LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w23 Guraandhala ful. 31
  • Jaalala Isaanitti Argisiisaniiru

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jaalala Isaanitti Argisiisaniiru
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Tuqaalee Jireenya koo Jijjiiran
    Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
  • Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Namoota Qaroo Dhabeeyyii Taʼaniif Lallabuu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Kadhannaan Dubartii Qaro Dhabeettii Tokkoo Deebii Argate
    Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
  • Namoonni Qaroo Dhabeeyyii Taʼan Waaʼee Yihowaa Akka Beekan Gargaaraa
    Tajaajila Mootummaa—2015
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
w23 Guraandhala ful. 31

[bitaadhaa gara mirgaa] Maarseeloo, Yomaaraa fi Iivar. Hundi isaaniiyyuu jildii bireelii Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Ispeen qabataniiru

Jaalala Isaanitti Argisiisaniiru

YOMAARAAN, akkasumas obbolaan ishii lamaan Maarseeloo fi Iivar Guwaatimaalaatti mandara xinnoo tokko keessa jiraatu. Yomaaraan Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabde; yeroo boodas obbolaan ishii qoʼachuu jalqaban. Garuu rakkinni tokko jira ture. Sadan isaaniiyyuu qaro dhabeeyyiidha, bireelii dubbisuus hin dandaʼan turan. Kanaafuu, obboleessi isaan qoʼachiisu barreeffamichas taʼe caqasoota Kitaaba qulqulluu isaaniif dubbisa ture.

Walgaʼiirratti argamuunis isaaniif salphaa hin turre. Kophaa isaanii daqiiqaa 40f deemanii gara Galma Walgaʼii isaanitti dhihoo jiruu dhufuu hin dandaʼan. Taʼus, obboloonni gumii keessa jiran walgaʼiiwwan hundarratti akka argaman isaan gargaaruuf haala mijeessan. Obbolaan kun walgaʼiirratti kutaa dhiheessuu yeroo jalqabanis wanta dhiheessan akka yaadatan isaan gargaaru turan.

Caamsaa 2019​tti walgaʼiin gumii mandara isaanii keessatti geggeeffamuu jalqabe. Yeroo sanatti, hiriyoonni gaaʼelaa qajeelchitoota taʼan mandara sanatti galanii turan. Hiriyoonni gaaʼelaa kun bireeliin kan dubbifamu akkamitti akka taʼe ofii isaaniitii beekuu baatanis obbolaa sadan kana bireelii dubbisuu fi barreessuu barsiisuuf galma baafatanii turan. Isaanis gara mana kitaabaa tokkoo dhaqanii kitaabota akkaataa itti fayyadama bireelii barsiisuuf gargaaran argatan.

Maarseeloon walgaʼiirratti yaada kennaa jira

Obbolaan kunis jiʼoota muraasa keessatti bireelii akka gaariitti dubbisuu dandaʼan; kunimmoo guddina hafuuraa dabalataa gochuuf isaan gargaare. Yeroo ammaatti Yomaaraan, Maarseeloo fi Iivar qajeelchitoota yeroo hundaa taʼanii tajaajilaa jiru. Maarseeloon tajaajilaa gumii taʼeera. Torban guutuu sochii hafuuraarratti dabarsu. Hinaaffaan isaanii warra kaanittiyyuu kan darbudha.

Obbolaan sadan kun deggersa gumichi jaalalaan kakaʼee isaaniif godheef baayʼee galateeffatu. Yomaaraan, “Obboloonni kun guyyaa jalqaba itti isaan argannee kaasee jaalala Kiristiyaanaa nutti argisiisaniiru” jetteetti. Maarseeloonimmoo, “Gumii keenya keessatti michoota gaggaarii qabna; akkasumas kutaa obboloota addunyaa maraa jaalalaan tokko taʼanii taanerra” jedheera. Yomaaraa fi obbolaan ishii guyyaa lafti jannata taatee itti argan hawwiidhaan eeggatu.—Far. 37:10, 11; Isa. 35:5.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi