-
Baʼuu 39:27-29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Sana booda isaan Aaronii fi ilmaan isaatiif foʼaa quncee talbaa baʼeessa namni wayyaa dhaʼu qopheesse irraa uffata dheeraa ni tolchan;+ 28 marata mataa+ foʼaa quncee talbaa baʼeessa taʼe irraa tolfame, marata mataa faayawwaniin miidhagfamee+ fi foʼaa quncee talbaa baʼeessa taʼe irraa tolfame, qumxaawwan* foʼaa quncee talbaa+ baʼeessa taʼee foʼame irraa tolfaman, 29 akkasumas, sabbata foʼaa quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame, foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee fi foʼaa diimaa walitti dhaʼame irraa tolfame ni tolchan; kanas akkuma Yihowaan Musee ajajetti ni raawwatan.
-