-
Baʼuu 36:8-13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Kanaafuu, hojjettoonni dandeettii qaban hundi+ huccuuwwan dunkaanaa quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame, foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee fi foʼaa diimaa irraa tolfaman kudhan irraa godoo qulqulluu+ ni tolchan; innis* isaan irratti bifa kiruubelotaa ni dhaʼe.+ 9 Huccuun dunkaanaa tokkoon tokkoon isaa dheerinni isaa dhundhuma* 28, dalgi isaa immoo dhundhuma 4 ture. Huccuuwwan dunkaanaa hundi hammi isaanii qixxee ture. 10 Innis huccuuwwan dunkaanaa shan walitti ni qabsiise; huccuuwwan dunkaanaa shan kaanis walitti ni qabsiise. 11 Sana booda qarqara huccuu dunkaanaa isa dhumaa bakka itti wal qabsiifamu irratti gurroowwan foʼaa bifa cuquliisaa ni tolche. Huccuu dunkaanaa isa kan biraa keessaa qarqara huccuu bakka isa kan biraa wajjin itti wal qabatu irrattis akkanuma ni godhe. 12 Inni bakka itti wal qabatanitti fuullee walii akka taʼaniif, huccuu dunkaanaa isa tokko irratti gurroowwan 50, qarqara huccuu dunkaanaa isa kan biraa irrattis gurroowwan 50 ni tolche. 13 Dhuma irrattis godoon qulqulluun sun tokko akka taʼuuf, warqii irraa wal qabsiistuu 50 tolchee huccuuwwan dunkaanaa sana wal qabsiistuu sanaan wal qabsiise.
-