LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 13:14, 15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Loox isa irraa erga addaan baʼee booda Yihowaan Abraamiin akkana jedhe: “Maaloo, ol jedhiitii bakka jirtu kana irraa gara kaabaa fi gara kibbaa, akkasumas gara bahaa fi gara dhihaa ilaali; 15 sababiin isaas, ani biyya ilaaltu kana hundumaa sii fi sanyii keetiif dhaala dhaabbataa godhee nan kenna.+

  • Uumama 26:3, 4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Akka nama biyya ormaa taʼiitii biyya kana keessa jiraadhu;+ biyyoota kana hundumaa sii fi sanyii keetiif waanan kennuuf,+ ani sii wajjin nan taʼa, sin eebbisas; kakaa ani akkana jedhee abbaa kee Abrahaamiif kakadhes nan raawwadha:+ 4 ‘Ani sanyii kee akka urjiilee samiitti nan baayʼisa;+ biyyoota kana hundumaa sanyii keetiif nan kenna;+ saboonni lafa irraa hundis karaa sanyii keetii ofii isaaniitiif eebba ni argatu.’+

  • Keessa Deebii 34:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Achiis Yihowaan akkana isaan jedhe: “Biyyi ani, ‘Sanyii keetiif nan kenna’+ jedhee Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakadhe kana dha. Ija keetiin akka ilaaltu nan godha; garuu achitti hin ceetu.”+

  • Hojii Ergamootaa 7:4, 5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Achiis inni biyya Kaladootaa keessaa baʼee, Kaaraan keessa jiraachuu jalqabe. Erga abbaan isaa duʼee booda+ immoo, Waaqayyo achii isa kaasee bakka isin amma jiraattan kanatti isa galche.+ 5 Taʼus, iddoo kanatti lafa hamma faana miilaa gaʼu illee dhaala godhee isaaf hin kennine; yeroo kanatti inni dhala kan hin godhanne taʼus, isaa fi isa booda immoo sanyii isaatiif dhaala akka kennu waadaa isaaf gale.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi