-
Keessa Deebii 16:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Kanaa mannaa, bakka Waaqni kee Yihowaan maqaan isaa achi akka jiraatu filatutti dhihaachuu qaba. Guyyuma* biyya Gibxii keessaa itti baatetti, galgala akkuma aduun lixxeen aarsaa Faasikaa dhiheessuu qabda.+ 7 Isas bakka Waaqni kee Yihowaan filatutti+ bilcheessii nyaadhu;+ yommuu bariʼus gara dunkaana keetti deebiʼuu dandeessa.
-