LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 39:7-9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Wantoota kana booda, haati manaa gooftaa isaa ija ishii Yoseef irra buufachuu jalqabde; achiis, “Anaa wajjin ciisi” isaan jette. 8 Inni garuu tole hin jenne; haadha manaa gooftaa isaatiinis akkana jedhe: “Kunoo, gooftaan koo mana kana keessatti wanta na harka jiru tokko illee hin beeku; wanta qabu hundumaa imaanaadhaan anatti kenneera. 9 Mana kana keessatti namni ana irra caalu hin jiru; wanta hundumaa naaf kenneera; inni anaaf kan hin kennine si qofa; sababiin isaas, ati haadha manaa isaa ti. Maarree, ani badii guddaa kana akkamittan raawwadha? Waaqayyo irrattis akkamittan cubbuu hojjedha?”+

  • Keessa Deebii 5:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 “‘Hin ejjin.+

  • Fakkeenya 6:32
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 32 Namni dubartii wajjin ejja raawwatu kam iyyuu hubannaa* hin qabu;

      Namni akkana godhu of* irratti badiisa fida.+

  • Maatewos 5:27, 28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 “‘Hin ejjin’+ akka jedhame dhageessaniittu. 28 Ani garuu isinitti nan hima, namni hamma fedhiin isaa kakaʼutti dubartii takka ilaaluu+ isaa itti fufu hundi garaa isaatti ishii wajjin ejja raawwateera.+

  • Roomaa 13:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Seerri, “Hin ejjin,+ hin ajjeesin,+ hin hatin,+ hin gomjaʼin”+ jedhus taʼe, ajajni kan biraan kam iyyuu ajaja, “Nama* akka ofii keetti jaalladhu”+ jedhu keessatti walitti qabamaniiru.

  • 1 Qorontos 6:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Halalummaa* irraa baqadhaa!+ Cubbuu kan biraan namni tokko hojjetu hundi qaama isaatii alatti dha; namni halalummaa raawwachuu amaleeffate garuu qaama ofii isaa irratti cubbuu hojjeta.+

  • Ibroota 13:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Gaaʼelli hundumaa biratti kabajamaa haa taʼu, ciisichi gaaʼelaas qulqulluu haa taʼu;+ sababiin isaas, Waaqayyo namoota halalee* fi ejjitoota taʼanitti ni murteessa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi