LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w24 Adoolessa ful. 14-19
  • Qorumsatti Akka hin Galle Dammaqaa Of Eegaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qorumsatti Akka hin Galle Dammaqaa Of Eegaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • KALLATTIIWWAN OF EEGGACHUUN ITTI NU BARBAACHISU
  • OF EEGUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?
  • OF EEGUU KEE ITTI FUFI
  • BADHAASA OF EEGUUN ARGAMSIISU
  • Fedhii Dogoggoraa Injifachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Erga Cuuphamtee Booda ‘Yeroo Hunda Yesuus Duukaa Buʼi’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Wanti Ati hin Beekne Akka Jiru Gad Of Qabuudhaan Amanii Fudhadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
w24 Adoolessa ful. 14-19

MATA DUREE QOʼANNAA 29

FAARFANNAA 121 Of Toʼachuun Nu Barbaachisa

Qorumsatti Akka hin Galle Dammaqaa Of Eegaa

“Qorumsatti akka hin galleef dammaqaa eegaa, kadhachuu keessanis itti fufaa.”—MAT. 26:41.

YAADA IJOO

Mata dureen kun cubbuu raawwachuurraas taʼe tarkaanfiiwwan gara cubbuu raawwachuutti nu geessanirraa fagaachuun barbaachisaa taʼuusaa hubachuuf nu gargaara.

1-2. (a) Yesuus barattootasaatiif akeekkachiisa akkamii kenne? (b) Barattoonni Yesuus isa dhiisanii kan baqatan maaliifi? (Fakkiiwwanis ilaali.)

“HAFUURRI qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha.”a (Mat. 26:41b) Yaanni kun Yesuus mudaa fi dadhabina akka qabnu akka hubatu argisiisa. Taʼus akeekkachiisa, ‘Garmalee ofitti akka hin amanamne of eeggadhaa’ jedhus kan dabalatudha. Galgala sana saʼaatii muraasa dura barattoonnisaa ofitti amanannaadhaan matumaa Gooftaasaanii akka hin dhiisne dubbachaa turan. (Mat. 26:35) Kakaʼumsisaanii gaarii ture. Taʼus, dhiibbaa isaanirra gaʼuun salphaatti moʼamuu akka dandaʼan hin hubanne turan. Yesuus, “Qorumsatti akka hin galleef dammaqaa eegaa, kadhachuu keessanis itti fufaa” jedhee kan isaan akeekkachiise kanaafi.—Mat. 26:41a.

2 Kan nama gaddisiisu, barattoonnisaa dammaqoo utuu hin taʼin hafaniiru. Maarree, yeroo Yesuus qabametti isa cinaa dhaabbatanimoo sodaadhaan moʼamanii isa dhiisanii baqatan? Barattoonnisaa dammaqanii waan hin eegneef wantuma matumaa hin goonu jedhanii dubbatan godhaniiru: Yesuusiin dhiisanii baqataniiru.—Mat. 26:56.

Fakkiiwwan garaagaraa: Yesuusii fi ergamoonnisaa galgala iddoo biqiltuu Getesemaanee keessa taʼanii. 1. Yesuus ergamootasaa haasofsiisaa jira. 2. Ergamoonnisaa rafaa jiru. 3. Yeroo Yesuus qabamu ergamoonnisaa baqachaa jiru.

Yesuus barattoonnisaa dammaqanii akka eeganii fi qorumsarraa akka of eegan gorseera; taʼus isaan isa dhiisanii baqataniiru (Keeyyata 1-2 ilaali)


3. (a) Yihowaadhaaf amanamoo taanee itti fufuuf garmalee ofitti amanamuurraa fagaachuu kan qabnu maaliifi? (b) Mata duree kana keessatti maalirratti mariʼanna?

3 Garmalee ofitti amanamuu hin qabnu. Dhugaadha, wanti akkamiiyyuu Yihowaarraa akka nu fageessu heyyamuu dhiisuuf kutanneerra. Taʼus, cubbamoo waan taaneef wanta sirrii hin taane raawwachuuf qoramuu dandeenya. (Rom. 5:12; 7:21-23) Akkuma tasaa wanti dogoggora taʼe baayʼee nu hawwachuu dandaʼa. Yihowaa fi Ilmasaatiif amanamoo taanee itti fufuuf gorsa Yesuus qorumsarraa akka of eegnu nuuf kenne hordofuu qabna. Mata dureen kun akkas gochuuf nu gargaara. Jalqabarratti, keessumaa kallattiiwwan kamfaarratti of eeggachuun akka nu barbaachisu ilaalla. Achiis, qorumsarraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe mariʼanna. Dhumarrattimmoo, of eeggachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

KALLATTIIWWAN OF EEGGACHUUN ITTI NU BARBAACHISU

4-5. Cubbuuwwan xixiqqoo taʼanillee akka hin raawwanne of eeggachuun kan nu barbaachisu maaliifi?

4 Cubbuuwwan xixiqqoo taʼanillee hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa laaffisuu dandaʼu. Akkasumas cubbuu cimaa raawwachuutti nu geessuu dandaʼu.

5 Hundi keenyayyuu cubbuu raawwachuuf qoramuu dandeenya. Taʼus, tokkoon tokkoon keenya kallattii dadhaboo itti taane qabna; kunis tarii cubbuu cimaa raawwachuu, gocha xuraaʼaa tokkorratti hirmaachuu ykn ilaalcha addunyaa qabaachuu taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namni tokko halalummaa raawwachuuf qoramaa jira taʼa. Namni kan biraanimmoo, gochawwan xuraaʼoo taʼanirratti hirmaachuuf, tarii maastarbeeshinii raawwachuuf ykn poornoogiraafii ilaaluuf baayʼee qorama taʼa. Namni sodaa namaa, of tuulummaa fi dafee aaruu dhiisuuf walʼaansoo gochaa jirus jira. Akkuma Yaaqoob jedhe, “Tokkoon tokkoon namaa yommuu hawwii ofii isaatiin harkifamuu fi gowwoomfamu qorama.”—Yaq. 1:14.

6. Dadhabina keenya ilaalchisee maal gochuu qabna?

6 Caalaatti kan qoramtu kallattiiwwan kamfaarratti akka taʼe beektaa? Dadhabina keenya salphisnee ilaaluun ykn cimoo waan taaneef dogoggora akka hin raawwanne yaaduun balaa qaba. (1 Yoh. 1:8) Phaawulos, ‘warri karaa hafuuraa gaʼumsa qabanillee’ yoo of eeggachuu baatan qorumsaan moʼamuu akka dandaʼan ibseera. (Gal. 6:1) Kanaafuu, haqaan of gamaaggamuu fi kallattii dadhaboo itti taane amannee fudhachuu qabna.—2 Qor. 13:5.

7. Keessumaa wanta akkamiitiif xiyyeeffannaa addaa kennuu qabna? Fakkeenya kenni.

7 Kallattiiwwan caalaatti itti qoramnu erga adda baafannee booda maal gochuu qabna? Humna keenya cimsachuu qabna. Fakkeenyaaf, bara duriitti kutaan dallaa magaalaa tokkoo caalaatti balaadhaaf saaxilamu karrasaati. Kutaa magaalaa kamiyyuu caalaa karrisaa kan eegamu kanaafi. Haaluma wal fakkaatuun, nutis kallattii caalaatti dadhaboo akka taane beeknuuf xiyyeeffannaa addaa kennuu qabna.—1 Qor. 9:27.

OF EEGUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

8-9. Dargaggeessi Fakkeenya boqonnaa 7​rratti ibsame cubbuu cimaa raawwachuurraa fagaachuuf maal gochuu dandaʼa ture? (Fakkeenya 7:8, 9, 13, 14, 21)

8 Of eeguu kan dandeenyu akkamitti? Haala dargaggeessa Fakkeenya boqonnaa 7​rratti ibsame mudaterraa maal barachuu akka dandeenyu haa ilaallu. Dargaggeessi kun dubartii sagaagaltuu takka wajjin halalummaa raawwateera. Lakkoofsi 22 “yeruma sana” ishii duukaa akka buʼe dubbata. Lakkoofsonni kana dura jiran akka argisiisanitti dargaggeessi kun tarkaanfiiwwan suutuma suuta cubbuu raawwachuutti isa geessan fudhateera.

9 Wanti cubbuu raawwachuutti isa geesse maalidha? Jalqaba, gara galgalaa “daandii naannoo mana [dubartii sagaagaltuutti] argamu tokko bira darbee” deemeera. Achiis gara mana ishiitti qajeele. (Fakkeenya 7:8, 9 dubbisi.) Itti aansuudhaan, dubartii sana yeroo argu ishiirraa hin gorre. Kanaa mannaa, akka isa dhungattu ishiidhaaf heyyameera, akkasumas aarsaa gamtaa dhiheessuu akka qabdu yeroo dubbattu ishii dhaggeeffateera; tarii akkas kan jette dubartii hamtuu akka hin taane akka yaadu gochuuf taʼuu dandaʼa. (Fakkeenya 7:13, 14, 21 dubbisi.) Dargaggeessi kun utuu akkas gochuu baatee qorumsarraa of eeguu fi cubbuu raawwachuurraa ooluu dandaʼa ture.

10. Yeroo harʼaatti namni tokko dogoggora dargaggeessi kun raawwate wajjin wal fakkaatu kan raawwatu akkamitti taʼuu dandaʼa?

10 Seenaan Solomoon barreesse wanta tajaajilaa Yihowaa kamiyyuu mudachuu dandaʼu argisiisa. Namni tokko cubbuu cimaa erga raawwatee booda utuu itti yaadin akkuma tasaa cubbuu sana akka raawwate dubbata taʼa. Taʼus, wanta raawwaterratti yeroo yaadu cubbuu sana raawwachuusaa dura tarkaanfii dogoggoraa fudhatee akka ture hubachuunsaa hin oolu. Cubbuu sana raawwachuusaa dura hiriyoota Yihowaa hin jaallanne horatee, bashannana gaarii hin taanerratti hirmaatee, weebsaayitii gaarii hin taane ilaalee ykn iddoo Kiristiyaanotaaf hin taane dhaqee taʼuu dandaʼa. Tariimmoo kadhachuu, Kitaaba Qulqulluu dubbisuu, walgaʼiirratti argamuu ykn tajaajilarratti hirmaachuu dhaabee taʼuu dandaʼa. Akkuma dargaggeessa kitaaba Fakkeenyaarratti ibsamee, namni kun cubbuu kan raawwate akkuma tasaa taʼuu dhiisuu dandaʼa.

11. Cubbuu raawwachuurraa of eeguuf maalirraa fagaachuu qabna?

11 Kanarraa maal baranna? Cubbuurraa qofa utuu hin taʼin, tarkaanfiiwwan cubbuu raawwachuutti geessanirraas fagaachuu qabna. Solomoon waaʼee dargaggeessa sanaa fi dubartii sagaagaltuu sanaa erga dubbatee booda qabxii kana ifa godheera. Dubartii sana ilaalchisee, “Gara karaa ishiittis hin gorin” jedheera. (Fak. 7:25) Dubartii addaggee akkasii ilaalchisee, “Ishii irraa fagaadhu; gara balbala mana ishiitti hin dhihaatin” jedheera. (Fak. 5:3, 8) Eeyyee, haalawwan cubbuutti geessan akkasiirraa fagaachuudhaan cubbuu raawwachuurraa of eeguu dandeenya.b Kana jechuun wanti tokko Kiristiyaanotaaf kan heyyamame taʼus, qorumsatti akka nu geessu yoo beekne irraa fagaanna jechuudha.—Mat. 5:29, 30.

12. Iyyoob murtoo cimaa akkamii godheera? Kunoo qorumsarraa kan isa eege akkamitti (Iyyoob 31:1)

12 Haalawwan cubbuu raawwachuutti nu geessanirraa fagaachuuf kutannoo cimaa qabaachuu qabna. Iyyoob akkas godheera. Dubartii kan biraa fedhii sirrii hin taaneen matumaa akka hin ilaalle “ija [isaa] wajjin kakuu galeera.” (Iyyoob 31:1 dubbisi.) Murtoosaa kana eegee jiraachuunsaa halalummaa raawwachuurraa fagaachuuf isa gargaareera. Nutis wanta qorumsatti nu geessu kamirraayyuu fagaachuuf kutachuu dandeenya.

13. Wanta yaannurratti of eeggachuu kan qabnu maaliifi? (Fakkiiwwanis ilaali.)

13 Wanta yaannurrattis of eeggachuu qabna. (Bau. 20:17) Namoonni tokko tokko wanta sana hamma hin raawwannetti, wanta dogoggoraa yeroo raawwatan yaadaan ilaaluun homaa rakkina akka hin qabne isaanitti dhagaʼama. Taʼus, ilaalchi akkasii dogoggoradha. Namni tokko fedhii dogoggoraarratti yaaduusaa yoo itti fufe fedhiinsaa sun itti hammaata. Kana gochuusaatiin qorumsa waan ofitti fiduuf, dogoggora raawwachuurraa of eeguuf walʼaansoo gochuun isa barbaachisa. Dhugaadha, darbee darbee yaanni dogoggoraa gara sammuu keenyatti ni dhufa. Yeroo kanatti garuu yaada akkasii dafnee of keessaa baasnee yaadawwan gaggaariidhaan bakka buusuu qabna. Akkas gochuun keenya, yaanni dogoggoraa gara fedhii cimaa walʼaansoo gochuu gaafatuu fi tarii cubbuu cimaa raawwachuutti nu geessuutti akka hin guddanne of eeggachuuf nu gargaara.—Filp. 4:8; Qol. 3:2; Yaq. 1:13-15.

Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Obboleessi tokko galgala televizyinii ilaalaa jira. 2. Dubartii isa faana hojjettu ilaalaa jira. 3. Innii fi dubartiin sun mana dhugaatiitti waliin dhugaa jiru.

Wanta gara qorumsaatti nu geessu kamirraayyuu fagaachuu qabna (Keeyyata 13 ilaali)


14. Qorumsarraa of eeguuf wanti nu gargaaru kan biraan maalidha?

14 Qorumsarraa of eeguuf wanta kan biraa akkamii gochuu dandeenya? Seera Yihowaatiif ajajamuun keenya yeroo hunda faayidaa akka nuuf argamsiisu guutummaatti mirkanaaʼoo taʼuu qabna. Yeroo tokko tokko yaadaa fi fedhii keenya fedhii Waaqayyoo wajjin wal simsiisuuf walʼaansoo gochuun nu barbaachisuu dandaʼa; taʼus, akkas gochuun keenya nagaa sammuu waan nuuf argamsiisuuf carraaqqiin goonu nu hin gaabbisiisu.

15. Fedhii sirrii horachuun keenya qorumsarraa of eeguuf kan nu gargaaru akkamitti?

15 Fedhii sirrii horachuun nu barbaachisa. ‘Wanta hamaa jibbuu fi wanta gaarii jaallachuu’ yoo baranne, kutannoo wanta sirrii raawwachuu fi haalawwan gara cubbuutti nu geessanirraa fagaachuuf goone ni cimsanna. (Amo. 5:15) Fedhii sirrii qabaachuun keenya qorumsi hin eegne ykn hambisuu hin dandeenye yeroo nu mudatu haalasaa dandamachuuf nu gargaara.

