LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w24 Adoolessa ful. 2-7
  • Akkuma Saadoq Ija Jabeeyyii Taʼaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Akkuma Saadoq Ija Jabeeyyii Taʼaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • MOOTUMMAA WAAQAYYOO DEEGGARI
  • OBBOLOOTA KEE GARGAARI
  • YIHOWAADHAAF AMANAMAA TAʼII ITTI FUFI
  • Yihowaan “Waaqa Jiraataa” Akka Taʼe Yaadadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Dubbii Namoonni Amanamoon Dhumarratti Dubbatanirraa Maal Baranna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Wanti Ati hin Beekne Akka Jiru Gad Of Qabuudhaan Amanii Fudhadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
w24 Adoolessa ful. 2-7

MATA DUREE QOʼANNAA 27

FAARFANNAA 73 Sodaa Keenya Nuu Balleessi

Akkuma Saadoq Ija Jabeeyyii Taʼaa

‘Saadoq dargaggeessa jabaa fi onnataa ture.’ —1 SEN. 12:28.

YAADA IJOO

Fakkeenyi Saadoq ija jabeeyyii taʼuuf kan nu gargaaru akkamitti?

1-2. Saadoq eenyu? (1 Seenaa Baraa 12:22, 26-28)

MEE haala armaan gadii yaadaan ilaali. Namoonni 340,000 ol taʼan guutummaa Israaʼelirratti Daawitiin mootii godhanii muuduuf walitti qabamaniiru. Namoonni kun guyyaa sadiif tabbawwan qarsaadhaan guutamanii fi Kebroonitti dhihoo jiran keessa turaniiru; achittis kolfaa, taphachaa fi gammachuudhaan Yihowaa jajachaa turan. (1 Sen. 12:39) Dargaggeessi Saadoq jedhamus isaan wajjin ture; namoonni baayʼeen jiraachuusaallee waan hubatan hin fakkaatu. Yihowaan garuu hubateera, akka inni achi ture akka beeknus ni barbaada. (1 Seenaa Baraa 12:22, 26-28 dubbisi.) Saadoq eenyu?

2 Saadoq luba taʼee Abiyaataar isa Luba Olaanaa taʼe wajjin hojjechaa ture. Saadoq nama mulʼata arguu fi fedhii Yihowaa hubachuu dandaʼu, akkasumas nama hubannaa adda taʼe qabudha. (2 Sam. 15:27) Namoonni gorsa gaarii yeroo barbaadan isa gaafatu turan. Saadoq nama ija jabeessa ture. Mata duree kana keessatti amalasaa kanarratti xiyyeeffanna.

3. (a) Tajaajiltoonni Yihowaa ija jabeeyyii taʼuun kan isaan barbaachisu maaliifi? (b) Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

3 Guyyoota dhumaa kanatti Seexanni haleellaa saba Waaqayyoorratti geessisu caalaatti finiinsaa jira. (1 Phe. 5:8) Kanaafuu, guyyaa Yihowaan Seexanaa fi sirna hamaa kana itti balleessu yeroo eeggannutti ija jabeeyyii taʼuu qabna. (Far. 31:24) Mee karaawwan fakkeenya Saadoq hordofuudhaan ija jabeeyyii taʼuu itti dandeenyu sadi haa ilaallu.

MOOTUMMAA WAAQAYYOO DEEGGARI

4. Sabni Yihowaa Mootummaa Waaqayyoo deggaruuf ija jabinni kan isaan barbaachisu maaliifi? (Fakkichas ilaali.)

4 Saba Yihowaa waan taaneef garaa guutuudhaan Mootummaa Waaqayyoo ni deeggarra; taʼus akkas gochuuf yeroo baayʼee ija jabinni nu barbaachisa. (Mat. 6:33) Fakkeenyaaf, addunyaa hamaa kana keessatti ulaagaalee Yihowaa hordofnee jiraachuu fi misiraachoo Mootummichaa lallabuuf ija jabinni nu barbaachisa. (1 Tas. 2:2) Sirna caalaatti qoqqoodamaa deemu kana keessatti dhimmoota siyaasaarraa walaba taʼanii jiraachuunis ija jabina gaafata. (Yoh. 18:36) Tajaajiltoonni Yihowaa hedduun siyaasarratti ykn waraanarratti hirmaachuu waan didaniif rakkinni maallaqaa isaan mudateera, miidhaan qaamaa isaanirra gaʼeera, akkasumas hidhamaniiru.

Obboleessi tokko saʼaatii boqonnaasaatti namoota isa faana hojjetan lama wajjin yeroo dabarsaa jira; lamaansaaniiyyuu ilaalchasaanii cimsanii ibsaa jiru. Namichi inni tokko harkasaa gara televizyiniitti qabee jira; televizyiniirraa sagaleen kaadhimamtoonni siyaasaa lama argatan ni mulʼata.

Namoonni garee siyaasaa tokko yeroo deeggaran maal goota? (Keeyyata 4 ilaali)


5. Saadoq Daawitiin deeggaruuf ija jabinni kan isa barbaachise maaliifi?

5 Saadoq gara Kebroon kan deeme sirna Daawitiin muuduuf geggeeffamurratti argamuuf qofa hin turre. Garas kan deeme meeshaa waraanaa hidhatee lolaaf qophaaʼaa taʼeeti. (1 Sen. 12:38) Daawit wajjin gara dirree waraanaa deemuu fi Israaʼeliin diinarraa eeguuf fedhii qaba ture. Saadoq waraanarratti muuxannoo qabaachuu baatus ija jabeessa ture.

6. Daawit ija jabeessa taʼuudhaan Saadoqiif fakkeenya gaarii kan taʼe akkamitti? (Faarfannaa 138:3)

6 Saadoq inni luba taʼe ija jabina eenyurraa barate? Namoota ciccimoo fi ija jabeeyyii taʼaniin marfamee jiraata ture. Fakkeenyisaanii akka isa fayyade ifadha. Fakkeenyaaf, Daawit ija jabinaan ‘Israaʼeliin duula irratti geggeessuun isaa’ Israaʼelonni hundi garaa guutuudhaan isa deeggaruuf isaan kakaaseera. (1 Sen. 11:1, 2) Daawit yeroo diinotasaa lolu hundumaatti Yihowaan akka isa gargaaru ni kadhata ture. (Far. 28:7; Faarfannaa 138:3 dubbisi.) Saadoq namoota ija jabeeyyii kanneen akka Yehoyaadaa fi ilmasaa Benaayaa, akkasumas ajajjoota gosootaa 22n warra Daawitiin deeggaranirraas barateera. (1 Sen. 11:22-25; 12:26-28) Namoonni kun hundi Daawit mootii akka taʼuuf kutannoodhaan tarkaanfii fudhataniiru.

7. (a) Bara keenyatti namoonni ija jabina argisiisuudhaan fakkeenya nuuf taʼan eenyufaʼi? (b) Viidiyicharratti akka ibsametti fakkeenya obboleessa keenya Nisluurraa maal baratte?

7 Warri kaan bulchiinsa Yihowaa kan deeggaran akkamitti akka taʼe yaaduun keenya ciminaa fi ija jabina nuuf argamsiisa. Mootiin keenya Kiristoos Yesuus sirna siyaasaa addunyaa Seexanaa keessa akka galuuf dhiibbaa isarratti godhame dandamateera. (Mat. 4:8-11; Yoh. 6:14, 15) Cimina argachuuf yeroo hunda Yihowaatti amanama ture. Bara keenyattis dargaggoonni waraanarratti hirmaachuu fi siyaasa keessa galuu diduudhaan fakkeenya nuuf taʼan hedduun jiru. Muuxannoo isaanii jw.org irraa maaliif hin ilaaltu?a

OBBOLOOTA KEE GARGAARI

8. Jaarsoliin obboloota isaaniitiif gargaarsa qabatamaa gochuuf ija jabinni kan isaan barbaachisu yoom taʼuu dandaʼa?

8 Sabni Yihowaa wal gargaaruun isaan gammachiisa. (2 Qor. 8:4) Yeroo tokko tokko garuu akkas gochuun ija jabina gaafata. Fakkeenyaaf, yeroo waraanni kaʼu jaarsoliin obboloonnisaanii jajjabinnii fi deeggarsi, akkasumas karaa hafuuraa fi karaa qaamaa gargaarsi akka isaan barbaachisu ni hubatu. Jaarsoliin jaalala hoolota Yihowaatiif qabaniin kakaʼanii nageenya ofiisaanii balaadhaaf saaxiluudhaan gargaarsa isaan barbaachisu isaaniif godhu. (Yoh. 15:12, 13) Karaa kanaan ija jabina argisiisuudhaan fakkeenya Saadoq hordofu.

9. Akka 2 Saamuʼel 15:27-29 irratti ibsametti Daawit Saadoqiif qajeelfama akkamii kenne? (Fakkichas ilaali.)

9 Daawit lubbuunsaa balaadhaaf saaxilamee ture. Ilmisaa Abishaalom mootummaasaa isa harkaa fudhachuuf kutatee ture. (2 Sam. 15:12, 13) Kanaafuu, Daawit dafee Yerusaalem keessaa baʼuu qaba ture! Tajaajiltootasaa waamee, “Tokkoon keenya illee Abishaalom jalaa miliquu waan hin dandeenyeef, kaʼaa, haa baqannu!” isaaniin jedhe. (2 Sam. 15:14) Daawit tajaajiltoonnisaa utuma deemaa jiranii namni achitti hafee waaʼee karoora Abishaalom odeeffannoo isaaf kennu akka barbaachisu hubate. Kanaafuu, Saadoqii fi luboonni kan biroon basaastota akka taʼaniif magaalattiitti akka deebiʼan isaan erge. (2 Saamuʼel 15:27-29 dubbisi.) Namoonni kun baayʼee of eeggachuu qabu turan. Wanti Daawit isaan ajaje lubbuusaanii balaadhaaf kan saaxilu ture. Abishaalom inni nama hamaa, ofittoo fi gantuu taʼe Saadoqii fi luboonni kan biroon Daawitiin eeguuf isa basaasaa akka jiran yoo beeke tarkaanfii akkamii akka isaanirratti fudhatu tilmaamuu dandeessa.

Daawit Mooticha utuu tajaajiltoonnisaa Yerusaalem keessaa baʼaa jiranii Saadoqiin haasofsiisaa jira.

Daawit Saadoqiif hojii balaadhaaf nama saaxilu kenneera (Keeyyata 9 ilaali)


10. Saadoqii fi namoonni isa wajjin turan Daawitiif eegumsa kan godhan akkamitti?

10 Daawit, Saadoqii fi michuusaa amanamaa kan taʼe Hushaay karoora tokko qopheessan. (2 Sam. 15:32-37) Hushaay Abishaalomiin waan deeggaru fakkaatee akkamitti Daawitirratti haleellaa akka banu gorsa isaaf kenne; kunis Daawit haleellaadhaaf qophaaʼuuf yeroo akka argatu godheera. Achiis Hushaay waaʼee karoora kanaa Saadoqii fi Abiyaataaritti hime. (2 Sam. 17:8-16) Isaanis Daawit waaʼee kanaa akka dhagaʼu godhan. (2 Sam. 17:17) Saadoqii fi luboonni isa wajjin turan gargaarsa Yihowaatiin Daawitiin eeguurratti gumaacha guddaa godhaniiru.—2 Sam. 17:21, 22.

11. Obboloota keenya yeroo gargaarru ija jabeeyyii taʼuudhaan fakkeenya Saadoq hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Haala balaadhaaf nama saaxilu keessatti obboloota keenya akka gargaarru yoo gaafatamne akkuma Saadoq ija jabeeyyii taʼuu kan dandeenyu akkamitti? (1) Qajeelfama hordofi. Haala akkasii keessatti tokkummaa qabaachuun keenya barbaachisaadha. Qajeelfama waajjirri damee kennu hordofi. (Ibr. 13:17) Jaarsoliin yeroo hunda balaadhaaf qophaaʼuu fi yeroo balaatti wanta gochuu qaban ilaalchisee qajeelfamoota kennaman irra deebiʼanii ilaaluu qabu. (1 Qor. 14:33, 40) (2) Ija jabeessa, garuummoo of eeggataa taʼi. (Fak. 22:3) Tarkaanfii fudhachuu kee dura irratti yaadi. Utuu hin barbaachisin wanta balaadhaaf si saaxilu hin godhin. (3) Yihowaatti amanami. Yihowaan nageenyi kees taʼe kan obboloota keetii akka isa yaaddessu yaadadhu. Utuu balaadhaaf of hin saaxilin obboloota kee akka gargaartu si gargaaruu dandaʼa.

12-13. Muuxannoo Viiktarii fi Vitaaliirraa maal baratte? (Fakkichas ilaali.)

12 Mee muuxannoo Viiktarii fi Vitaalii haa ilaallu; obboloonni kun Yuukreen keessatti obboloonnisaanii nyaataa fi bishaan akka argatan gargaaraa turan. Viiktar akkana jedheera: “Nyaata argachuuf bakki nuti hin seenne hin jiru. Yeroo baayʼee naannoo keenyatti dhukaasa ni dhageenya. Obboleessi tokko mana kuusaa isaa keessaa wanta nyaatamu buusii godheera. Buusiin kun babalʼistoonni hedduun yeroo muraasaaf nyaata isaan barbaachisu akka qabaatan godheera. Konkolaataa feʼumsaarratti miʼa feʼaa utuu jirruu rookkeetiin tokko nurraa gara meetira 20 fagaatee buʼe. Guyyaa sana guutuu ija jabina babalʼistoota sana gargaaruu koo itti fufuuf na barbaachisu akka naaf kennu Yihowaa kadhachaan ture.”

13 Vitaaliin akkana jedheera: “Ija jabinni guddaan nu barbaachisee ture. Imalli koo jalqabaa saʼaatii 12 fudhateera. Karaarratti Yihowaa kadhachaan ture.” Vitaaliin ija jabeessa taʼus of eeggataadha. Itti fufuudhaan akkana jedheera: “Yihowaan ogummaa akka naaf kennuu fi humna koo beekuuf akka na gargaaru kadhachuu koo ittan fufe. Karaa abbootiin taayitaa heyyaman qofarran oofa ture. Obboloonnii fi obboleettonni yeroo waliin hojjetan arguun koo na fayyadeera. Daandii qulqulleessaniiru, nyaata, uffataa fi wantoota barbaachisoo taʼan kan biroo walitti qabanii konkolaataarratti feʼaniiru, akkasumas nyaataa fi imala keenyarratti bakka boqonnu nuuf qopheessaniiru.”

Obboloonni lama naannoo waraanni jiru keessa konkolaataa feʼumsaa oofaa jiru. Duubasaaniitiin jijjigaan, aarrii fi ibiddi ni mulʼata.

Haala balaadhaaf nama saaxilu keessatti obboloota kee yeroo gargaartu ija jabeessa, garuummoo of eeggataa taʼi (Keeyyata 12-13 ilaali)


YIHOWAADHAAF AMANAMAA TAʼII ITTI FUFI

14. Namni jaallannu tokko Yihowaa dhiisuunsaa dhiibbaa akkamii nurratti gochuu dandaʼa?

14 Miseensi maatii keenya ykn michuun itti dhihaannu tokko Yihowaa yeroo dhiisu baayʼee gadduu dandeenya. (Far. 78:40; Fak. 24:10) Nama sana baayʼee jaallanna yoo taʼemmoo kana amannee fudhachuun caalaatti nutti ulfaachuu dandaʼa. Haalli dhiphisaan akkasii si mudateera taanaan amanamummaa Saadoq argisiiserraa jabina argachuu dandeessa.

15. Saadoq Yihowaadhaaf amanamaa taʼee itti fufuuf ija jabinni kan isa barbaachise maaliifi? (1 Mootota 1:5-8)

15 Saadoq michuunsaa Abiyaataar inni baayʼee isatti dhihaatu amanamaa taʼuu dhiisuuf yeroo filatetti Yihowaadhaaf amanamaa taʼee itti fufeera. Kun kan taʼe dhuma bulchiinsa Daawititti ture. Daawit dulloomee yeroo duʼuuf jedhutti ilmisaa Adoniyaan teessoo mootummaa Yihowaan Solomooniif kennuuf waadaa gale fudhachuuf yaale. (1 Sen. 22:9, 10) Abiyaataar Adoniyaa deeggaruuf filate. (1 Mootota 1:5-8 dubbisi.) Kana gochuudhaan Daawitiif qofa utuu hin taʼin Yihowaadhaafis amanamaa utuu hin taʼin hafeera. Yeroo kanatti Saadoq hammam akka gadde tilmaamuu dandeessaa? Waggaa 40 oliif Abiyaataar wajjin luba taʼee tajaajileera. (2 Sam. 8:17) Waliin taʼanii ‘Taabota Waaqa dhugaatiif’ kunuunsa godhaniiru. (2 Sam. 15:29) Jalqabarratti lamaan isaaniiyyuu Daawit mootii akka taʼu deeggarsa godhaniiru; tajaajila Yihowaa keessattis wantoota hedduu raawwataniiru.—2 Sam. 19:11-14.

16. Saadoq Yihowaadhaaf amanamaa taʼee akka itti fufu wanti isa gargaare maal taʼuu dandaʼa?

16 Abiyaataar amanamaa taʼuu dhiisuuf kan filate taʼus Saadoq Yihowaadhaaf amanamaa taʼee itti fufeera. Daawit amanamummaa Saadoq shakkee hin beeku. Shirri Adoniyaa yeroo saaxilamu Daawit Solomooniin mootii godhanii akka dibaniif Saadoq, Naataanii fi Benaayaa filateera. (1 Mot. 1:32-34) Saadoq Naataan dabalatee namoota amanamoo Yihowaa waaqeffatanii fi Daawit Mooticha deeggaran wajjin taʼuunsaa isa cimsee fi isa jajjabeessee taʼuu qaba. (1 Mot. 1:38, 39) Solomoon mootii yeroo taʼu “bakka Abiyaataar, Saadoq lubicha ni muude.”—1 Mot. 2:35.

17. Namni baayʼee itti dhihaattu tokko Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu dhiisuuf yoo filate fakkeenya Saadoq hordofuu kan dandeessu akkamitti?

17 Fakkeenya Saadoq hordofuu kan dandeessu akkamitti? Namni baayʼee itti dhihaattu tokko Yihowaa dhiisuuf yoo filate, amanamaa taatee itti fufuuf akka filatte ifatti argisiisi. (Iya. 24:15) Yihowaan ciminaa fi ija jabina si barbaachisu siif kenna. Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu fi namoota isaaf amanamoo taʼanitti dhihaachuudhaan isatti amanami. Yihowaan amanamummaa keetiif iddoo guddaa kenna, akkasumas si badhaasa.—2 Sam. 22:26.

18. Muuxannoo Maarkoo fi Siidseerraa maal baratte?

18 Mee muuxannoo Maarkoo fi Siidsee haa ilaallu; ijoolleen durbaa isaanii lamaan dhugaa dhiisaniiru. Maarkoon akkana jedheera: “Ijoollee kee guyyaa itti dhalatanii kaasee baayʼee jaallatta. Balaarraa isaan eeguuf wanta kamiyyuu ni goota. Kanaafuu, Yihowaa dhiisuuf yeroo filatan baayʼee gaddita.” Itti fufuudhaan akkana jedheera: “Garuu Yihowaan nu cinaa ture. Yeroon ani dadhabu haati manaa koo cimtuu akka taatu, yeroo ishiin dadhabdummoo ani cimaa akkan taʼu godheera.” Siidseenimmoo akkana jetteetti: “Yihowaan cimina nu barbaachisu utuu nuu kennuu baatee haala kana dandamachuu hin dandeenyu turre. Balleessaa koo akka taʼe natti dhagaʼamaa waan tureef miira koo Yihowaatti himeen ture. Yeroo muraasa booda obboleettiin yeroo dheeraadhaaf argee hin beekne takka gara koo dhuftee harka ishii gateettii koorra kaaʼuudhaan ija keessa na ilaalaa, ‘Siidsee, kun balleessaa kee akka hin taane yaadadhu’ naan jette. Gargaarsa Yihowaatiin gammachuudhaan isa tajaajiluu dandaʼeera.”

19. Maal gochuuf kutatteetta?

19 Yihowaan tajaajiltoonnisaa hundi akkuma Saadoq ija jabeeyyii akka taʼan barbaada. (2 Xim. 1:7) Taʼus, cimina keenyatti akka amanamnu hin barbaadu. Isatti akka amanamnu barbaada. Kanaafuu, haalli ija jabina gaafatu yeroo si mudatu Yihowaan akka si gargaaru kadhadhu. Akkuma Saadoq ija jabeessa akka si taasisu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—1 Phe. 5:10.

IJA JABINA ARGISIISUUDHAAN FAKKEENYA SAADOQ HORDOFUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

  • Mootummaa Waaqayyoo yeroo deeggartu

  • Obboloota kee yeroo gargaartu

  • Yihowaadhaaf amanamaa taatee yeroo jiraattu

FAARFANNAA 126 Dammaqi, Jabaadhu, Cimi!

a Viidiyoo Kiristiyaanonni Dhugaan Ija Jabinni kan Isaan Barbaachisu Maaliifi?—Siyaasa Irraa Walaba Taʼanii Itti Fufuuf jedhamu jw.org irraa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi