-
Uumama 44:27, 28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Achiis garbicha kee kan taʼe abbaan koo akkana nuun jedhe: ‘Haati manaa tiyya ilmaan lama qofa akka naaf deesse isin akka gaariitti beektu.+ 28 Haa taʼu malee, inni tokko yeroo na biraa dhabametti ani, “Inni dhugumaan bineensaan ciccirameera!” nan jedhe;+ kunoo, ani hamma ammaatti isa hin argine.
-