-
Baʼuu 13:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Faraʼoon didaa taʼuudhaan nu gadhiisuu yommuu didetti,+ Yihowaan ilmaan angafaa namootaa irraa jalqabee hamma horii jalqaba dhalateetti, angafa biyya Gibxii keessa ture hundumaa ni ajjeese.+ Ani dhiirota angafa taʼan* hundumaa Yihowaadhaaf aarsaa kanan godhuu fi ilmaan koo keessaa warra angafa taʼan hundumaa kanan furu kanaafi.’
-
-
Lakkoofsa 18:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 “Namas taʼe horii uumamawwan jiraatoon* dura dhalatan+ warri isaan Yihowaadhaaf dhiheessan hundi kan kee ni taʼu. Haa taʼu malee, namoota keessaa warra dura dhalatan mamii tokko malee furi;+ horiiwwan xuraaʼoo keessaas warra dura dhalatan furuu qabda.+ 16 Yommuu inni jiʼa tokkoo fi isaa ol taʼutti akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe* sanaatti, gatii meetii sheeqilii* shaniin shallagametti+ gatii furiitiin isa furi. Kunis geeraa* 20 dha.
-