LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp24 Lakk. 1 ful. 14-15
  • Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe: Filannaa Gochuu Qabdu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe: Filannaa Gochuu Qabdu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2024
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qajeelfamni Kitaabni Qulqulluun Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe Ilaalchisee Kennu Bara Keenyattis ni Hojjetaa?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Sabni Yihowaa Qajeelummaa ni Jaallatu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe: Kitaabni Qulqulluun Qajeelfama Amansiisaa Kenna
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2024
  • Ulaagaa Yihowaan Naamusaaf Baase Eegaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2024
wp24 Lakk. 1 ful. 14-15
Dargaggeessi mata dureewwan darbanirratti mu⁠⁠l⁠ʼate erga fiixee gaarichaa g⁠a⁠ʼee booda karaa irra deemee dhufe gammachuudhaan ilaalaa jira.

Wanta Sirrii fi Dogoggora Taʼe: Filannaa Gochuu Qabdu

Ulaagaaleen naamusaa hordofuuf filannu jireenya keenyarratti dhiibbaa guddaa godhu. Waaqni keenya Yihowaan kana beeka. Ulaagaaleesaa akka eegnu kan barbaadu kanaafi.

Yihowaan jireenya nagaa fi gammachuu qabu akka jiraannu barbaada.

“Ani Waaqa kee Yihowaa isa wanta si fayyadu si barsiisu, karaa irra deemuu qabdu irras si geggeessu dha. Ajajawwan koo xiyyeeffannaadhaan utuu dhageesseetta taʼee akkam gaarii ture! Silaa nagaan kee akkuma lagaa, qajeelummaan kees akkuma dambalii galaanaa ni taʼa.”—Isaayyaas 48:17, 18.

Waaqayyo Uumaa keenya waan taʼeef, karaa gaarii ittiin jiraachuu qabnu beeka. Ulaagaaleesaa akka hordofnu kan nu jajjabeessu akka nu fayyadan waan beekuufi. Ajajawwan Waaqayyoo yoo hordofne filannaan keenya buʼaa gaarii akka argamsiisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Akkas yoo goone yeroo hundumaa filannaa sirrii, nagaa fi gammachuu argamsiisu goona.

Yihowaan wanta humna keenyaa ol taʼe nurraa hin eegu.

“Ajajni ani harʼa si ajaju kun siif baayʼee ulfaataa miti; si irraas fagoo miti.”—Keessa Deebii 30:11.

Ulaagaalee Naamusaa Waaqayyootiin jiraachuun yaadaa fi gocha keenyarratti jijjiirama gochuu gaafata. Haa taʼu malee, Waaqayyo wanta humna keenyaa ol taʼe nu hin gaafatu. Uumaa keenya waan taʼeef humna keenya beeka. Yihowaa yeroo beeknu ‘ajajawwan isaa baʼaa ulfaatoo akka hin taane’ ni hubanna.—1 Yohaannis 5:3.

Dhugaa Baatonni Yihowaa lama kitaaba “Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!” jedhamutti fayyadamanii dubartii takka Kitaaba Qulqulluu q⁠o⁠ʼachiisaa jiru.

Yihowaan namoota ulaagaalee inni baaseen jiraachuuf filatan gargaaruuf waadaa galeera.

“Ani Waaqni kee Yihowaan, isa harka kee mirgaa qabee, ‘Hin sodaatin. Ani sin gargaara’ siin jedhu sana dha.”—Isaayyaas 41:13.

Waaqayyo waan nu gargaaruuf ulaagaalee naamusaa inni baase eegnee jiraachuu ni dandeenya. Nu gargaaruuf Dubbiisaa Kitaaba Qulqulluutti fayyadama; Kitaabni Qulqulluun jajjabinaa fi abdii nuuf kenna.

Addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu hordofuunsaanii jireenyasaanii akka isaaniif fooyyesse hubataniiru. Atis gorsa gaarii Kitaabni Qulqulluu kennu akka barattu si jajjabeessina. Birooshura Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼee fi Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu dubbisuudhaan jalqabuu dandeessa; birooshuricha jw.org irraa kaffaltii malee argatta. Barumsawwan kana qabateera:

  • Kitaabni Qulqulluun Si Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?

  • Kitaabni Qulqulluun Abdii Kenna

  • Wanta Kitaabni Qulqulluun Jedhutti Amanuu ni Dandeessaa?

Dubbii Waaqayyoo kan taʼe Kitaaba Qulqulluu yeroo qortu wanti inni dubbatu yeroon kan itti hin dabarree fi “ammas taʼe bara baraaf yeroo hundumaa [amansiisaa]” akka taʼe hubatta. (Faarfannaa 111:8) Ulaagaalee naamusaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman hordofuun akkaataa jireenyaa hundarra caaludha. Haa taʼu malee, Waaqayyo akkas akka goonu nu hin dirqisiisu. (Keessa Deebii 30:19, 20; Iyyaasuu 24:15) Kun filannaa tokkoon tokkoon keenyaati.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi