-
Baʼuu 9:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 kunoo, harki Yihowaa+ horiiwwan kee warra dirree keessa jiran irratti ni dhufa. Fardeen, harroota, gaalota, loonii fi bushaayee irratti dhaʼichi guddaan ni dhufa.+ 4 Yihowaan dhugumaan horiiwwan Israaʼelii fi horiiwwan Gibxii gidduutti garaa garummaan akka jiraatu ni godha; wanta kan Israaʼelotaa taʼe keessaa homtuu hin duʼu.”’”+
-
-
Baʼuu 10:23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Isaanis wal arguu hin dandaʼan turan; tokkoon isaanii illee guyyaa sadiif bakka jiran irraa kaʼuu hin dandeenye; Israaʼelonni hundi garuu bakka jireenyaa isaaniitti ifa ni argatu turan.+
-
-
Baʼuu 12:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Dhiigni sun manneen isin keessa jirtan irratti mallattoo isiniif ni taʼa; anis dhiigicha ilaalee isin bira nan darba; yommuun biyya Gibxii rukututtis dhaʼichi sun dhufee isin hin balleessu.+
-