LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 16:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 “Inni yaaʼii Israaʼel+ irraa aarsaa cubbuutiif reʼoota xobbaallaa kormaa lama, aarsaa gubamuuf immoo korbeessa hoolaa tokko haa fudhatu.

  • Ibroota 2:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Kanaafuu, inni wantoota Waaqayyoo wajjin wal qabatan hundumaa irratti luba ol aanaa gara laafessaa fi amanamaa taʼuudhaan, aarsaa araaraa+ cubbuu namootaatiif+ dhiifama argamsiisu dhiheessuuf, gama hundumaatiin “obboloota” isaa fakkaachuun+ isa barbaachiseera.

  • Ibroota 5:1-3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Lubni ol aanaan namoota keessaa filatame kam iyyuu, bakka isaanii buʼee cubbuudhaaf kennaa fi aarsaa dhiheessuuf+ wantoota Waaqayyoo wajjin wal qabatan irratti muudama.+ 2 Innis dadhabina mataa isaa waan qabuuf, warra wallaalota taʼanii fi warra dogoggoran* gara laafinaan* qabuu dandaʼa; 3 kanaan kan kaʼes, akkuma namoota sanaaf godhu, cubbuu ofii isaatiifis aarsaa dhiheessuu qaba.+

  • Ibroota 9:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Utuu akkas taʼee, addunyaan erga hundeeffamee jalqabee yeroo baayʼee dhiphachuu qaba ture. Haa taʼu malee, aarsaa ofii isaatiin cubbuu balleessuuf,+ dhuma sirnootaa* irratti yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha of mulʼiseera.

  • 1 Yohaannis 2:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Yaa ijoollee koo, wantoota kana kanan isiniif barreessu akka isin cubbuu hin hojjenneefi. Haa taʼu malee, namni kam iyyuu cubbuu yoo hojjete nuti Abbaa biraa gargaaraa* qabna; innis Yesuus Kiristoos+ isa qajeelaa taʼe dha.+ 2 Inni aarsaa+ araaraa cubbuu keenyaaf dhihaate dha;+ taʼus cubbuu guutummaa addunyaatiifis+ malee cubbuu keenyaaf qofa miti.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi