Miirri nutti dhagaʼamu yeroo hunda qajeelfama amansiisaa taʼuu dandaʼaa?
Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe: Qajeelfama Namoonni Baayʼeen Hordofan
Namoonni hundi jechuun ni dandaʼamaa gochi tokko tokko sirrii akka taʼee fi gochi tokko tokkommoo guutummaatti dogoggora akka taʼe irratti walii galu. Fakkeenyaaf, namoonni baayʼeen ajjeechaa, dirqisiisanii gudeeduu fi ijoolleerratti miidhaa saalaa geessisuu cimsanii balaaleffatu; namoota haqa, gaarummaa fi gara laafina argisiisanimmoo baayʼee leellisu. Karaa kan biraatiinimmoo, namoonni baayʼeen nama saalqunnamtii wajjin raawwatan filachuu, dhugaasaa dubbachuu fi dhiisuu, akkasumas akkaataa ijoollee itti guddisanii wajjin haala wal qabateen murtoon godhamu kamiyyuu sirrii ykn dogoggora jedhamuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama. Filannaan gama kanaan godhamu kamiyyuu fudhatama akka qabutti yaadu. Yeroo baayʼee murtoo kan godhan dhimmicha ilaalchisee miira ofiisaanii fi namoota naannoosaanii jiranitti dhagaʼamurratti hundaaʼaniiti. Garuu filannaan akkasii yeroo hunda amansiisaa taʼuu dandaʼaa?
MIIRA NUTTI DHAGAʼAMU
Yeroo baayʼee murtoo kan goonu wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee miira nutti dhagaʼamurratti hundoofneeti; miirri kunis isa qalbii jedhamee waamamudha. (Roomaa 2:14, 15) Ijoollee xixinnoonillee garaagarummaa wanta sirrii taʼee fi wanta sirrii hin taane gidduu jiru hubachuu ni dandaʼu; yeroo dogoggora raawwatanitti miirri balleessaa kan isaanitti dhagaʼamu kanaafi. Yeroodhaa gara yerootti qalbiin keenya wanta maatii, hiriyoota, barsiisota, hawaasa, amantaa fi aadaa keenyarraa barannuun leenjiʼaa deema. Murtoo tokko yeroo goonu qalbiin keenya filannoon goone wanta barannee wajjin kan walsimu taʼuu fi dhiisuusaa nutti hima.
Miirri wanta sirrii fi dogoggora taʼerratti qabnu warra kaaniif gadduuf, akkasumas galateeffannaa, haqaa fi gara laafina argisiisuuf nu kakaasuu dandaʼa. Kana malees, wanta namoota jaallannu miidhu, qaanii nutti fiduu fi miirri balleessaa akka nutti dhagaʼamu godhu raawwachuurraa of qusachuuf nu kakaasa.
Miirri nutti dhagaʼamu yeroo hunda qajeelfama amansiisaa taʼuu dandaʼaa? Dargaggeessi Gaarik jedhamu akkaataa jireenyaa filate ilaalchisee, “Wantan barbaade gochuu akkan dandaʼu natti dhagaʼama ture” jedheera. Haa taʼu malee, wanta sirrii akka taʼe isatti dhagaʼamu raawwachuunsaa buʼaa gaarii akka hin argamsiisne hubateera. Halalummaa raawwachaa, qoricha sammuu hadoochu fudhachaa, machaaʼaa fi yakka hedduu raawwachaa waan tureef, jireenya gammachuu hin qabne jiraachaa akka ture dubbateera.
MIIRA WARRA KAANITTI DHAGAʼAMU
Miira nutti dhagaʼamuun alattis yeroo baayʼee ilaalchi namoonni murtoo keenyaaf qaban dhiibbaa guddaa nurratti godha. Kun muuxannoo fi ogummaa isaaniirra barachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Wanta maatiin, michoonnii fi hawaasni keenya sirrii akka taʼetti yaadan yeroo goonu isaan biratti kabaja arganna.
Miirri warra kaanitti dhagaʼamu yeroo hunda qajeelfama amansiisaa taʼuu dandaʼaa? Shamarreen Piriisilaa jedhamtu akkuma hiriyoota ishii kaanii utuu hin heerumin saalqunnamtii raawwatte. Haa taʼu malee, wanta namoonni sirrii akka taʼetti yaadan raawwachuun gammachuu akka ishiif hin argamsiisne hubatteetti. Akkana jetteetti: “Wanta namni hundi godhu gochuun koo miirri gaariin akka natti dhagaʼamu hin goone. Gocha gowwummaa balaa qabu raawwachuutti na geesseera.”
KARAAN KANARRA WAYYU JIRAA?
Wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee murtoo goonurratti miirri nutti dhagaʼamus taʼe miirri warra kaanitti dhagaʼamu gaʼee guddaa qaba. Kun qofti garuu yeroo hunda buʼaa gaarii hin argamsiisu. Buʼaa filannaan keenya argamsiisu hubachuu dhiisuun keenya nurrattis taʼe warra kaanirratti miidhaa fiduu dandaʼa. (Fakkeenya 14:12) Wanti nutis taane namoonni naannoo keenya jiran sirrii akka taʼetti yaadan hordofuun buʼaa gaarii argamsiisuu dhiisuu dandaʼa; ilaalchi namootaa jijjiiramuu dandaʼa. Amaloonni kanaan dura dogoggora akka taʼanitti ilaalamaa turan tokko tokko iddoo baayʼeetti fudhatama argataniiru, amaloonni kanaan dura fudhatama akka qabanitti yaadamaa turanimmoo dogoggora akka taʼanitti ilaalamu.
Warra kaan hordofuun yeroo hunda amansiisaadhaa?
Wanta sirrii fi dogoggora taʼe adda baafachuuf qajeelfamni kanarra wayyu jiraa? Ulaagaan naamusaa yeroo harʼaatti hordofuu dandeenyuu fi waggoota hedduu boodas nu hin gaabbisiisne jiraa?
Kan nama gammachiisu, maddi namoonni eessayyuu jiran qajeelfama naamusaa amansiisaa taʼe irraa argachuu dandaʼan tokko jira. Mata dureen itti aanu qajeelfama amansiisaa wanta sirrii fi dogoggora taʼe adda baafachuuf nu gargaaru eessaa argachuu akka dandeenyu ibsa.