-
Leewwota 25:35, 36Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
35 “‘Obboleessi kee sitti dhihoo jiraatu tokko yoo hiyyoomee fi of gargaaruu yoo dadhabe, inni sii wajjin lubbuudhaan jiraachuu isaa akka itti fufuuf, akkuma nama biyya ormaa fi qubataadhaaf+ gootu isas gargaaruu qabda.+ 36 Isa irraa dhala yookiin buʼaa* hin fudhatin.+ Waaqa kee sodaadhu;+ obboleessi kees lubbuudhaan sii wajjin ni jiraata.
-
-
Keessa Deebii 23:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 “Obboleessa keetiif maallaqa, nyaata yookiin wanta kan biraa yommuu liqeessitu, dhala isa hin kaffalchiisin.+
-
-
Luqaas 6:34, 35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
34 Kana malees, warra nuuf deebisu jettanii abdattaniif yoo liqeessitan* galata maalii argattu?+ Cubbamoonni illee, wanta liqeeffatan hunda nuu deebisu jedhanii abdachuudhaan cubbamootaaf ni liqeessu. 35 Kanaa mannaa, diinota keessan jaallachuu, wanta gaarii gochuu fi deebisnee arganna jettanii utuu hin abdatin liqeessuu keessan itti fufaa;+ kana yoo gootan badhaasni keessan guddaa taʼa, ilmaan Isa Hundaa Oliis ni taatu; sababiin isaas, inni warra hin galateeffannee fi hamootaaf illee gaarii dha.+
-