kun abdiiwwan Macaafa Qulqulluu yeroo dhihoo keessatti raawwataman ibsa.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi