Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe: Kitaabni Qulqulluun Qajeelfama Amansiisaa Kenna
Filannoon gama naamusaatiin goonu miira nutti ykn namoota kaanitti dhagaʼamurratti qofa kan hundaaʼu yoo taʼe buʼaa gaarii arganna jennee mirkanaaʼoo taanee eeguu hin dandeenyu. Kitaabni Qulqulluun sababii isaa nutti hima. Kana malees, qajeelfama naamusaa amansiisaa, jireenya gammachiisaa taʼee fi milkaaʼina qabu jiraachuuf nu dandeessisu qabateera.
QAJEELFAMA NU BARBAACHISU
Waaqni keenya Yihowaana ilmaan namootaa qajeelfama argachuuf ofitti utuu hin taʼin isatti akka amanaman Kitaaba Qulqulluu keessatti ibseera. (Ermiyaas 10:23) Qajeelfama naamusaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu kan nuuf qopheesse kanaafi. Ilmaan namootaa waan jaallatuuf murtoo dogoggoraa rakkina nurraan geessisuu fi jireenyi keenya ulfaataa akka taʼu godhurraa nu eeguu barbaada. (Keessa Deebii 5:29; 1 Yohaannis 4:8) Kana malees, inni Uumaa keenya waan taʼeef ogummaa fi beekumsa gorsa naamusaa hundarra caalu nuu kennuuf isa dandeessisu qaba. (Faarfannaa 100:3; 104:24) Taʼus, Waaqayyo ulaagaalee isaatiin akka jiraatan namoota hin dirqisiisu.
Yihowaan namoota jalqabaa kan taʼan Addaamii fi Hewaaniif wanta gammachuu dhugaa qabaachuuf isaan barbaachisu hunda isaaniif kennee ture. (Uumama 1:28, 29; 2:8, 15) Qajeelfamoota salphaa taʼanis isaaniif kennee ture. Qajeelfamoota kana akka hordofan kan isaanirraa eegu taʼus, hordofuu fi dhiisuu ilaalchisee filannaa akka godhan isaaniif heyyamee ture. (Uumama 2:9, 16, 17) Kan nama gaddisiisu, Addaamii fi Hewaan ulaagaalee Waaqayyo baase hordofuu mannaa, ulaagaa mataasaaniitiin jiraachuu filataniiru. (Uumama 3:6) Buʼaansaa maal taʼe? Ilmaan namootaa wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee ofiin murtoo gochuunsaanii buʼaa gaarii argamsiiseeraa? Lakki. Seenaan ilmaan namootaa ulaagaalee Waaqayyo baase dagachuun nagaa fi gammachuu akka hin argamsiise mirkaneesseera.—Lallaba 8:9.
Kitaabni Qulqulluun qajeelfama murtoo gaarii gochuuf nu gargaaru qabateera; qajeelfamni kun namoota hundaaf kan hojjetudha. (2 Ximotewos 3:16, 17; saanduqa, “Kitaaba Namoota Hundaaf Taʼu” jedhu ilaali.) Mee haa ilaallu.
Kitaabni Qulqulluun “dubbii Waaqayyoo” jedhamuunsaa sirrii kan taʼe maaliif akka taʼe caalaatti baradhu.—1 Tasalonqee 2:13. Viidiyoo, Kitaaba Qulqulluu kan Barreessise Eenyu Dha? jedhamu jw.org irraa ilaali.
KITAABNI QULQULLUUN QAJEELFAMA WAAQAYYOO IBSA
Kitaabni Qulqulluun hariiroo Waaqayyo ilmaan namootaa wajjin qabu jalqabaa kaasee nutti hima. Kitaabicha yeroo dubbisnu wanti Waaqayyo sirrii fi dogoggora akka taʼetti, akkasumas wanta fayyaduu fi miidhu akka taʼetti ilaalu maalfaa akka taʼan hubanna. (Faarfannaa 19:7, 11) Barumsi irraa barannu yeroo hundumaa sirrii waan taʼeef, jireenya keenya keessatti gama naamusaatiin filannaa gaarii gochuuf nu gargaara.
Fakkeenyaaf, Fakkeenya 13:20 irratti gorsi, “Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa, namni gowwootaa wajjin walitti dhufeenya qabu garuu rakkina irra buʼa” jedhu nuuf kennameera. Qajeelfamni kun akkuma bara durii yeroo harʼaattis ni hojjeta. Kitaabni Qulqulluun qajeelfamoota faayidaa qaban akkasiitiin kan guutamedha.—Saanduqa, “Ogummaa Kitaaba Qulqulluu Yeroon Itti hin Dabarre” jedhu ilaali.
Haa taʼu malee tarii, ‘Ulaagaan naamusaa Kitaaba Qulqulluu bara keenyaaf akka taʼu mirkanaaʼaa taʼuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jettee yaadda taʼa. Mata dureen ittaanu seenaa dhugaa muraasa qabateera.
a Yihowaan maqaa Waaqayyo qofti ittiin waamamudha.—Faarfannaa 83:18.