-
1 Yohaannis 3:10-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Ijoolleen Waaqayyoo fi ijoolleen Diyaabilos kanaan adda baafamanii beekamu: Namni qajeelina hojjechuu hin amaleeffannes taʼe obboleessa isaa hin jaallanne hundi kan Waaqayyoo miti.+ 11 Ergaan jalqabaa kaasee dhageessan wal jaallachuu akka qabnu kan ibsu dha;+ 12 akka Qaayin isa kan isa hamaa sanaa taʼee fi obboleessa isaa gara jabinaan ajjeese sanaa taʼuu hin qabnu.+ Inni obboleessa isaa kan ajjeese maaliifi? Hojiin isaa hamaa,+ kan obboleessa isaa immoo qajeelaa+ waan tureefi.
-