LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 29:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Yaaqoob jaalala Raaheliin qabamee ture; kanaan kan kaʼes, “Ani intala tee ishii quxisuu Raaheliif jedhee waggaa torba si tajaajiluuf fedhii qaba” isaan jedhe.+

  • Uumama 30:22-24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Dhuma irratti Waaqayyo Raaheliin ni yaadate; kadhannaa ishii dhagaʼee akka ulfooftu gochuudhaanis deebii ishiidhaaf ni kenne.*+ 23 Ishiinis ulfooftee ilma deesse. Achiis, “Waaqayyo arrabsoo koo ana irraa fageesseera!”+ jette. 24 Kanaafuu ishiin, “Yihowaan ilma kan biraas naaf dabaleera” jechuudhaan, maqaa isaa Yoseef*+ jettee moggaaste.

  • Uumama 35:18, 19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Duʼuu ishii yeroo xinnoo dura* (ishiin duʼuu jala geessee waan turteef), maqaa isaa Benʼonii* jettee moggaaste; abbaan isaa garuu maqaa isaa Biiniyaam*+ jedhee moggaase. 19 Raahelis ni duute; karaa gara Efraataa, jechuunis gara Beetaliheemitti geessu irrattis ni awwaalamte.+

  • Uumama 46:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Ilmaan Raahel haadha manaa Yaaqoob Yoseefii+ fi Biiniyaam+ turan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi