LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp23 Lakk. 1 ful. 10-11
  • 3 | Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluurraa Fayyadami

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 3 | Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluurraa Fayyadami
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2023
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maal Jechuudha?
  • Fakkeenyi Isaanii kan Nu Gargaaru Akkamitti?
  • 2 | “Jajjabina Kitaabota Qulqulluu Keessaa Argamu”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2023
  • 4 | Kitaabni Qulqulluun Gorsa Gaarii Nuuf Kenna
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2023
  • Dhibee Fayyaa Akkan Qabu Yoon Beeke Maalan Godha? (Kutaa 3)
    Gaaffii Dargaggootaa
  • 1 | Kadhannaa—“Yaaddoo Keessan Hundumaa Isa Irratti Gataa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2023
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2023
wp23 Lakk. 1 ful. 10-11
Museen baayʼee dhiphatee gara samii ilaalaa yeroo kadhatu.

3 | Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluurraa Fayyadami

KITAABNI QULQULLUUN . . . Waaʼee namoota amanamoo “miira akka keenyaa” qabanii ni dubbata.—YAAQOOB 5:17.

Maal Jechuudha?

Kitaabni Qulqulluun seenaa namoota miira garaa garaa qabaniitiin kan guutamedha. Seenaa isaanii yeroo dubbisnu namoota miira akka keenyaa qaban argachuu dandeenya.

Fakkeenyi Isaanii kan Nu Gargaaru Akkamitti?

Hundi keenyayyuu warri kaan miira keenya akka nuuf hubatan barbaanna. Keessumaa yeroo dhibee sammuu wajjin walʼaansoo goonu, warri kaan akka nu hubatan barbaanna. Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbisnu namoonni tokko tokko miira akka keenyaa akka qaban hubachuu dandeenya taʼa. Warri kaanis akkuma keenya akka dhiphatan hubachuun keenya yeroo dhiphinni nutti dhagaʼamuu fi miirri keenya jeeqamu kophummaan akka nutti hin dhagaʼamne godha.

  • Kitaabni Qulqulluun yaada namoonni abdii kutatan dubbatan hedduu qabateera. ‘Kana caalaa hin dandaʼu’ jettee yaaddee beektaa? Museen, Eeliyaasii fi Daawit akkas isaanitti dhagaʼameera.—Lakkoofsa 11:14; 1 Mootota 19:4; Faarfannaa 55:4.

  • Kitaabni Qulqulluun dubartiin Haannaa jedhamtu dhala waan hin godhannee fi masaanuun ishii waan ishii aarsituuf ‘baayʼee akka gaddite’ dubbata.—1 Saamuʼel 1:6, 10.

  • Kitaabni Qulqulluun waaʼee nama Iyyoob jedhamuus ni dubbata. Iyyoob nama amantii qabu taʼus baayʼee dhiphachuu isaatiin kan kaʼe, “Ani jireenya koo baayʼeen jibbe” jedheera.—Iyyoob 7:16.

Namoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman kun yaada dogoggoraa dandamachuurratti milkaaʼina kan argatan akkamitti akka taʼe dubbisuun keenya dhiphina keenya dandamachuuf humna nu barbaachisu akka argannu nu gargaara.

Kitaabni Qulqulluun Keeviin kan Gargaare Akkamitti?

Dhiibbaa Dhibeen Baayipoolaar Disoordar Narraan Geessise

Keevin hiriyoota isaa lama wajjin buna dhugaa jira.

“Dhibeen baayipoolaar disoordar jedhamu kan na qabe umuriin koo waggaa 50 guutuuf yeroo jedhutti ture. Rakkina jireenya koo keessatti na mudatu kamiyyuu dandamachuu akkan dandaʼu yeroon itti natti dhagaʼamu jira. Yeroo kan biraatti garuu jiraachuun gatii akka hin qabne natti dhagaʼama.”

Kitaabni Qulqulluun kan Na Gargaare Akkamitti?

“Kitaaba Qulqulluu keessaa namni miira akka kootii qabu tokko Pheexiros ergamaadha. Pheexiros dogoggora gatii akka hin qabne akka isatti dhagaʼamu godhu raawwateera. Taʼus, miira akkasiitiin liqimfamuu mannaa michoota isaa isaaf yaadan wajjin taʼuuf carraaqqii godheera. Dhibee kootiin kan kaʼe yeroon jeeqamu, dogoggorrin raawwadhu abdii akkan kutadhuu fi gatii akkan hin qabne akka natti dhagaʼamu godha. Akkuma Pheexiros michoota koo warra abdii akkan hin kutanne na gargaaranitti dhihaachuuf carraaqqii gochuu akkan qabu baradheera.

“Namni seenaan isaa na jajjabeessu kan biraanimmoo Daawit Mootichadha. Daawit yeroo baayʼee haala keessa jiruun kan kaʼe baayʼee dhiphata ture, akkasumas dogoggora kanaan dura raawwateen kan kaʼe gaabbiin isatti dhagaʼama ture. Anis yeroo tokko tokko waanan booda itti gaabbu waanan raawwadhuuf ykn waanan dubbadhuuf miirri isaa naaf gala. Yaanni Daawit Faarfannaa 51 irratti barreesse baayʼee na jajjabeessa. Lakkoofsa 3 irratti, ‘Ani balleessaa koo akka gaariittan beeka, cubbuun koos yeroo hundumaa fuula koo dura jira’ jedheera. Kun miira yeroon baayʼee dhiphadhutti natti dhagaʼamu akka gaariitti ibsa; yeroo tokko tokko baayʼee dhiphachuu kootiin kan kaʼe waaʼee ofii kootii wanta gaarii yaaduun natti ulfaata. Yaanni Daawit lakkoofsa 10 irratti, ‘Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi, hafuura haaraa cimaa taʼes na keessa kaaʼi’ jechuudhaan dubbates miira koo akka gaariitti ibsa. Yihowaan ilaalchan ofiif qabu jijjiiruuf akka na gargaaru anis akkas jedheen kadhadha. Yaanni lakkoofsa 17 irra jirus baayʼee na jajjabeessa. ‘Yaa Waaqayyo, ati garaa cabee fi bullaaʼe hin tuffattu’ jedha. Caqasni kun Waaqayyo akka na jaallatu naaf mirkaneessa.

“Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu fi wanta Waaqayyo yeroo ammaatti naaf godherratti xiyyeeffachuun koo abdii koo gara fuulduraa naaf cimseera. Abdiin Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu naaf dhugoomeera; kunis rakkina koo dandamachuuf na gargaara.”

Gargaarsa Dabalataatiif:

Mata duree, “Dhiphina Sammuu Dandamachuu” jedhuu fi Dammaqaa! Amajjii 8, 2004 (Ingiliffa) irratti baʼe jw.org irraa dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi