LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 8:21, 22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Saba koo hin gadhiistu taanaan garuu, ani si irratti, tajaajiltoota kee irratti, saba kee irrattii fi manneen kee irratti qarxaasaa* nan erga; manneen Gibxiis qarxaasaadhaan ni guutamu; lafa isaan* irra dhaabbatan illee ni uwwisu. 22 Guyyaa sanatti ani dhugumaan biyya Gooshen isa sabni koo keessa jiraatan sana addaan nan baasa. Achi keessa qarxaasaan hin jiraatu;+ kanaanis isin ani Yihowaan biyyattii keessa akkan jiru ni beektu.+

  • Baʼuu 9:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 kunoo, harki Yihowaa+ horiiwwan kee warra dirree keessa jiran irratti ni dhufa. Fardeen, harroota, gaalota, loonii fi bushaayee irratti dhaʼichi guddaan ni dhufa.+

  • Baʼuu 9:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Yihowaanis guyyaa itti aanutti akkanuma ni godhe; akaakuun horii warra Gibxii hundis duduʼuu jalqaban;+ horii warra Israaʼel keessaa garuu tokko illee hin duune.

  • Baʼuu 9:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Cabbiin biyya Gooshen isa Israaʼelonni keessa jiran qofa keessatti utuu hin buʼin hafe.+

  • Baʼuu 11:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Haa taʼu malee, Yihowaan warra Gibxii fi Israaʼelota gidduu garaa garummaan akka jiraatu gochuu akka dandaʼu akka beektaniif, Israaʼelotatti, namoota isaaniitti yookiin horiiwwan isaaniitti sareen illee hin duttu.’+

  • Baʼuu 12:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Dhiigni sun manneen isin keessa jirtan irratti mallattoo isiniif ni taʼa; anis dhiigicha ilaalee isin bira nan darba; yommuun biyya Gibxii rukututtis dhaʼichi sun dhufee isin hin balleessu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi