LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Seenaa Baraa 12
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 1 Seenaa Baraa

      • Namoota Daawit mootii akka taʼu deggeran (1-40)

1 Seenaa Baraa 12:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 27:1
  • +1Sa 27:5, 6; 2Sa 1:1
  • +1Se 11:10

1 Seenaa Baraa 12:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 17:49
  • +Abo 3:15; 20:15, 16
  • +Uma 49:27

1 Seenaa Baraa 12:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 11:4
  • +1Se 11:26, 33

1 Seenaa Baraa 12:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 9:3
  • +1Se 11:15

1 Seenaa Baraa 12:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 26:10, 11

1 Seenaa Baraa 12:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 23:14, 29; 24:22; 1Se 11:16

1 Seenaa Baraa 12:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 49:19; Kes 33:20
  • +Lew 26:8

1 Seenaa Baraa 12:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 22:1; 23:14; 24:22

1 Seenaa Baraa 12:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 24:12, 15; 26:23; Fr 7:6

1 Seenaa Baraa 12:18

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “ni uwwise.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 6:34; 13:24, 25
  • +2Sa 15:21
  • +Fr 54:4

1 Seenaa Baraa 12:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 3:1, 3
  • +1Sa 29:2-4

1 Seenaa Baraa 12:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 30:1
  • +Kes 33:17

1 Seenaa Baraa 12:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 5:23, 24; 11:10

1 Seenaa Baraa 12:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 2:3
  • +2Sa 3:1

1 Seenaa Baraa 12:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 2:1; 5:1
  • +1Sa 16:1, 13; 1Se 11:10

1 Seenaa Baraa 12:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 27:1, 5
  • +1Se 6:49

1 Seenaa Baraa 12:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 8:17; 1Mo 1:8; 2:35; 1Se 6:1, 8; 27:16, 17

1 Seenaa Baraa 12:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 8:1, 33; 12:1, 2

1 Seenaa Baraa 12:33

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “hundi isaaniis Daawit duukaa kan buʼan garaa lamaan hin turre.”

1 Seenaa Baraa 12:37

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 32:33; Iya 13:8

1 Seenaa Baraa 12:38

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “garaa isaanii tokko godhan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 49:8, 10; 1Se 11:10

Yaada Wal Simu

1Sen. 12:11Sa 27:1
1Sen. 12:11Sa 27:5, 6; 2Sa 1:1
1Sen. 12:11Se 11:10
1Sen. 12:21Sa 17:49
1Sen. 12:2Abo 3:15; 20:15, 16
1Sen. 12:2Uma 49:27
1Sen. 12:31Sa 11:4
1Sen. 12:31Se 11:26, 33
1Sen. 12:4Iya 9:3
1Sen. 12:41Se 11:15
1Sen. 12:6Lak 26:10, 11
1Sen. 12:81Sa 23:14, 29; 24:22; 1Se 11:16
1Sen. 12:14Uma 49:19; Kes 33:20
1Sen. 12:14Lew 26:8
1Sen. 12:161Sa 22:1; 23:14; 24:22
1Sen. 12:171Sa 24:12, 15; 26:23; Fr 7:6
1Sen. 12:18Abo 6:34; 13:24, 25
1Sen. 12:182Sa 15:21
1Sen. 12:18Fr 54:4
1Sen. 12:19Abo 3:1, 3
1Sen. 12:191Sa 29:2-4
1Sen. 12:201Sa 30:1
1Sen. 12:20Kes 33:17
1Sen. 12:211Se 5:23, 24; 11:10
1Sen. 12:222Sa 2:3
1Sen. 12:222Sa 3:1
1Sen. 12:232Sa 2:1; 5:1
1Sen. 12:231Sa 16:1, 13; 1Se 11:10
1Sen. 12:271Se 27:1, 5
1Sen. 12:271Se 6:49
1Sen. 12:282Sa 8:17; 1Mo 1:8; 2:35; 1Se 6:1, 8; 27:16, 17
1Sen. 12:291Se 8:1, 33; 12:1, 2
1Sen. 12:37Lak 32:33; Iya 13:8
1Sen. 12:38Uma 49:8, 10; 1Se 11:10
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
  • 39
  • 40
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
1 Seenaa Baraa 12:1-40

Seenaa Baraa Isa Tokkoffaa

12 Namoonni yeroo inni Saaʼol ilma Qiishiin kan kaʼe akka garaa isaatti asii fi achi deemuu hin dandeenyetti+ gara Daawit isa Siqlaag+ keessa turee dhufan kanneen kana turan; isaanis loltoota jajjaboo warra waraana irratti isa gargaaran keessaa tokko turan.+ 2 Isaan iddaa kan qabatan turan; kana malees dhagaa furrisuuf+ yookiin iddaadhaan xiyya darbachuuf harka isaanii mirgaa fi harka isaanii bitaatti+ fayyadamuu dandaʼu turan. Isaan obboloota Saaʼol warra sanyii Biiniyaam+ taʼan turan. 3 Dura buʼaan Ahiʼezer yeroo taʼu, isaa wajjin Yoʼaas, ilmaan Shemaaʼaa Gibeʼaatichaa+ lamaan; Yeziʼelii fi Paalet warra ilmaan Azmaawet+ taʼan, Beraakaa, Yehuu Anaatoticha, 4 Yishmaayaa Gibeʼonicha+ isa namoota soddomman+ keessaa loltuu jabaa taʼee fi ajajaa namoota soddommanii taʼe; akkasumas Ermiyaas, Yohaanaan, Yozaabaad Gederaaticha, 5 Eluzaay, Yerimoot, Beʼaaliyaa, Shemaariyaa, Shefaatiyaa Hariificha, 6 Elqaanaa, Yishiyaa, Azaarel, Yooʼezerii fi Yaashobiʼaam warra Qoroota+ taʼan; 7 akkasumas Yooʼelaa fi Zebaadiyaa warra ilmaan Yerohaam isa nama Geedor taʼe sanaa taʼan.

8 Gaadota keessaa tokko tokko gara Daawit isa dahoo lafa onaa+ keessatti argamu keessa jiruu deemanii isa cinaa dhaabbatan; isaan loltoota jajjaboo, loltoota waraanaaf leenjiʼan, gaachana guddaa fi eeboo qabatanii qophaaʼanii kan eegan, fuulli isaanii akka fuula leencotaa kan taʼee fi akka borofa gaarotaa saffisa kan qaban turan. 9 Ezeer dura buʼaa ture; Obaadiyaan lammaffaa, Eeliyaab sadaffaa, 10 Mishmaanaan arfaffaa, Ermiyaas shanaffaa, 11 Ataay jaʼaffaa, Eliʼeel torbaffaa, 12 Yohaanaan saddeettaffaa, Elzaabaad saglaffaa, 13 Ermiyaas kurnaffaa, Maakbaanaay kudha tokkoffaa turan. 14 Kanneen kun Gaadota+ warra dura buutota raayyaa waraanaa turani dha. Isaan keessaa inni hunda irra xinnaatu namoota 100, inni hunda irra caalu immoo namoota 1,000 moʼuu dandaʼa ture.+ 15 Namoonni kun warra jiʼa isa tokkoffaatti yeroo lagichi guutee dhangalaʼaa turetti Yordaanosiin ceʼani dha; isaan warra gammoojjii keessa jiraatan hunda gara bahaa fi gara dhihaatti ni ariʼan.

16 Namoonni Biiniyaamii fi namoonni Yihudaa tokko tokkos gara Daawit isa dahoo isaa keessa turetti ni dhufan.+ 17 Achiis Daawit gara isaaniitti baʼee, “Isin na gargaaruuf nagaadhaan dhuftan yoo taʼe, garaan koo isinii wajjin tokko ni taʼa. Harki koo utuu dogoggora hin raawwatin diinota kootti dabarsitanii na kennuuf dhuftan yoo taʼe garuu, Waaqni abbootii keenyaa kana ilaalee murtii haa kennu”+ isaaniin jedhe. 18 Achiis Amaasaay isa dura buʼaa namoota soddommanii taʼe sana irra hafuurri ni buʼe;*+ innis akkana jedhe:

“Yaa Daawit, nuti kan kee ti; yaa ilma Issey, nuti sii wajjin jirra.+

Nagaan, eeyyee, nagaan siif haa taʼu; nagaan isa si gargaaru sanaaf haa taʼu;

Sababiin isaas, Waaqni kee si gargaaraa jira.”+

Kanaafuu, Daawit isaan simatee dura buutota loltootaa godhee isaan muude.

19 Gosa Minaasee keessaa tokko tokko yeroo inni Saaʼolii wajjin wal loluuf Filisxeemotaa wajjin dhufetti, Saaʼoliin gananii gara Daawit dhufan; inni garuu Filisxeemota hin gargaarre; sababiin isaas, gooftoliin Filisxeemotaa+ erga mariʼatanii booda, “Inni nu ganee gara gooftaa isaa Saaʼolitti qajeela; kun immoo lubbuu keenya balaadhaaf saaxila”+ jedhanii yaaduudhaan deebisanii isa erganii turan. 20 Yommuu inni gara Siqlaag+ deemetti warri gosa Minaasee keessaa gananii gara isaa dhufan kanneen kana turan: Adnaa, Yozaabaad, Yediyaayel, Mikaaʼel, Yozaabaad, Eliihuu fi Ziletaay yeroo taʼan, isaanis dura buutota kumaa gosa Minaasee turan.+ 21 Hundi isaanii namoota jajjaboo fi onnatoo+ waan turaniif, yommuu Daawit tuuta weerartootaa wajjin wal waraanetti isa ni gargaaran; achiis raayyaa waraanaa keessatti ajajjoota taʼan. 22 Guyyaa guyyaadhaanis namoonni Daawitiin gargaaruuf ni dhufu turan;+ raayyaan waraanaa sunis akka raayyaa waraanaa Waaqayyoo guddaa taʼe.+

23 Lakkoofsi namoota dura buutota warra waraanaaf hidhatanii akka Yihowaan ajajetti mootummaa Saaʼol gara isaatti dabarsuuf gara Daawit isa Kebroonitti+ argamutti dhufan sanaa kana dha.+ 24 Namoonni Yihudaa gaachana guguddaa fi eeboo baatan 6,800 turan; isaan waraanaaf kan hidhatan turan. 25 Simiʼoonota keessaa raayyaa waraanaatti kan makaman namoota jajjaboo fi onnatoo 7,100 turan.

26 Leewwota keessaa 4,600 turan. 27 Yehoyaadaan+ geggeessaa ilmaan Aaron+ kan ture yeroo taʼu, isaa wajjin namoota 3,700 turan; 28 Akkasumas Saadoq+ inni dargaggeessa jabaa fi onnataa taʼe ajajjoota mana abbootii isaa 22 wajjin ni dhufe.

29 Biiniyaamota warra obboloota Saaʼol taʼan+ keessaa namoota 3,000 turan; isaan keessaa hedduun isaanii sana dura faayidaa mana Saaʼol eegsisaa turan. 30 Efreemota keessaa namoota jajjaboo fi onnatoo 20,800 turan; isaan manneen abbootii isaanii keessatti namoota beekamoo taʼan turan.

31 Walakkaa gosa Minaasee keessaa namoota 18,000 turan; isaan warra maqaa dhaʼamanii filatamanii Daawitiin mootii gochuuf dhufan turan. 32 Gosa Yisaakor keessaa warri yericha hubatanii fi wanta Israaʼel gochuu qabu beekan dura buutota 200 turan; obboloonni isaanii hundis ajaja isaanii jala jiru turan. 33 Gosa Zaabiloon keessaa warri raayyaa waraanaa keessatti tajaajiluu dandaʼan 50,000 turan; isaanis meeshaawwan waraanaa adda addaa kan qabatanii fi waraanaaf qophaaʼoo kan taʼan turan; hundi isaaniis amanamummaa cimaadhaan Daawit duukaa buʼan.* 34 Gosa Niftaalem keessaa ajajjoota 1,000 turan; isaanii wajjinis namoonni gaachana guguddaa fi eeboo qabatan 37,000 jiru turan. 35 Daanota keessaa namoonni waraanaaf qophaaʼoo taʼan 28,600 turan. 36 Gosa Asheer keessaa immoo namoonni raayyaa waraanaa keessatti tajaajiluu dandaʼanii fi waraanaaf qophaaʼoo taʼan 40,000 turan.

37 Ruubenota, Gaadotaa fi walakkaa gosa Minaasee warra Yordaanos+ gama jiraatan keessaa, loltoonni meeshaawwan waraanaa adda addaa qabatan 120,000 turan. 38 Kanneen kun hundi namoota waraana beekanii fi tokkummaadhaan waraanaaf qophaaʼan turan; isaanis guutummaa Israaʼel irratti Daawitiin mootii gochuuf garaa guutuudhaan gara Kebroon ni dhufan; guutummaan Israaʼel warri hafanis Daawitiin mootii gochuuf tokkummaa ni uuman.*+ 39 Obboloonni isaanii isaaniif qopheessanii waan turaniif, isaan nyaachaa, dhugaas guyyaa sadiif Daawitii wajjin achuma ni turan. 40 Kana malees Israaʼel keessa gammachuu guddaan waan tureef, warri isaanitti dhihoo jiran, akkasumas warri hamma Yisaakor, Zaabiloonii fi Niftaalemitti fagaatanii jiran illee harreetti, gaalatti, gaangee fi loonitti feʼanii nyaata ni fidan; wantoonni isaan fidanis daakuu, bixxillee harbuu fi bixxillee zabiibii, daadhii wayinii, zayitii, akkasumas loonii fi hoolota hedduu turan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi