- 
	                        
            
            Uumama 15:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
13 Achiis Waaqayyo Abraamiin akkana jedhe: “Sanyiin kee biyya kan isaanii hin taane keessatti orma taʼanii akka jiraatanii fi namoonni achi jiranis garboota godhatanii waggaa 400f akka isaan cunqursan beeki.+ 14 Haa taʼu malee, ani saba isaan tajaajiluuf jiran sana irratti nan murteessa;+ sana booda isaan miʼawwan hedduu fudhatanii achi keessaa ni baʼu.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Baʼuu 12:36Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
36 Yihowaan warra Gibxii duratti sabichaaf ulfina waan kenneef, wanta isaan gaafatan isaaniif ni kennan; isaanis warra Gibxii ni saaman.+
 
 -