LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Fakkeenya 2:18, 19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Sababiin isaas, manni ishii gara duʼaatti gad ni lixa,

      Daandiin ishiis gara warra duʼaan moʼamaniitti geessa.+

      19 Warri ishii wajjin walitti dhufeenya qaban* hin deebiʼan,

      Deebiʼaniis daandii jireenyaa hin argatan.+

  • Fakkeenya 5:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Yaa ilma koo, maarree ati dubartii addaggeedhaan* kan boojiʼamtu

      Yookiin dubartii baalagee* kan hammattu maaliifi?+

  • Fakkeenya 5:23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Adaba dhabuu isaatiin ni duʼa,

      Gowwummaa isaa isa hammana hin jedhamneenis karaa irraa ni maqa.

  • Miilkiyaas 3:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 “Ani murtiidhaaf gara keessan nan dhufa; falfaltoota,+ ejjitoota, namoota sobaan kakatan,+ namoota warra mindeessanii hojjechiisan,+ dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi mucaa abbaa hin qabne* gowwoomsan,+ akkasumas warra namoota biyya ormaa gargaaruu didan*+ irratti dafee ragaa nan baʼa. Isaan kun na hin sodaanne” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

  • 1 Qorontos 6:9, 10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Yookiin namoonni jalʼoota taʼan Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhaalle hin beektanii?+ Hin dogoggorinaa.* Warri halaleen,*+ warri waaqolii tolfamoo waaqeffatan,+ ejjitoonni,+ warri gadhaaʼan,+ warri nama gadhoomsan,*+ 10 hattoonni, sassattoonni,+ warri machaaʼan,+ warri nama arrabsanii fi saamtonni Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan.+

  • Ibroota 13:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Gaaʼelli hundumaa biratti kabajamaa haa taʼu, ciisichi gaaʼelaas qulqulluu haa taʼu;+ sababiin isaas, Waaqayyo namoota halalee* fi ejjitoota taʼanitti ni murteessa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi