-
Uumama 37:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Isaanis, inni isaan bira gaʼuu isaa dura fagootti arganii, isa ajjeesuuf irratti mala qopheessuu jalqaban.
-
-
Uumama 42:21, 22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Achiis, “Amma sababii obboleessa keenyaatiin dhugumaan adabamaa jirra;+ sababiin isaas, nuti yeroo inni gara laafina akka isatti argisiisnu nu kadhatetti dhiphina isaa* utuma ilaalluu isa dhagaʼuu didnee turre. Dhiphinni kun kan nu irra gaʼe kanaafi” waliin jedhan. 22 Ruubenis, “Ani, ‘Mucicha irratti cubbuu hin hojjetinaa’ isiniin jennaan isin na dhagaʼuu hin didnee?+ Kunoo, amma nuti dhugumaan dhiiga isaatiif itti gaafatamaa jirra” jedhee isaaniif deebise.+
-