LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 29:38-41
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 38 “Wantoonni iddoo aarsaa irratti dhiheessitu kanneen kana dha: utuu wal irraa hin kutin guyyaa guyyaadhaan xobbaallaa hoolaa waggaa tokko taʼan lama ni dhiheessita.+ 39 Xobbaallaa hoolaa isa tokko ganama, xobbaallaa hoolaa isa kan biraa immoo yeroo dimimmisaaʼu* dhiheessi.+ 40 Daakuu bullaaʼaan safartuu eefaa* tokko keessaa harka kudhan keessaa harki tokko inni zayitii qulqulluu ejersa tumame irraa argamu hiinii* tokko keessaa harka afur keessaa harka tokkoo wajjin makame, akkasumas aarsaan dhugaatii wayinii hiinii tokko harka afur keessaa harki tokko xobbaallaa hoolaa isa jalqabaa wajjin ni dhihaata. 41 Xobbaallaa hoolaa isa lammaffaa dimimmisa* keessa ni dhiheessita; isaa wajjinis aarsaa midhaanii fi aarsaa dhugaatii isa ganama dhihaatuu wajjin wal fakkaatu ni dhiheessita. Kanas aarsaa urgaan isaa gammachiisuu* fi Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu gootee ni dhiheessita.

  • Lakkoofsa 28:4-6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Xobbaallaa hoolaa kormaa isa tokko ganama, xobbaallaa hoolaa kormaa isa kan biraa immoo yeroo dimimmisaaʼu* ni dhiheessita;+ 5 kanaa wajjinis daakuu bullaaʼaa eefaa* tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko taʼee fi zayitii ejersa tumame irraa argamu hiinii* tokko keessaa harka afur keessaa harka tokkoon makame aarsaa midhaanii gootee ni dhiheessita.+ 6 Kun akka dambii Gaara Siinaa irratti baʼetti aarsaa yeroo hundumaa dhihaatuu+ fi urgaan isaa gammachiisu,* jechuunis aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu sana dha;

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi