-
Baʼuu 26:1-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 “Huccuuwwan dunkaanaa quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame, foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee fi foʼaa diimaa irraa tolfaman kudhan irraa godoo qulqulluu+ naaf tolchi. Isaan irrattis fakkii kiruubelotaa+ ni dhoofta.+ 2 Huccuun dunkaanaa tokkoon tokkoon isaa dheerinni isaa dhundhuma* 28, dalgi isaa immoo dhundhuma 4 haa taʼu. Huccuuwwan dunkaanaa hundi hammi isaanii qixxee haa taʼu.+ 3 Huccuuwwan dunkaanaa shan walitti qabsiifamanii tokko haa taʼan; huccuuwwan dunkaanaa shan kaanis walitti qabsiifamanii tokko haa taʼan. 4 Huccuuwwan dunkaanaa walitti qabsiifaman keessaa qarqara huccuu dunkaanaa isa dhumaa irratti gurroowwan foʼaa bifa cuquliisaa ni tolchita; huccuuwwan dunkaanaa walitti qabsiifaman kaan keessaa qarqara huccuu bakka isa kaanii wajjin itti wal qabatu irrattis akkanuma ni goota. 5 Bakka itti wal qabatanitti fuullee walii akka taʼaniif, huccuu dunkaanaa isa tokko irratti gurroowwan 50, qarqara huccuu dunkaanaa isa kan biraa irrattis gurroowwan 50 ni tolchita. 6 Warqii irraa wal qabsiistuu 50 tolchitee huccuuwwan dunkaanaa sana wal qabsiistuu sanaan wal qabsiista; akka kanaan godoo qulqulluun sun tokko ni taʼa.+
-