LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 53:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  5 Inni garuu yakka keenyaaf ni waraaname;+

      Balleessaa keenyaafis ni caccabsame.+

      Nagaa nuuf argamsiisuuf jedhee adaba ni baate,+

      Madaa isaatiin kan kaʼes nuti ni fayyine.+

  • Roomaa 3:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Waaqayyo namoota dhiiga isaatti amananiif+ aarsaa araaraa godhee isa dhiheesseera.+ Kana kan godhe, Waaqayyo cubbuuwwan baroota darbanitti hojjetamaniif obsa isaatiin dhiifama gochuudhaan qajeelummaa isaa argisiisuuf jedhee ti.

  • 1 Ximotewos 1:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Dubbiin kun amanamaa fi guutummaatti fudhatama argachuu kan qabu dha: Kiristoos Yesuus gara addunyaa kan dhufe cubbamoota fayyisuufi.+ Isaan keessaa immoo cubbamaan hunda caalu ana dha.+

  • Ibroota 2:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Kanaafuu, inni wantoota Waaqayyoo wajjin wal qabatan hundumaa irratti luba ol aanaa gara laafessaa fi amanamaa taʼuudhaan, aarsaa araaraa+ cubbuu namootaatiif+ dhiifama argamsiisu dhiheessuuf, gama hundumaatiin “obboloota” isaa fakkaachuun+ isa barbaachiseera.

  • 1 Pheexiros 2:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Nuti cubbuudhaaf duunee qajeelummaadhaaf akka jiraannuuf, inni cubbuu keenya qaama isaatiin muka irratti+ baate.+ “Isinis madaa isaatiin fayyifamtan.”+

  • 1 Yohaannis 4:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Jaalala jechuun kana dha; kunis nuti Waaqayyoon waan jaallanneef utuu hin taʼin, Waaqayyo waan nu jaallateef, cubbuu keenyaaf aarsaa+ araaraa akka taʼu Ilma isaa erguu isaa ti.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi