-
Keessa Deebii 15:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Haa taʼu malee, horiin sun mudaa yoo qabaate, jechuunis yoo naafate, yoo jaame yookiin mudaa guddaa kan biraa akkamii iyyuu yoo qabaate Waaqa kee Yihowaadhaaf aarsaa gootee dhiheessuu hin qabdu.+
-
-
Miilkiyaas 1:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 “Namni bushaayee isaa keessaa horii mudaa hin qabne utuma qabuu wareega wareegee horii mudaa qabu aarsaa godhee Yihowaadhaaf dhiheessuudhaan gowwoomsaa raawwatu abaaramaa haa taʼu. Sababiin isaas, ani Mootii isa guddaa dha;+ maqaan koos saboota gidduutti sodaachisaa ni taʼa”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
-