-
Baʼuu 4:14-16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Yeroo kanatti aariin Yihowaa Musee irratti bobaʼe; achiis akkana isaan jedhe: “Obboleessi kee Aaron+ Leewwichi jira mitii? Inni akka gaariitti dubbachuu akka dandaʼu nan beeka. Amma inni si simachuuf as dhufaa jira. Yommuu si argus garaan isaa ni gammada.+ 15 Kanaafuu, isatti dubbadhu; dubbichas afaan isaa keessa kaaʼi;+ anis yommuu isin dubbattanitti sii fi isaa wajjin nan taʼa;+ wanta gochuu qabdanis isinan barsiisa. 16 Inni sabichatti siif ni dubbata; nama siif dubbatus ni taʼa; atis akka Waaqaa* isaaf ni taata.+
-
-
Baʼuu 4:30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 Aaronis wanta Yihowaan Museetti dubbate hundumaa isaanitti hime; innis uummaticha duratti mallattoowwan sana ni raawwate.+
-