-
Uumama 49:5-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Simiʼoonii fi Leewwiin obbolaa dha.+ Meeshaawwan waraanaa isaan ittiin ajjeesan meeshaawwan jeequmsaa ti.+ 6 Yaa lubbuu* koo, gara gumii isaaniitti hin seenin. Yaa ulfina* koo, yaaʼii isaaniitti hin makamin; sababiin isaas, isaan aarii isaaniitiin namoota ajjeesaniiru;+ gammachuu isaaniitiifis morgaa qotiyyoo kukkutaniiru. 7 Aariin isaanii gara jabeessa waan taʼeef, kan abaarame haa taʼu; dheekkamsi isaanii hamaa waan taʼeef, kan abaarame haa taʼu.+ Yaaqoob keessatti isaan nan facaasa; Israaʼel keessattis isaan nan bittinneessa.+
-