16. Sochiiwwan hafuuraarratti hirmaachuun keenya of eeguuf kan nu gargaaru akkamitti? (Fakkiiwwanis ilaali.)

16 Fedhii sirrii horachuu kan dandeenyu akkamitti? Hamma nuuf dandaʼame sochiiwwan hafuuraarratti hirmaachuu qabna. Yeroo walgaʼiirratti argamnu ykn tajaajilarratti hirmaannu dogoggora raawwachuuf salphaatti hin qoramnu. Kanaa mannaa, Yihowaa gammachiisuuf caalaatti fedhii qabaanna. (Mat. 28:19, 20; Ibr. 10:24, 25) Dubbii Waaqayyoo dubbisuu, qoʼachuu fi irratti xiinxaluudhaan jaalala wanta gaarii taʼeef qabnuu fi jibba wanta gaarii hin taaneef qabnu cimsachuu dandeenya. (Iya. 1:8; Far. 1:2, 3; 119:97, 101) Yesuus barattoota isaatiin, “Qorumsatti akka hin galleef . . . kadhachuu keessanis itti fufaa” akka jedhe yaadadhu. (Mat. 26:41) Abbaa keenya isa samiitti kadhannaa dhiheessuudhaan yommuu isa wajjin yeroo dabarsinu akka nu gargaaru carraa isaaf kennina, akkasumas kutannoo isa gammachiisuuf goone cimsanna.—Yaq. 4:8.

Barsiifata hafuuraa gaarii qabaachuun cimina qorumsarraa fagaachuuf nu gargaaru nuuf argamsiisa (Keeyyata 16 ilaali)c


OF EEGUU KEE ITTI FUFI

17. Pheexiros yeroo garaagaraatti dadhabina akkamii wajjin walʼaansoo gochuun isa barbaachiseera?

17 Dadhabina keenya tokko tokko guutummaatti injifachuu dandeenya taʼa. Dadhabina kaan wajjin garuu itti fufiinsaan walʼaansoo gochuun nu barbaachisuu dandaʼa. Mee haala Pheexiros ergamaa haa ilaallu. Sodaa namaatiin moʼamee siʼa sadii Yesuusiin ganeera. (Mat. 26:69-75) Pheexiros yaaʼii Saanhedriin duratti dhihaatee ija jabinaan yeroo dhugaa baʼetti sodaasaa kana waan injifate fakkaata ture. (HoE. 5:27-29) Haa taʼu malee, waggoota muraasa booda, “warra dhaqna qabatan sodaatee” yeroodhaaf Kiristiyaanota Yihudoota hin taane wajjin nyaata nyaachuu dhiisee ture. (Gal. 2:11, 12) Pheexiros sodaansaa itti deebiʼee ture. Tarii yeroo sanatti dadhabinasaa kana guutummaatti hin injifanne taʼa.

18. Fedhiin dogoggoraa tokko tokko deebiʼee maal taʼuu dandaʼa?

18 Nutis haalli akkasii nu mudachuu dandaʼa. Akkamitti? Fedhiin dogoggoraa akka injifanne yaannu deebiʼee qorumsa nutti taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko akkana jechuudhaan ifatti dubbateera: “Poornoogiraafii ilaaluu ergan dhiisee waggaa kudhan waan taʼeef, dadhabina koo kana akkan injifadhe mirkanaaʼaa taʼeen ture. Haa taʼu malee, araadni koo na keessatti riphee haala mijataa taʼe eeggachaa ture.” Kan nama gammachiisu, obboleessi kun abdii hin kutanne. Dadhabinasaa kana moʼuuf hamma dhuma sirna kanaatti guyyaa guyyaadhaan carraaqqii gochuun akka isa barbaachisu hubateera. Poornoogiraafiirraa fagaachuuf tarkaanfii caalaatti cimaa taʼe fudhateera; haati manaasaa fi jaarsoliin gumiisaas gargaarsa guddaa isaaf gochaa jiru.

19. Dadhabina tokko wajjin itti fufiinsaan walʼaansoo gochuun yoo nu barbaachise maal gochuu dandeenya?

19 Dadhabinni hamma ammaatti hin injifanne gara dogoggora raawwachuutti akka nu hin geessineef maal gochuu dandeenya? Gorsa Yesuus, “Qorumsatti akka hin galleef dammaqaa eegaa” jechuudhaan nuuf kenne hojiirra oolchuu dandeenya. Yeroo cimaa akka taate sitti dhagaʼamuttillee haalawwan qorumsatti si geessuu dandaʼanirraa fagaadhu. (1 Qor. 10:12) Malawwan milkaaʼina siif argamsiisan hojiirra oolchuu kee itti fufi. Fakkeenyi 28:14, “Namni yeroo hundumaa of eeggatu gammadaa dha” jedha.—2 Phe. 3:14.

BADHAASA OF EEGUUN ARGAMSIISU

20-21. (a) Qorumsarraa of eeguu keenya yoo itti fufne badhaasa akkamii arganna? (b) Qorumsa dandamachuuf gaʼee keenya yoo raawwanne Yihowaan maal nuuf godha? (2 Qorontos 4:7)

20 Qorumsarraa of eeguun keenya yeroo hundumaa faayidaa akka nuuf argamsiisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Tarii cubbuun “yeroo muraasaaf” gammachuu argamsiisuu dandaʼa; ulaagaalee Yihowaa eeguun garuu, gammachuu guddaa argamsiisa. (Ibr. 11:25; Far. 19:8) Kunis kan taʼe karaa inni barbaaduun akka jiraannu godhamnee waan uumamneefi. (Uma. 1:27) Kanaafuu, jireenya Yihowaa gammachiisu yeroo jiraannu qalbii qulqulluu qabaanna, akkasumas jireenya bara baraa arganna.—1 Xim. 6:12; 2 Xim. 1:3; Yih. 20, 21.

21 Dhugaadha, “foon . . . dadhabaa dha.” Kana jechuun garuu dadhabina keenya injifachuuf homaa gochuu hin dandeenyu jechuu miti. Yihowaan humna nu barbaachisu nuu kennuuf qophaaʼaadha. (2 Qorontos 4:7 dubbisi.) Humni Waaqayyo nuuf kennu humna humna caalu akka taʼe yaadadhu. Jalqaba garuu qorumsa moʼuuf wanta dandeenyu hunda gochuu qabna. Kana gochuudhaan gaʼee keenya erga raawwannee booda, Yihowaan kadhannaa yeroo barbaachisutti cimina dabalataa argachuuf dhiheessinuuf deebii akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (1 Qor. 10:13) Eeyyee, gargaarsa Yihowaatiin qorumsarraa of eeguu keenya itti fufuu ni dandeenya.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Kallattiiwwan qorumsarraa of eeguun itti nu barbaachisu kamfaʼi?

  • Qorumsarraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti?

  • Of eeguu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?

FAARFANNAA 47 Guyyaa Guyyaadhaan Yihowaa Kadhadhaa

a IBSA JECHAA: Yaanni Maatewos 26:41 irratti “hafuurri” jedhamee ibsame humna nu keessa jiruu fi miirri taʼe tokko akka nutti dhagaʼamu ykn tarkaanfii taʼe tokko akka fudhannu nu kakaasu argisiisa. Yaanni “foon” jedhummoo cubbuu kan dhaalle taʼuu keenya argisiisa. Kanaafuu, wanta sirrii taʼe raawwachuuf kakaʼumsa gaarii qabaannus, yoo of eeggachuu baanne qorumsaan moʼamnee wanta Kitaabni Qulqulluun dogoggora akka taʼe dubbatu raawwachuu dandeenya.

b Namni cubbuu cimaa raawwate kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu barumsa 57 qabxii 1-3, akkasumas mata duree “Yeroo Gara Fuulduraa ‘Kallattiidhaan Fuulduratti Ilaalaa’” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Sadaasa 2020 ful. 27-29, key. 12-17 irratti baʼerraa gargaarsa argachuu dandaʼa.

c IBSA FAKKII: Obboleessi tokko ganama caqasa guyyaa, saʼaatii laaqanaattimmoo Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jira, akkasumas galgala walgaʼii torban gidduurratti hirmaachaa jira.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi