Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
Gaaffileen kanaa gadi jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii torban Waxabajjii 29, 2015 jalqabutti kan irratti mariʼatamani dha. Tokkoon tokkoon qabxiiwwanii irratti guyyaan itti mariʼataman itti dabalameera; kun immoo torban torbaniin yeroo mana barumsichaatiif qophaaʼamutti qorannaa gochuuf gargaara.
Karaan Mikaal Daawitii wajjin itti haasofte dogoggora akkamii qaba? Hiriyoonni gaaʼelaa seenaa kana irraa barumsa akkamii argatu? (2 Sam. 6:20-23) [Cam. 11, w11 10/1 ful. 14 key. 1]
Naataan raajichi Daawit mana qulqullummaa akka ijaaru itti himuu isaatiin kan kaʼe, Yihowaan isa sirreessuu isaatti maaltu itti dhagaʼame? (2 Sam. 7:2, 3) [Cam. 11, w12 2/15 ful. 24 key. 6-7]
Naataan, Daawit cubbuu hojjechuu isaa iffatti itti dubbachuu dhiisee fakkeenya 2 Saamuʼel 12:1-7 irratti argamu kan itti hime maaliifi? Seenaan kun barsiisaa gaarii akka taanu nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? [Cam. 18, w12 2/15 ful. 24 key. 2-3]
Abiishaalom Israaʼeloota gowwomsuu kan dandaʼe akkamitti? Nutoo yeroo harʼaa namoota akka Abiishaalom irraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti? (2 Sam. 15:6) [Cam. 25, w12 7/15 ful. 13 key. 7]
Yihowaan Daawit yeroo gargaarsi cimaan isa barbaachisetti kan isa gargaare akkamitti? Nutoo kana irraa maal baranna? (2 Sam. 17:27-29) [Wax. 1, w08 9/15 ful. 6 key. 15-16]
Akkaataa Daawit nama ormaa Iitaayi jedhamu itti qabe irraa maal baranna? (2 Sam. 18:2) [Wax. 1, w09 5/15 ful. 27 key. 7]
Namoonni dulloomanii fi gumii keessa jiran fakkeenya Baarzilaayi irraa maal barachuu dandaʼu? (2 Sam. 19:33-35) [Wax. 8, w07 6/1 ful. 23 key. 13]
Yaanni Saamuʼel isa lammaffaa 22:26 irra jiru maal gochuuf nu kakaasa? [Wax. 15, w08 8/15 ful. 11 key.20]
Naataan Waaqayyoof amanamaa taʼuu isaan kan argisiise akkamitti? Nutoo kana irraa maal baranna? (1 Mot. 1:11-14) [Wax. 22, w12 2/15 ful. 25 key. 1, 4-5]
Tajaajilaan Yihowaa tokko, akkuma Solomoon godhe sababii akkam akkamii dhiheessuudhaan ajaja Waaqayyoo jalaa miliquuf yaaluu dandaʼa? (1 Mot. 3:1) [Wax. 29, w11 12/15 ful. 10 key. 12-14]