LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/15 ful. 3
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2015
Tajaajila Mootummaa—2015
km 10/15 ful. 3

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii

Gaaffileen kanaa gadi jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii torban Onkoloolessa 26, 2015 jalqabutti kan irratti mariʼatamani dha.

  1. Seenaan 2 Mootota 13:18, 19 irra jiru tajaajila Waaqayyoo irratti hinaaffaa qabaachuu fi garaa guutuu isa tajaajiluun barbaachisaa taʼuu isaa fakkeenyaan kan ibsu akkamitti? [Fulb. 7, w10 4/15 ful. 26 key. 11]

  2. Yeroo Yoonaas raajii taʼee tajaajilaa turetti Israaʼel irratti mootii taʼee bulchaa kan ture eenyu? Wanta 2 Mootota 14:23-25 irratti galmaaʼee jiru irraa kaʼuudhaan tajaajila Yoonaas ilaalchisee maal hubachuu dandeenya? [Fulb. 7, ia 125]

  3. Ahaaz wanta Yihowaan karaa Isaayaas raajichaa dubbatetti akka hin amanamne kan argisiise akkamitti? Nuti hoo yeroo murtoo barbaachisaa taʼe goonutti maal jennee of gaafachuu qabna? (2 Mot. 16:7) [Fulb. 14, w13 11/15 ful. 17 key. 5]

  4. Mormitoonni saba Waaqayyoo yeroo ammaa jiran mala Rabshaaqeen itti fayyadame isa kamitti fayyadamu? Amalli oduu sobaa mormitoonni odeessaniif iddoo akka hin kennine nu gargaaru isa kami? (2 Mot. 18:22, 25) [Fulb. 14, w10 7/15 ful. 13 key. 3-4]

  5. Deebii Yihowaan kadhannaa Hisqiyaasiif kenne irraa maal baranna? (2 Mot. 20:1-6) [Fulb. 21, w06 9/1 31-32]

  6. Mootonni lamaan 2 Mootota 25:27-30 irratti argaman dhugumaan akka turan arkiʼooloojiin kan mirkaneesse akkamitti? [Fulb. 28, w12-AM 6/1 ful. 5 key. 2-3]

  7. Yaabez kadhannaawwan akkamii sadii Yihowaatti dhiheesse? Kunoo kadhannaa ilaalchisee maal nu barsiisa? (1 Sen. 4:9, 10) [Onk. 5, w10-AM 10/1 ful. 23]

  8. Buʼaan waraana 1 Seenaa 5:18-22 irratti argamu irratti ibsame, waraana hafuuraa gochaa jirru irratti ija jabinaan hirmaachuu keenya itti fufuuf humna kan nuuf kennu akkamitti? [Onk. 12, w05-AM 10/1 ful. 9 key. 7]

  9. Daawit, qulqullina dhiigaa ilaalchisee seerri Yihowaa ergaa maalii akka dabarsu hubachuu fi eeguu kan dandaʼe akkamitti? Fakkeenyi Daawit maal gochuuf nu kakaasuu qaba? (1 Sen. 11:17-19) [Onk. 19, w12 11/15 ful. 6-7 key. 12-14]

  10. Faarfannaa ilaalchisee 1 Seenaa 15:16 irraa maal baranna? [Onk. 26, w10 12/15 ful. 21-24, key. 6, 17]

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi