LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 25:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Ilma Aaron lubichaa, ilma Eleʼazaar kan taʼe Finahaas+ kana yommuu argu, yeruma sana yaaʼii sana gidduudhaa kaʼee eeboo tokko ni fudhate.

  • Lakkoofsa 31:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Achiis Museen tokkoon tokkoon gosaa keessaa namoota 1,000 gara raayyaa waraanaatti ni erge; isaanii wajjinis raayyaa waraanaa sanaaf Finahaas+ ilma Eleʼazaar lubichaa isa miʼawwan qulqulluu fi malakata+ waraanaa harka isaatti qabate sana ni erge.

  • Iyyaasuu 22:31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Kanaafuu, Finahaas ilmi Eleʼazaar lubichaa sanyiiwwan Ruuben, Gaadii fi Minaaseetiin, “Isin Yihowaa irratti gocha amanamummaa dhabuu kana waan hin raawwanneef, harʼa Yihowaan nu gidduu akka jiru beekneerra. Amma isin Israaʼelota harka Yihowaa irraa oolchitaniittu” jedhe.

  • Abbootii Murtii 20:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Bara sanatti Finahaas+ ilmi Eleʼazaar, ilmi Aaron taaboticha duratti ni tajaajila* ture. Isaanis, “Namoota Biiniyaam warra obboloota keenya taʼan waraanuuf ammas deebinee dhaqnu moo dhiisnu?”+ jedhanii gaafatan. Yihowaanis, “Ani boru harka keessanitti dabarsee waanan isaan kennuuf, dhaqaa” jedhee isaaniif deebise.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi